< Mattheum 27 >

1 mane autem facto consilium inierunt omnes principes sacerdotum et seniores populi adversus Iesum ut eum morti traderent
Ganama barii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa hundinuu Yesuusin ajjeesuuf walii wajjin mariʼatan.
2 et vinctum adduxerunt eum et tradiderunt Pontio Pilato praesidi
Isaanis isa hidhanii geessanii Phiilaaxoos bulchaatti dabarsanii kennan.
3 tunc videns Iudas qui eum tradidit quod damnatus esset paenitentia ductus rettulit triginta argenteos principibus sacerdotum et senioribus
Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kenne sun yommuu akka Yesuusitti murame argetti ni gaabbe; meetii soddoma sanas luboota hangafootattii fi maanguddootatti deebise.
4 dicens peccavi tradens sanguinem iustum at illi dixerunt quid ad nos tu videris
Innis, “Ani dhiiga qulqulluu dabarsee kennuudhaan cubbuu hojjedheera” jedhe. Isaanis deebisanii, “Maaltu nu dhibe ree? Situ itti gaafatama!” jedhaniin.
5 et proiectis argenteis in templo recessit et abiens laqueo se suspendit
Yihuudaanis meetii sana mana qulqullummaa keessatti gatee gad baʼe; dhaqees of fannise.
6 principes autem sacerdotum acceptis argenteis dixerunt non licet mittere eos in corbanan quia pretium sanguinis est
Luboonni hangafoonnis meetii sana fuudhanii, “Meetiin kun waan gatii dhiigaa taʼeef meetii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti” jedhan.
7 consilio autem inito emerunt ex illis agrum figuli in sepulturam peregrinorum
Isaanis walii wajjin mariʼatanii akka namoota biyya ormaatiif iddoo awwaalaa taʼuuf meetii sanaan lafa namicha suphee dhaʼu tokkoo bitan.
8 propter hoc vocatus est ager ille Acheldemach ager sanguinis usque in hodiernum diem
Kanaaf lafti sun hamma harʼaatti, “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamama.
9 tunc impletum est quod dictum est per Hieremiam prophetam dicentem et acceperunt triginta argenteos pretium adpretiati quem adpretiaverunt a filiis Israhel
Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate sun ni raawwatame: Innis akkana jedha; “Isaan meetii soddomman, gatii isaa kan ijoolleen Israaʼel isatti shallagan sana fuudhanii,
10 et dederunt eos in agrum figuli sicut constituit mihi Dominus
akkuma Gooftaan na ajajetti lafa namicha suphee dhaʼu sanaa ittiin bitan.”
11 Iesus autem stetit ante praesidem et interrogavit eum praeses dicens tu es rex Iudaeorum dicit ei Iesus tu dicis
Yeroo sanatti Yesuus fuula bulchaa dura dhaabate; bulchaan sunis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
12 et cum accusaretur a principibus sacerdotum et senioribus nihil respondit
Inni yeroo luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni isa himatanittis deebii tokko illee hin kennine.
13 tunc dicit illi Pilatus non audis quanta adversum te dicant testimonia
Phiilaaxoosis, “Ati akka isaan waan meeqa sirratti dhugaa baʼan hin dhageessuu?” jedhee isa gaafate.
14 et non respondit ei ad ullum verbum ita ut miraretur praeses vehementer
Yesuus garuu himata tokkoof illee deebii tokko iyyuu hin kennine; bulchaan sunis akka malee waan kana dinqisiifate.
15 per diem autem sollemnem consueverat praeses dimittere populo unum vinctum quem voluissent
Bulchaan sun nama hidhame tokko ayyaanaan akkuma fedhii sabaatti gad dhiisuu bartee godhatee ture.
16 habebat autem tunc vinctum insignem qui dicebatur Barabbas
Yeroo sana namichi Barabbaas jedhamu beekamaan tokko hidhamee ture.
17 congregatis ergo illis dixit Pilatus quem vultis dimittam vobis Barabban an Iesum qui dicitur Christus
Kanaafuu yommuu isaan walitti qabamanitti Phiilaaxoos, “Akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu? Barabbaas moo Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana?” jedhee isaan gaafate.
18 sciebat enim quod per invidiam tradidissent eum
Akka isaan hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii.
19 sedente autem illo pro tribunali misit ad illum uxor eius dicens nihil tibi et iusto illi multa enim passa sum hodie per visum propter eum
Utuu Phiilaaxoos barcuma murtii irra taaʼuu niitiin isaa, “Namicha qajeelaa sana hin tuqin; ani eda sababii isaatiif abjuudhaan akka malee dhiphadheeraatii” jettee itti dhaamte.
20 princeps autem sacerdotum et seniores persuaserunt populis ut peterent Barabban Iesum vero perderent
Luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni garuu akka Barabbaas gad dhiifamee, Yesuus immoo ajjeefamu akka isa kadhataniif namoota sossoban.
21 respondens autem praeses ait illis quem vultis vobis de duobus dimitti at illi dixerunt Barabban
Bulchaan sun, “Isaan lamaan kanneen keessaa akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu?” jedhee ammas gaafate. Isaanis, “Barabbaasin” jedhanii deebisan.
