< Leviticus 7 >
1 haec quoque est lex hostiae pro delicto sancta sanctorum est
“‘Seerri aarsaa yakkaa kan waan hunda caalaa qulqulluu taʼe sanaa kana:
2 idcirco ubi immolatur holocaustum mactabitur et victima pro delicto sanguis eius per gyrum fundetur altaris
Aarsaan yakkaa iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti haa qalamu; dhiigni isaa immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaafamuu qaba.
3 offerent ex ea caudam et adipem qui operit vitalia
Moorri isaa hundinuus aarsaa taʼee dhiʼeeffamuu qaba; kunis duboo fi moora miʼa garaa haguugu,
4 duos renunculos et pinguedinem quae iuxta ilia est reticulumque iecoris cum renunculis
kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggiin tiruu kan kaleewwan wajjin baʼu wal faana haa dhiʼaatu.
5 et adolebit ea sacerdos super altare incensum est Domini pro delicto
Lubichis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaatu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa yakkaa ti.
6 omnis masculus de sacerdotali genere in loco sancto vescetur his carnibus quia sanctum sanctorum est
Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu dandaʼa; kun garuu iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
7 sicut pro peccato offertur hostia ita et pro delicto utriusque hostiae lex una erit ad sacerdotem qui eam obtulerit pertinebit
“‘Seerri aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa ittiin dhiʼeeffamu tokkuma; aarsaawwan kunneenis kan luba ittiin araara buusuu taʼu.
8 sacerdos qui offert holocausti victimam habebit pellem eius
Lubni namaaf jedhee aarsaa gubamu dhiʼeessu tokko gogaa aarsaa gubamu sanaa ofii isaatiif haa fudhatu.
9 et omne sacrificium similae quod coquitur in clibano et quicquid in craticula vel in sartagine praeparatur eius erit sacerdotis a quo offertur
Kennaan midhaanii kan barbadaa ibiddaa irratti yookaan eelee irratti yookaan beddee irratti bilchaate kam iyyuu luba isa dhiʼeessuuf haa kennamu;
10 sive oleo conspersa sive arida fuerit cunctis filiis Aaron aequa mensura per singulos dividetur
kennaan midhaanii kam iyyuu jechuunis kan zayitiin itti makame yookaan goggogaan ilmaan Aroon hundaaf wal qixxee haa kennamu.
11 haec est lex hostiae pacificorum quae offertur Domino
“‘Seerri aarsaa nagaa kan namni tokko ittiin Waaqayyoof dhiʼeessuu qabu kana.
12 si pro gratiarum actione fuerit oblatio offerent panes absque fermento conspersos oleo et lagana azyma uncta oleo coctamque similam et collyridas olei admixtione conspersas
“‘Inni yoo galata galchuuf aarsaa dhiʼeeffate, aarsaa galataa kana wajjin maxinoo zayitiin itti makame, bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibamee fi maxinoo daakuu bullaaʼaa kan akka gaarii sukkuumamee zayitiin itti makame haa dhiʼeessu.
13 panes quoque fermentatos cum hostia gratiarum quae immolatur pro pacificis
Aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffatu wajjinis kennaa maxinoo raacitii qabu haa dhiʼeessu.
14 ex quibus unus pro primitiis offeretur Domino et erit sacerdotis qui fundet hostiae sanguinem
Aarsaa hunda keessaa tokko tokko fuudhee akka kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti haa fidu; kunis luba dhiiga aarsaa nagaa facaasu sanaaf haa kennamu.
15 cuius carnes eadem comedentur die nec remanebit ex eis quicquam usque mane
Foon aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffamu gaafuma dhiʼaate sana nyaatamee dhumuu qaba; wanni tokko iyyuu isa irraa hafee buluu hin qabu.
16 si voto vel sponte quisquam obtulerit hostiam eadem similiter edetur die sed et si quid in crastinum remanserit vesci licitum est
“‘Yoo aarsaan isaa wareega guuttachuuf yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu taʼe, aarsaan sun guyyuma inni dhiʼeesse nyaatamuu qaba; kan hafe garuu guyyaa itti aanu nyaatamuu dandaʼa.
17 quicquid autem tertius invenerit dies ignis absumet
Foon aarsaa sana irraa hamma guyyaa sadaffaatti hafe gubamuu qaba.
18 si quis de carnibus victimae pacificorum die tertio comederit irrita fiet oblatio nec proderit offerenti quin potius quaecumque anima tali se edulio contaminarit praevaricationis rea erit
Foon aarsaa nagaa sana irraa yoo wanni tokko iyyuu guyyaa sadaffaatti nyaatame aarsaan sun hin fudhatamu. Kun sababii xuraaʼaa taʼeef nama dhiʼeesse sanaaf fudhatama hin qabaatu. Namni foon sana irraa nyaatu itti gaafatama.
