< Romanos 2 >

1 propter quod inexcusabilis es o homo omnis qui iudicas in quo enim iudicas alterum te ipsum condemnas eadem enim agis qui iudicas
Kanaafuu yaa namichoo, ati yoo abbaa fedhe illee taate kan nama kaanitti murtu waan itti qabattu hin qabdu; waan ittiin namatti murtu hundaan ofittis ni murtaatii; ati kan murtii kennitu iyyuu ofii keetiis isuma hojjettaatii.
2 scimus enim quoniam iudicium Dei est secundum veritatem in eos qui talia agunt
Nu akka murtiin Waaqaa kan warra waan akkanaa hojjetan irratti murteeffamu dhugaa irratti hundaaʼe ni beekna.
3 existimas autem hoc o homo qui iudicas eos qui talia agunt et facis ea quia tu effugies iudicium Dei
Yaa namichoo, ati yommuu warra waan akkanaa hojjetanitti murtee ofii keetii immoo waanuma akkasii hojjettu waan murtii Waaqaa jalaa baatu seetaa?
4 an divitias bonitatis eius et patientiae et longanimitatis contemnis ignorans quoniam benignitas Dei ad paenitentiam te adducit
Yookaan ati akka gara laafummaan Waaqaa gara qalbii jijjiirrannaatti si geessu utuu hin beekin baayʼina gara laafummaa isaa, gara balʼina isaatii fi obsa isaa ni tuffattaa?
5 secundum duritiam autem tuam et inpaenitens cor thesaurizas tibi iram in die irae et revelationis iusti iudicii Dei
Ati garuu sababii mata jabina keetiitii fi garaa kee isa qalbii hin jijjiirranne sanaatiif guyyaa dheekkamsa Waaqaa kan murtiin qajeelaan itti mulʼatu sanaaf dheekkamsa of irratti kuusaa jirta.
6 qui reddet unicuique secundum opera eius
Waaqni, “Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.”
7 his quidem qui secundum patientiam boni operis gloriam et honorem et incorruptionem quaerentibus vitam aeternam (aiōnios g166)
Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna. (aiōnios g166)
8 his autem qui ex contentione et qui non adquiescunt veritati credunt autem iniquitati ira et indignatio
Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata.
9 tribulatio et angustia in omnem animam hominis operantis malum Iudaei primum et Graeci
Nama hammina hojjetu hunda irratti, jalqabatti Yihuudii irratti, ergasii immoo Nama Ormaa irratti dhiphinnii fi rakkinni ni dhufa.
10 gloria autem et honor et pax omni operanti bonum Iudaeo primum et Graeco
Garuu nama waan gaarii hojjetu hundaaf, jalqabatti Yihuudiif, ergasii immoo Nama Ormaatiif kabajni, ulfinnii fi nagaan ni taʼa.
11 non est enim personarum acceptio apud Deum
Waaqni nama wal hin caalchisuutii.
12 quicumque enim sine lege peccaverunt sine lege et peribunt et quicumque in lege peccaverunt per legem iudicabuntur
Warri utuu seera hin qabaatin cubbuu hojjetan hundinuu seera malee barbadaaʼu; warra utuu seera qabanuu cubbuu hojjetan hundattis seeruma sanaan murama.
13 non enim auditores legis iusti sunt apud Deum sed factores legis iustificabuntur
Sababiin isaas warra seeraaf ajajamanitu fuula Waaqaa duratti qajeeltota taasifama malee warri seera dhagaʼan qajeeltota miti.
14 cum enim gentes quae legem non habent naturaliter quae legis sunt faciunt eiusmodi legem non habentes ipsi sibi sunt lex
Namoonni Ormaa warri seera hin qabne yoo uumamaan waan seerri ajaju hojjetan, yoo seera qabaachuu baatan illee isaan ofii isaaniitiifuu seera.