22 dicit illis Pilatus quid igitur faciam de Iesu qui dicitur Christus
Phiilaaxoosis, “Yesuus isa Kiristoos jedhamu immoo ani maal godhu ree?” jedhee gaafate. Hundi isaaniis, “Isa fannisi!” jedhanii deebisan.
23 dicunt omnes crucifigatur ait illis praeses quid enim mali fecit at illi magis clamabant dicentes crucifigatur
Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate. Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
24 videns autem Pilatus quia nihil proficeret sed magis tumultus fieret accepta aqua lavit manus coram populo dicens innocens ego sum a sanguine iusti huius vos videritis
Phiilaaxoos yommuu akka wanni kun goolii kaasuu malee faayidaa tokko illee hin qabne argetti, “Ani dhiiga nama kanaa irraa qulqulluu dha; isintu itti gaafatama!” jedhee bishaan fudhatee fuula namootaa duratti harka isaa dhiqate.
25 et respondens universus populus dixit sanguis eius super nos et super filios nostros
Namoonni hundinuus, “Dhiigni isaa nuu fi ijoollee keenya irra haa gaʼu!” jedhanii deebisan.
26 tunc dimisit illis Barabban Iesum autem flagellatum tradidit eis ut crucifigeretur
Ergasii inni Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
27 tunc milites praesidis suscipientes Iesum in praetorio congregaverunt ad eum universam cohortem
Ergasii loltoonni bulchaa sanaa Yesuusin mana bulchaatti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas naannoo Yesuusitti walitti qaban.
28 et exuentes eum clamydem coccineam circumdederunt ei
Isaanis uffata isaa irraa baasanii uffata bildiimaa itti uffisan;
29 et plectentes coronam de spinis posuerunt super caput eius et harundinem in dextera eius et genu flexo ante eum inludebant dicentes have rex Iudaeorum
gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Harka isaa mirgaa keessas ulee kaaʼan. Fuula isaa durattis jilbeenfatanii, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii isatti qoosan.
30 et expuentes in eum acceperunt harundinem et percutiebant caput eius
Isaanis isatti tufan; ulee sanas fuudhanii mataa isaa rukutan.
31 et postquam inluserunt ei exuerunt eum clamydem et induerunt eum vestimentis eius et duxerunt eum ut crucifigerent
Erga itti qoosanii booddee uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
32 exeuntes autem invenerunt hominem cyreneum nomine Simonem hunc angariaverunt ut tolleret crucem eius
Utuu gad baʼanuus namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko arganii akka inni fannoo sana baatuuf isa dirqisiisan.
33 et venerunt in locum qui dicitur Golgotha quod est Calvariae locus
Isaanis iddoo Golgootaa jedhamu gaʼan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha.
34 et dederunt ei vinum bibere cum felle mixtum et cum gustasset noluit bibere
Achittis akka inni dhuguuf daadhii wayinii kan hadhooftuun itti makame kennaniif; inni garuu afaaniin qabee dhuguu dide.
35 postquam autem crucifixerunt eum diviserunt vestimenta eius sortem mittentes
Isaanis erga isa fannisanii booddee ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
36 et sedentes servabant eum
Isaanis achi taaʼanii isa eegaa turan.
37 et inposuerunt super caput eius causam ipsius scriptam hic est Iesus rex Iudaeorum
Katabbiin waan inni ittiin himatamees mataa isaatii ol kaaʼamee ture; katabbiin sunis, Kun Yesuus Mooticha Yihuudootaa ti, jedha.
38 tunc crucifixi sunt cum eo duo latrones unus a dextris et unus a sinistris
Hattoonni lamas, inni tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannifaman.
39 praetereuntes autem blasphemabant eum moventes capita sua
Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii,
40 et dicentes qui destruit templum et in triduo illud reaedificat salva temet ipsum si Filius Dei es descende de cruce
“Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu, mee of oolchi! Ati yoo Ilma Waaqaa taate fannoo irraa gad buʼi!” jedhan.
41 similiter et principes sacerdotum inludentes cum scribis et senioribus dicentes
Akkasumas luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni isatti qoosan. Akkanas jedhan;
42 alios salvos fecit se ipsum non potest salvum facere si rex Israhel est descendat nunc de cruce et credemus ei
“Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! Inni yoo mootii Israaʼel taʼe amma fannoo irraa gad haa buʼu; nuus isatti ni amannaatii.
43 confidet in Deo liberet nunc eum si vult dixit enim quia Dei Filius sum
Inni Waaqa amanata; Waaqni yoo isa jaallate, mee amma isa haa oolchu; inni, ‘Ani Ilma Waaqaa ti’ jedheeraatii.”
44 id ipsum autem et latrones qui fixi erant cum eo inproperabant ei
Akkasuma hattoonni isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
45 a sexta autem hora tenebrae factae sunt super universam terram usque ad horam nonam
Saʼaatii jaʼaa jalqabee hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe.