19 caro quae aliquid tetigerit inmundum non comedetur sed conburetur igni qui fuerit mundus vescetur ea
“‘Foon waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe kam iyyuu tuqe hin nyaatamin; foon sun gubamuu qaba. Foon kaan garuu namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu dandaʼa.
20 anima polluta quae ederit de carnibus hostiae pacificorum quae oblata est Domino peribit de populis suis
Garuu namni xuraaʼaan yoo foon aarsaa nagaa kan Waaqayyoof dhiʼeeffame nyaate, inni saba ofii keessaa haa balleeffamu.
21 et quae tetigerit inmunditiam hominis vel iumenti sive omnis rei quae polluere potest et comederit de huiuscemodi carnibus interibit de populis suis
Namni yoo waan xuraaʼaa jechuunis xuraaʼummaa namaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu, waan jibbisiisaa tuqee ergasii immoo foon aarsaa nagaa kan Waaqayyoof dhiʼaate keessaa nyaate namni sun saba ofii keessaa haa balleeffamu.’”
22 locutusque est Dominus ad Mosen dicens
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
23 loquere filiis Israhel adipem bovis et ovis et caprae non comedetis
“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Moora loonii yookaan kan hoolaa yookaan kan reʼee kamii iyyuu hin nyaatinaa.
24 adipem cadaveris morticini et eius animalis quod a bestia captum est habebitis in usus varios
Coomni horii duʼee argamee yookaan bineensi ajjeesee waan biraaf haa oolu; isin garuu isa nyaachuu hin qabdan.
25 si quis adipem qui offerri debet in incensum Domini comederit peribit de populo suo
Namni horii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame irraa cooma isaa nyaate kam iyyuu saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.
26 sanguinem quoque omnis animalis non sumetis in cibo tam de avibus quam de pecoribus
Isin lafa jiraattan hundatti dhiiga simbirroo yookaan horii gosa kamii iyyuu hin nyaatinaa.
27 omnis anima quae ederit sanguinem peribit de populis suis
Namni kam iyyuu yoo dhiiga nyaate saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.’”
28 locutus est Dominus ad Mosen dicens
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
29 loquere filiis Israhel qui offert victimam pacificorum Domino offerat simul et sacrificium id est libamenta eius
“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessu kanuma irraa fuudhee aarsaa ofii isaa Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
30 tenebit manibus adipem hostiae et pectusculum cumque ambo oblata Domino consecrarit tradet sacerdoti
Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamus harkuma isaatiin haa fidu; cooma sana handaraafa wajjin haa fidu; handaraafas aarsaa sochoofame godhee fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu.
31 qui adolebit adipem super altare pectusculum autem erit Aaron et filiorum eius
Lubichi cooma sana iddoo aarsaa irratti haa gubu. Handaraafni isaa garuu Aroonii fi ilmaan isaatiif haa kennamu.
32 armus quoque dexter de pacificorum hostiis cedet in primitias sacerdotis
Tafa mirgaa kan aarsaa nagaa keessanii kennaa godhaatii lubaaf kennaa.
33 qui obtulerit sanguinem et adipem filiorum Aaron ipse habebit et armum dextrum in portione sua
Ilmi Aroon kan dhiigaa fi cooma aarsaa nagaa dhiʼeessu sun tafa mirgaa qooda ofii isaa godhee haa fudhatu.
34 pectusculum enim elationis et armum separationis tuli a filiis Israhel de hostiis eorum pacificis et dedi Aaron sacerdoti ac filiis eius lege perpetua ab omni populo Israhel
Ani aarsaa nagaa kan Israaʼelootaa irraa handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼaate sana fudhadheera; kanas akka qooda isaan bara baraan Israaʼeloota irraa argataniitti Aroon lubichaa fi ilmaan isaatii kenneera.’”
35 haec est unctio Aaron et filiorum eius in caerimoniis Domini die qua obtulit eos Moses ut sacerdotio fungerentur
Gaafa isaan lubummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluuf dhiʼaatanitti aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaate irraa qoodni Aroonii fi ilmaan isaatiif ramadame kana.
36 et quae praecepit dari eis Dominus a filiis Israhel religione perpetua in generationibus suis
Guyyaa isaan dibamanitti, akka Israaʼeloonni qooda isaanii godhanii bara baraan dhaloota dhufutti waan kana isaanii kennan Waaqayyo ajajeera.
37 ista est lex holocausti et sacrificii pro peccato atque delicto et pro consecratione et pacificorum victimis
Egaa seerri dhiʼeessuu aarsaa gubamuu, kennaa midhaanii, aarsaa cubbuu, aarsaa yakkaa, seerri dibamuu lubummaatii fi aarsaa nagaa kanaa dha;
38 quas constituit Dominus Mosi in monte Sinai quando mandavit filiis Israhel ut offerrent oblationes suas Domino in deserto Sinai
kunis ajaja Waaqayyo gaafa akka Israaʼeloonni Gammoojjii Siinaatti kennaa isaanii Waaqayyoof dhiʼeessan Gaara Siinaa irratti Museedhaaf kennee dha.