< Zaccharias Propheta 14 >
1 ecce dies veniunt Domini et dividentur spolia tua in medio tui
Kunoo guyyaan Waaqayyoo ni dhufa; boojuun kees si keessatti ni qoqqoodama.
2 et congregabo omnes gentes ad Hierusalem in proelium et capietur civitas et vastabuntur domus et mulieres violabuntur et egredietur media pars civitatis in captivitatem et reliquum populi non auferetur ex urbe
Ani akka isaan ishee waraananiif saboota hunda Yerusaalemitti walitti nan qaba; magaalattiin ni qabamti; manneen ni saamamu; dubartoonni isaanii humnaan gudeedamu. Gartokkeen magaalattii ni boojiʼama; uummanni hafe garuu magaalattii keessaa hin fudhatamu.
3 et egredietur Dominus et proeliabitur contra gentes illas sicut proeliatus est in die certaminis
Waaqayyo akkuma guyyaa duulaa dhaqee lolu sana, dhaqee saboota sana lola.
4 et stabunt pedes eius in die illa super montem Olivarum qui est contra Hierusalem ad orientem et scindetur mons Olivarum ex media parte sui ad orientem et occidentem praerupto grandi valde et separabitur medium montis ad aquilonem et medium eius ad meridiem
Guyyaa sana miilli isaa Tulluu Ejersaa isa karaa baʼa Yerusaalemiitiin jiru irra dhaabata; Tulluun Ejersaas baʼaa gara dhiʼaatti sulula guddaa uumee iddoo lamatti baqaqfama. Tulluun sunis gartokkeen isaa gara kaabaatti, gartokkeen isaa immoo gara kibbaatti siqa.
5 et fugietis ad vallem montium meorum quoniam coniungetur vallis montium usque ad proximum et fugietis sicut fugistis a facie terraemotus in diebus Oziae regis Iuda et veniet Dominus Deus meus omnesque sancti cum eo
Isin karaa sulula tulluu kootiin baqattu; inni gara Aazeelitti diriirfamaatii. Isin akkuma bara Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa sochii lafaa jalaa baqattan sana ammas ni baqattu. Ergasii Waaqayyo, Waaqni koo ni dhufa; qulqulloonni hundinuus isa wajjin ni dhufu.
6 et erit in die illa non erit lux sed frigus et gelu
Guyyaa sana ifni, dhaamochii fi qorri hin jiraatan.
7 et erit dies una quae nota est Domino non dies neque nox et in tempore vesperae erit lux
Guyyaan sun guyyaa addaa, guyyaa Waaqayyo qofa biratti beekamu, yeroo itti garaagarummaan guyyaa fi halkanii hin beekamne ni taʼa. Yeroo dhiʼutti ifa ni taʼa.
8 et erit in die illa exibunt aquae vivae de Hierusalem medium earum ad mare orientale et medium earum ad mare novissimum in aestate et in hieme erunt
Gaafas bishaan jireenyaa Yerusaalem keessaa ni yaaʼa; walakkaan isaa gara galaana baʼaatti, walakkaan immoo gara galaana lixaatti bonaa fi ganna yaaʼa.
9 et erit Dominus rex super omnem terram in die illa erit Dominus unus et erit nomen eius unum
Waaqayyo guutummaa lafaa irratti mootii taʼa. Gaafas Waaqayyo tokko, maqaan isaas maqaa tokko taʼa.
10 et revertetur omnis terra usque ad desertum de colle Remmon ad austrum Hierusalem et exaltabitur et habitabit in loco suo a porta Beniamin usque ad locum portae Prioris usque ad portam Angulorum et a turre Ananehel usque ad torcularia regis
Guutummaan biyyattii Gebaadhaa hamma Rimoon ishee kibba Yerusaalem jirtuutti akka Arabbaa taʼa. Yerusaalem garuu Karra Beniyaamii hamma Karra Jalqabaatti, hamma Karra Goleetti, Gamoo Hanaaniʼeelii hamma iddoo cuunfaa wayinii mootichaatti ol kaafamtee iddoodhuma ishee durii ni turti.