46 et circa horam nonam clamavit Iesus voce magna dicens Heli Heli lema sabacthani hoc est Deus meus Deus meus ut quid dereliquisti me
Gara Saʼaatii sagaliitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee, Eloohee, laamaa sabaqtaanii?” jedhee iyye; hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.
47 quidam autem illic stantes et audientes dicebant Heliam vocat iste
Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Eeliyaasin waama” jedhan.
48 et continuo currens unus ex eis acceptam spongiam implevit aceto et inposuit harundini et dabat ei bibere
Yommusuma isaan keessaa namichi tokko fiigee dhaqee ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kenne.
49 ceteri vero dicebant sine videamus an veniat Helias liberans eum
Warri kaan garuu, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee isa oolchu arginaatii” jedhan.
50 Iesus autem iterum clamans voce magna emisit spiritum
Yesuus ammas sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne.
51 et ecce velum templi scissum est in duas partes a summo usque deorsum et terra mota est et petrae scissae sunt
Yeruma sana golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. Lafti ni sochoote; kattaawwanis ni babbaqaqan.
52 et monumenta aperta sunt et multa corpora sanctorum qui dormierant surrexerunt
Awwaalonnis banamanii dhagnawwan qulqullootaa kanneen duʼanii turan hedduun duʼaa kaafaman.
53 et exeuntes de monumentis post resurrectionem eius venerunt in sanctam civitatem et apparuerunt multis
Isaanis duʼaa kaʼuu Yesuus booddee awwaala keessaa baʼanii magaalattii qulqulluu seenan. Namoota hedduuttis mulʼatan.
54 centurio autem et qui cum eo erant custodientes Iesum viso terraemotu et his quae fiebant timuerunt valde dicentes vere Dei Filius erat iste
Ajajaan dhibbaa sunii fi warri isa wajjin Yesuusin eegaa turan yommuu sochii lafaatii fi waan achitti taʼe hunda arganitti akka malee sodaatanii, “Dhugumaanuu inni Ilma Waaqaa ture!” jedhan.
55 erant autem ibi mulieres multae a longe quae secutae erant Iesum a Galilaea ministrantes ei
Dubartoonni Yesuusin tajaajiluuf jedhanii Galiilaadhaa isa duukaa buʼan baayʼeenis fagoo dhaabatanii ilaalaa turan.
56 inter quas erat Maria Magdalene et Maria Iacobi et Ioseph mater et mater filiorum Zebedaei
Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi Yoosef, akkasumas haadha ilmaan Zabdewoos turan.
57 cum sero autem factum esset venit quidam homo dives ab Arimathia nomine Ioseph qui et ipse discipulus erat Iesu
Yommuu galgalaaʼettis namichi sooressi Yoosef jedhamu tokko Armaatiyaa dhufe; inni mataan isaas barataa Yesuus ture.
58 hic accessit ad Pilatum et petiit corpus Iesu tunc Pilatus iussit reddi corpus
Innis gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate; Phiilaaxoosis akka reeffi sun isaaf kennamu ajaje.
59 et accepto corpore Ioseph involvit illud sindone munda
Yoosefis reeffa sana fudhatee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluudhaan kafane;
60 et posuit illud in monumento suo novo quod exciderat in petra et advolvit saxum magnum ad ostium monumenti et abiit
innis awwaala ofii isaa kan garaa kattaa keessatti qotate haaraa tokko keessa kaaʼe. Dhagaa guddaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee biraa deeme.
61 erat autem ibi Maria Magdalene et altera Maria sedentes contra sepulchrum
Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan fuullee awwaala sanaa tataaʼaa turan.
62 altera autem die quae est post parasceven convenerunt principes sacerdotum et Pharisaei ad Pilatum
Guyyaa itti aanutti jechuunis guyyaa qophii booddee luboonni hangafoonnii fi Fariisonni fuula Phiilaaxoos duratti walitti qabaman.
63 dicentes domine recordati sumus quia seductor ille dixit adhuc vivens post tres dies resurgam
Isaanis akkana jedhan; “Gooftaa! Akka namichi gowwoomsaan sun utuu lubbuudhaan jiruu, ‘Ani guyyaa sadii booddee duʼaa nan kaʼa’ jedhe nu ni yaadanna.
64 iube ergo custodiri sepulchrum usque in diem tertium ne forte veniant discipuli eius et furentur eum et dicant plebi surrexit a mortuis et erit novissimus error peior priore
Kanaafuu akka awwaalli sun hamma guyyaa sadaffaatti eegamu ajaji. Yoo kun taʼuu baate barattoonni isaa dhaqanii reeffa isaa hatanii, ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera’ jedhanii namatti odeessu. Gowwoomsaan dhumaa kun immoo isa duraa caalaa ni hammaata.”
65 ait illis Pilatus habetis custodiam ite custodite sicut scitis
Phiilaaxoosis deebisee, “Waardiyyaa fudhadhaa dhaqaatii akkuma beektanitti awwaalicha eegsifadhaa” jedheen.
66 illi autem abeuntes munierunt sepulchrum signantes lapidem cum custodibus
Kanaaf isaan dhaqanii dhagicha irratti mallattoo godhan; waardiyyaas ramadanii awwaala sana eegsisan.

< Mattheum 27 >