< Mattheum 21 >

1 et cum adpropinquassent Hierosolymis et venissent Bethfage ad montem Oliveti tunc Iesus misit duos discipulos
Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii Beetfaagee ishee Gaara Ejersaa irraa sana gaʼaniin Yesuus barattoota lama erge;
2 dicens eis ite in castellum quod contra vos est et statim invenietis asinam alligatam et pullum cum ea solvite et adducite mihi
akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; yommusuma harree hidhamte tokko ilmoo ishee wajjin ni argattu. Lachan isaanii hiikaatii naa fidaa.
3 et si quis vobis aliquid dixerit dicite quia Dominus his opus habet et confestim dimittet eos
Yoo namni tokko iyyuu waan tokko isiniin jedhe, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa; innis yommusuma erga.”
4 hoc autem factum est ut impleretur quod dictum est per prophetam dicentem
Kunis akka wanni karaa raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha:
5 dicite filiae Sion ecce rex tuus venit tibi mansuetus et sedens super asinam et pullum filium subiugalis
“Akkana jedhaa Intala Xiyoonitti himaa; ‘Kunoo, mootiin kee gad of qabee, harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee, gara kee dhufa.’”
6 euntes autem discipuli fecerunt sicut praecepit illis Iesus
Barattoonnis dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan.
7 et adduxerunt asinam et pullum et inposuerunt super eis vestimenta sua et eum desuper sedere fecerunt
Isaanis harree fi ilmoo harree sana fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis isaan irra taaʼe.
8 plurima autem turba straverunt vestimenta sua in via alii autem caedebant ramos de arboribus et sternebant in via
Namoonni akka malee baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra bubuusan.
9 turbae autem quae praecedebant et quae sequebantur clamabant dicentes osanna Filio David benedictus qui venturus est in nomine Domini osanna in altissimis
Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii, “Hoosaaʼinaa Ilma Daawitiif!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!” jedhan.
10 et cum intrasset Hierosolymam commota est universa civitas dicens quis est hic
Yommuu Yesuus Yerusaalem seenetti, magaalaan sun guutummaatti raafamtee, “Kun eenyu?” jette.
11 populi autem dicebant hic est Iesus propheta a Nazareth Galilaeae
Tuunni sun immoo, “Kun Yesuus, raajicha Naazreeti Galiilaati” jedhee deebise.
12 et intravit Iesus in templum Dei et eiciebat omnes vendentes et ementes in templo et mensas nummulariorum et cathedras vendentium columbas evertit
Yesuus mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche.
13 et dicit eis scriptum est domus mea domus orationis vocabitur vos autem fecistis eam speluncam latronum
Innis, “‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu” isaaniin jedhe.
14 et accesserunt ad eum caeci et claudi in templo et sanavit eos
Jaamonnii fi warri naafatan mana qulqullummaa keessatti gara isaa dhufan; innis isaan fayyise.
15 videntes autem principes sacerdotum et scribae mirabilia quae fecit et pueros clamantes in templo et dicentes osanna Filio David indignati sunt
Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa yommuu hojii dinqisiisaa inni hojjete arganii ijoollee mana qulqullummaa keessatti, “Hoosaaʼinaa ilma Daawitiif” jedhanii iyyan dhagaʼanitti ni aaran.
16 et dixerunt ei audis quid isti dicant Iesus autem dicit eis utique numquam legistis quia ex ore infantium et lactantium perfecisti laudem
Isaanis, “Ati waan ijoolleen kunneen jedhan dhageessaa?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo, “Eeyyee;” isin waan, “‘Yaa Gooftaa, ati afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa, galata qopheessiteerta’ jedhu sana takkumaa hin dubbifnee?” jedhee deebise.
17 et relictis illis abiit foras extra civitatem in Bethaniam ibique mansit
Innis isaan biraa deemee magaalaa sanaa baʼe; Biitaaniyaa dhaqee achi bule.
18 mane autem revertens in civitatem esuriit
Yesuus ganama barii utuu gara magaalattiitti deebiʼuu beelaʼe.
19 et videns fici arborem unam secus viam venit ad eam et nihil invenit in ea nisi folia tantum et ait illi numquam ex te fructus nascatur in sempiternum et arefacta est continuo ficulnea (aiōn g165)
Muka harbuu tokkos karaa biratti argee itti gore; garuu baala malee waa tokko illee hin arganne. Innis, “Iji bara baraan sirratti hin argamin!” jedheen. Mukni sunis yeruma sana goge. (aiōn g165)
20 et videntes discipuli mirati sunt dicentes quomodo continuo aruit
Barattoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqisiifatan. Isaanis, “Harbuun sun akkamitti yommusuma goge?” jedhanii gaafatan.
21 respondens autem Iesus ait eis amen dico vobis si habueritis fidem et non haesitaveritis non solum de ficulnea facietis sed et si monti huic dixeritis tolle et iacta te in mare fiet
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa.
22 et omnia quaecumque petieritis in oratione credentes accipietis
Isin yoo amantii qabaattan waan kadhannaadhaan gaafattan hunda ni argattu.”
23 et cum venisset in templum accesserunt ad eum docentem principes sacerdotum et seniores populi dicentes in qua potestate haec facis et quis tibi dedit hanc potestatem
Utuu Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisaa jiruu luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa gara isaa dhufanii, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Eenyutu taayitaa kana siif kenne?” jedhanii gaafatan.
24 respondens Iesus dixit illis interrogabo vos et ego unum sermonem quem si dixeritis mihi et ego vobis dicam in qua potestate haec facio
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan, anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima.
25 baptismum Iohannis unde erat e caelo an ex hominibus at illi cogitabant inter se dicentes si dixerimus e caelo dicet nobis quare ergo non credidistis illi
Cuuphaan Yohannis eessaa dhufe? Samii irraa moo nama biraa dhufe?” Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne, inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ nuun jedha.