11 et habitabunt in ea et anathema non erit amplius sed sedebit Hierusalem secura
Namni ishee keessa jiraata; isheen siʼachi hin diigamtu. Yerusaalem nagaadhaan jiraatti.
12 et haec erit plaga qua percutiet Dominus omnes gentes quae pugnaverunt adversus Hierusalem tabescet caro uniuscuiusque stantis super pedes suos et oculi eius contabescent in foraminibus suis et lingua eorum contabescet in ore suo
Kun dhaʼicha Waaqayyo ittiin saboota Yerusaalemin lolan hunda rukutuu dha: Foon isaanii utuma isaan miilla isaaniitiin dhaabatanii jiranuu tortora; iji isaanii boolla ija isaanii keessatti tortora; arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti tortora.
13 in die illo erit tumultus Domini magnus in eis et adprehendet vir manum proximi sui et conseretur manus eius super manum proximi sui
Gaafas jeequmsi guddaan Waaqayyo biraa namootatti ni dhufa. Isaanis harkaan wal qabatanii wal haleelu
14 sed et Iudas pugnabit adversus Hierusalem et congregabuntur divitiae omnium gentium in circuitu aurum et argentum et vestes multae satis
Yihuudaanis Yerusaalemin lola. Qabeenyi saboota naannoo ishee jiraatanii hundi warqeen, meetii fi uffanni baayʼeen walitti qabama.
15 et sic erit ruina equi et muli cameli et asini et omnium iumentorum quae fuerint in castris illis sicut ruina haec
Dhaʼichi akkasii fardeenii fi gaangolii, gaalaa fi harree, akkasumas horii qubata keessaa hunda ni rukuta.
16 et omnes qui reliqui fuerint de universis gentibus quae venerint contra Hierusalem ascendent ab anno in annum ut adorent regem Dominum exercituum et celebrent festivitatem tabernaculorum
Ergasii hambaawwan saboota Yerusaalemin lolan hundaa wagguma waggaadhaan Mooticha, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuu fi Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol baʼu.
17 et erit qui non ascenderit de familiis terrae ad Hierusalem ut adoret regem Dominum exercituum non erit super eos imber
Uummanni lafa irra jiraatu kam iyyuu yoo Mooticha, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuuf Yerusaalemitti ol baʼuu baate bokkaa hin argatu.
18 quod si et familia Aegypti non ascenderit et non venerit nec super eos erit sed erit ruina qua percutiet Dominus omnes gentes quae non ascenderint ad celebrandam festivitatem tabernaculorum
Uummanni Gibxiis yoo ol baʼee hirmaachuu baate bokkaa hin argatu. Waaqayyo dhaʼicha ittiin saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane rukutu isaanitti ni fida.
19 hoc erit peccatum Aegypti et hoc peccatum omnium gentium quae non ascenderint ad celebrandam festivitatem tabernaculorum
Kun adabbii Gibxii fi adabbii saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane hundaa taʼa.
20 in die illo erit quod super frenum equi est sanctum Domino et erunt lebetes in domo Domini quasi fialae coram altari
Gaafas katabbiin, “Waaqayyoof qulqullaaʼe” jedhu bilbila fardeenii irratti ni barreeffama. Xuwween mana Waaqayyoo keessaas akkuma waciitii qulqulluu fuula iddoo aarsaa dura jiru sanaa ni taʼa.
21 et erit omnis lebes in Hierusalem et in Iuda sanctificatus Domino exercituum et venient omnes immolantes et sument ex eis et coquent in eis et non erit mercator ultra in domo Domini exercituum in die illo
Xuwween Yerusaalemii fi Yihuudaa keessaa hundi Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuuf qulqulluu taʼa; namni aarsaa dhiʼeessuuf dhufu hundinuus xuwweewwan sana keessaa muraasa ni fudhata. Foon aarsaa itti bilcheeffata. Gaafas namni Kanaʼaan tokko iyyuu deebiʼee mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti hin argamu.