15 qui ostendunt opus legis scriptum in cordibus suis testimonium reddente illis conscientia ipsorum et inter se invicem cogitationum accusantium aut etiam defendentium
Isaan waan qalbiin isaanii dhugaa baʼuuf, waan yaadni isaaniis yeroo tokko isaan himatee yeroo kaan immoo isaaniif falmuuf, akka ajajni seeraa garaa isaanii keessatti barreeffame ni argisiisu.
16 in die cum iudicabit Deus occulta hominum secundum evangelium meum per Iesum Christum
Akka wangeela ani lallabuutti wanni kun gaafa Waaqni icciitii namootaa karaa Yesuus Kiristoosiin murtii itti kennutti taʼa.
17 si autem tu Iudaeus cognominaris et requiescis in lege et gloriaris in Deo
Ati yoo Yihuudii ofiin jette, yoo seera amanatte, yoo kan Waaqaanis of jajju taate,
18 et nosti voluntatem et probas utiliora instructus per legem
yoo fedhii isaa beekte, yoo seera sanaanis qajeelfamtee waan hunda caalu mirkaneeffatte,
19 confidis te ipsum ducem esse caecorum lumen eorum qui in tenebris sunt
warra iji isaanii jaameef dura deemaa, warra dukkana keessa jiraniif immoo ifa taʼuu kee yoo amante,
20 eruditorem insipientium magistrum infantium habentem formam scientiae et veritatis in lege
karaa seeraatiinis beekumsaa fi dhugaa qabduun yoo wallaaltota gorsite, daaʼimmanis yoo barsiifte,
21 qui ergo alium doces te ipsum non doces qui praedicas non furandum furaris
egaa ati kan warra kaan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? Kan “Hin hatin” jettee barsiiftu ofii keetii immoo ni hattaa?
22 qui dicis non moechandum moecharis qui abominaris idola sacrilegium facis
Ati kan, “Namni ejjuu hin qabu” jettu ofii keetii ni ejjitaa? Kan waaqota tolfamoo akka malee jibbitu mana qulqullummaa ni saamtaa?
23 qui in lege gloriaris per praevaricationem legis Deum inhonoras
Ati kan Seeraan of jajju seera cabsuudhaan Waaqa ni salphiftaa?
24 nomen enim Dei per vos blasphematur inter gentes sicut scriptum est
“Sababii keessaniif maqaan Waaqaa Namoota Ormaa gidduutti arrabsama” jedhamee barreeffameeraatii.
25 circumcisio quidem prodest si legem observes si autem praevaricator legis sis circumcisio tua praeputium facta est
Yoo ati seera eegde dhagna qabaan faayidaa qaba; yoo seera cabsite garuu akka waan dhagna hin qabatinii taateerta.
26 si igitur praeputium iustitias legis custodiat nonne praeputium illius in circumcisionem reputabitur
Warri dhagna hin qabatin yoo waan seerri ajaju eegan, akka waan dhagna qabataniitti hin ilaalamanii ree?
27 et iudicabit quod ex natura est praeputium legem consummans te qui per litteram et circumcisionem praevaricator legis es
Namni utuu fooniin dhagna hin qabatin seera eegu tokko si nama seera barreeffame qabaattee dhagnas qabattee seera cabsitutti ni mura.
28 non enim qui in manifesto Iudaeus est neque quae in manifesto in carne circumcisio
Namni waan alaan mulʼatu qofaan Yihuudii hin taʼu; dhagna qabachuunis waan alaan mulʼatu qofa miti.
29 sed qui in abscondito Iudaeus et circumcisio cordis in spiritu non littera cuius laus non ex hominibus sed ex Deo est
Garuu nama keessa namummaa isaatiin Yihuudii taʼetu Yihuudii dha; dhagna qabaanis dhagna qabaa yaada garaa kan Hafuuraan taʼuudha malee seera barreeffameen miti. Namni akkasii Waaqa biratti malee nama biratti hin jajamu.

< Romanos 2 >