26 si autem dixerimus ex hominibus timemus turbam omnes enim habent Iohannem sicut prophetam
Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoota sodaanna; isaan hundinuu Yohannisin akka raajiitti ilaaluutii.”
27 et respondentes Iesu dixerunt nescimus ait illis et ipse nec ego dico vobis in qua potestate haec facio
Kanaaf isaan, “Hin beeknu!” jedhanii Yesuusiif deebisan. Inni immoo akkana jedhe; “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu.”
28 quid autem vobis videtur homo habebat duos filios et accedens ad primum dixit fili vade hodie operare in vinea mea
“Maal seetu? Nama ilmaan lama qabu tokkotu ture; innis gara ilma isaa hangafaa dhaqee, ‘Yaa ilma ko, harʼa dhaqiitii iddoo dhaabaa wayinii keessa hojjedhu’ jedheen.
29 ille autem respondens ait nolo postea autem paenitentia motus abiit
“Ilmi sunis deebisee, ‘Ani hin dhaqu’ jedhe; ergasii garuu gaabbee dhaqe.
30 accedens autem ad alterum dixit similiter at ille respondens ait eo domine et non ivit
“Namichis gara ilma isaa isa kaanii dhaqee akkasuma jedheen. Ilmi isaa sunis, ‘Yaa gooftaa nan dhaqa’ jedhee deebiseef; garuu hin dhaqne.
31 quis ex duobus fecit voluntatem patris dicunt novissimus dicit illis Iesus amen dico vobis quia publicani et meretrices praecedunt vos in regno Dei
“Ilmaan lamaan keessaa isa kamtu fedhii abbaa isaa guute?” Isaanis, “Isa jalqabaa ti” jedhan. Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni isin dura mootummaa Waaqaatti ni galu.
32 venit enim ad vos Iohannes in via iustitiae et non credidistis ei publicani autem et meretrices crediderunt ei vos autem videntes nec paenitentiam habuistis postea ut crederetis ei
Yohannis karaa qajeelummaa isinitti argisiisuu dhufeetii; isin immoo isa hin amanne. Qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni garuu isa amanan; isin erguma waan kana argitan illee qalbii jijjiirrattanii isatti hin amanne.
33 aliam parabolam audite homo erat pater familias qui plantavit vineam et sepem circumdedit ei et fodit in ea torcular et aedificavit turrem et locavit eam agricolis et peregre profectus est
“Fakkeenya biraa tokko dhagaʼaa; abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate tokkotu ture. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, achi keessatti boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis lafa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe.
34 cum autem tempus fructuum adpropinquasset misit servos suos ad agricolas ut acciperent fructus eius
Innis yeroon itti midhaan walitti qaban geenyaan akka isaan ija isaa fidaniifiif garboota isaa qottuuwwan sanatti ergate.
35 et agricolae adprehensis servis eius alium ceciderunt alium occiderunt alium vero lapidaverunt
“Qottuuwwan sunis garboota namichaa qabanii, isa tokko ni dhaanan; isa kaan ni ajjeesan; isa sadaffaa immoo dhagaan tuman.
36 iterum misit alios servos plures prioribus et fecerunt illis similiter
Ammas garboota warra duraa caalaa baayʼatan biraa ergate; qonnaan bultoonni sunis akkuma sana isaan godhan.
37 novissime autem misit ad eos filium suum dicens verebuntur filium meum
Dhuma irrattis inni, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa isaanitti ergate.
38 agricolae autem videntes filium dixerunt intra se hic est heres venite occidamus eum et habebimus hereditatem eius
“Qottoonni sun garuu yommuu ilma sana arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnee dhaala isaa fudhannaa!’ waliin jedhan.
39 et adprehensum eum eiecerunt extra vineam et occiderunt
Kanaafuu isaan fuudhanii iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.
40 cum ergo venerit dominus vineae quid faciet agricolis illis
“Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa yommuu dhufutti qottuuwwan sana maal godhinna laata?”
41 aiunt illi malos male perdet et vineam locabit aliis agricolis qui reddant ei fructum temporibus suis
Isaanis, “Inni namoota hamoo sana haala hamaadhaan ni balleessa; iddoo dhaabaa wayinii sanas qottuuwwan yeroo midhaan walitti qabamutti qooda midhaan isaa kennaniif kanneen biraatti dabarsee ni kenna” jedhanii deebisan.
42 dicit illis Iesus numquam legistis in scripturis lapidem quem reprobaverunt aedificantes hic factus est in caput anguli a Domino factum est istud et est mirabile in oculis nostris
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin dubbii Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti, “‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera; kanas Gooftaatu godhe; kun immoo ija keenyatti dinqii dha’jedhu sana gonkumaa hin dubbifnee?
43 ideo dico vobis quia auferetur a vobis regnum Dei et dabitur genti facienti fructus eius
“Kanaafuu ani isinittin hima; mootummaan Waaqaa isin irraa fudhatamee saba ija isaa godhatutti ni kennama.
44 et qui ceciderit super lapidem istum confringetur super quem vero ceciderit conteret eum
Namni dhagaa kana irratti kufu kam iyyuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”
45 et cum audissent principes sacerdotum et Pharisaei parabolas eius cognoverunt quod de ipsis diceret
Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yommuu fakkeenyawwan Yesuus dhagaʼanitti akka inni waaʼee isaanii dubbate beekan.
46 et quaerentes eum tenere timuerunt turbas quoniam sicut prophetam eum habebant
Isaanis isa qabuu barbaadan; garuu sababii namoonni Yesuusin akka raajiitti ilaalaa turaniif namoota sana sodaatan.

< Mattheum 21 >