< Psalmorum 113 >

1 alleluia laudate pueri Dominum laudate nomen Domini
Haalleluuyaa. Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa; maqaa Waaqayyoo jajadhaa.
2 sit nomen Domini benedictum ex hoc nunc et usque in saeculum
Ammaa hamma bara baraatti maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.
3 a solis ortu usque ad occasum laudabile nomen Domini
Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, maqaan Waaqayyoo haa jajamu.
4 excelsus super omnes gentes Dominus super caelos gloria eius
Waaqayyo saba hundaa ol jira; ulfinni isaas samiiwwanii ol.
5 quis sicut Dominus Deus noster qui in altis habitat
Kan akka Waaqayyo Waaqa keenya isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu?
6 et humilia respicit in caelo et in terra
Kan gad jedhee samii fi lafa ilaalu eenyu?
7 suscitans a terra inopem et de stercore erigens pauperem
Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;
8 ut conlocet eum cum principibus cum principibus populi sui
inni bulchitoota gidduu, bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.
9 qui habitare facit sterilem in domo matrem filiorum laetantem
Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti, dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa. Haalleluuyaa.

< Psalmorum 113 >