< Romanos 10 >

1 fratres voluntas quidem cordis mei et obsecratio ad Deum fit pro illis in salutem
Yaa obboloota, hawwiin garaa kootii fi wanni ani Israaʼelootaaf Waaqa kadhadhu akka isaan fayyaniif.
2 testimonium enim perhibeo illis quod aemulationem Dei habent sed non secundum scientiam
Ani akka isaan Waaqaaf hinaaffaa qaban dhugaa nan baʼa; hinaaffaan isaanii garuu kan beekumsa irratti hundeeffame miti.
3 ignorantes enim Dei iustitiam et suam quaerentes statuere iustitiae Dei non sunt subiecti
Isaan waan qajeelummaa Waaqa biraa dhufu hin beekinii fi waan qajeelummaa ofii isaanii uumachuu barbaadaniif qajeelummaa Waaqaatiif hin bulle.
4 finis enim legis Christus ad iustitiam omni credenti
Akka namni amanu hundinuu qajeelummaa argatuuf Kiristoos raawwii seeraatii.
5 Moses enim scripsit quoniam iustitiam quae ex lege est qui fecerit homo vivet in ea
Museen waaʼee qajeelummaa seeraan argamuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata” jedhee waan kana barreesseeraatii.
6 quae autem ex fide est iustitia sic dicit ne dixeris in corde tuo quis ascendit in caelum id est Christum deducere
Qajeelummaan amantiidhaan argamu garuu akkana jedha; “Ati garaa kee keessatti, ‘Eenyutu gara samiitti ol baʼa?’ hin jedhin;” Kun Kiristoosin gad buusuuf;
7 aut quis descendit in abyssum hoc est Christum ex mortuis revocare (Abyssos g12)
“Yookaan, ‘Eenyutu qileetti gad buʼa?’ hin jedhin;” kun Kiristoosin warra duʼan keessaa ol baasuuf. (Abyssos g12)
8 sed quid dicit prope est verbum in ore tuo et in corde tuo hoc est verbum fidei quod praedicamus
Inni garuu maal jedha? “Dubbichi si bira jira; afaan keetii fi garaa kee keessa jira;” innis dubbii amantii isa nu lallabnuu dha;
9 quia si confitearis in ore tuo Dominum Iesum et in corde tuo credideris quod Deus illum excitavit ex mortuis salvus eris
kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
10 corde enim creditur ad iustitiam ore autem confessio fit in salutem
Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.
11 dicit enim scriptura omnis qui credit in illum non confundetur
Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhaatii.
12 non enim est distinctio Iudaei et Graeci nam idem Dominus omnium dives in omnes qui invocant illum
Yihuudii fi Giriikii gidduu garaa garummaan hin jiruutii; Gooftuma tokkicha sanatu Gooftaa hundaa ti; innis warra isa waammatan hunda eebba isaatiin badhaasa.
13 omnis enim quicumque invocaverit nomen Domini salvus erit
“Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”
14 quomodo ergo invocabunt in quem non crediderunt aut quomodo credent ei quem non audierunt quomodo autem audient sine praedicante
Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree?
15 quomodo vero praedicabunt nisi mittantur sicut scriptum est quam speciosi pedes evangelizantium pacem evangelizantium bona
Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, “Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!” jedhamee barreeffamee dha.
16 sed non omnes oboedierunt evangelio Esaias enim dicit Domine quis credidit auditui nostro
Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?” jedhaatii.
17 ergo fides ex auditu auditus autem per verbum Christi
Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
18 sed dico numquid non audierunt et quidem in omnem terram exiit sonus eorum et in fines orbis terrae verba eorum
Ani garuu: Isaan hin dhageenye moo? jedhee nan gaafadha; dhugumaanuu isaan dhagaʼaniiru: “Sagaleen isaanii lafa hunda, dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.”
19 sed dico numquid Israhel non cognovit primus Moses dicit ego ad aemulationem vos adducam in non gentem in gentem insipientem in iram vos mittam
Ammas ani: Israaʼel hin hubanne moo? jedheen gaafadha. Museen duraan dursee, “Ani warra saba hin taʼiniin akka isin hinaaftan nan godha; saba hubannaa hin qabneenis isin nan aarsaa” jedha.
20 Esaias autem audet et dicit inventus sum non quaerentibus me palam apparui his qui me non interrogabant
Isaayyaasis ija jabinaan, “Warri na hin barbaadin na argatan; warra na hin iyyaafatinittis nan mulʼadhe” jedha.
21 ad Israhel autem dicit tota die expandi manus meas ad populum non credentem et contradicentem
Waaʼee Israaʼel garuu, “Ani guyyaa guutuu gara uummata hin ajajamnee fi didaa taʼeetti harka koo nan diriirfadhe” jedha.

< Romanos 10 >