< Exodus 4 >

1 respondens Moses ait non credent mihi neque audient vocem meam sed dicent non apparuit tibi Dominus
Museen, “Yoo isaan, ‘Waaqayyo sitti hin mulʼanne’ jedhanii na amanuu yookaan na dhagaʼuu didan hoo?” jedhee deebise.
2 dixit ergo ad eum quid est hoc quod tenes in manu tua respondit virga
Kana irratti Waaqayyo, “Wanti harka kee keessa jiru sun maali?” jedheen. Museen immoo, “Ulee dha” jedhee deebise.
3 ait proice eam in terram proiecit et versa est in colubrum ita ut fugeret Moses
Waaqayyos, “Lafa buusi” jedheen. Museen lafa buufnaan uleen sun bofa taʼe; innis irraa baqate.
4 dixitque Dominus extende manum tuam et adprehende caudam eius extendit et tenuit versaque est in virgam
Waaqayyo garuu Museedhaan, “Harka kee hiixadhuutii eegee isaa qabi” jedhe. Museenis hiixatee bofa sana qabe; bofti sunis harka isaa keessatti deebiʼee ulee taʼe.
5 ut credant inquit quod apparuerit tibi Dominus Deus patrum tuorum Deus Abraham Deus Isaac Deus Iacob
Waaqayyos, “kun akka isaan Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaq, Waaqni Yaaqoob sitti mulʼate akka amananiif” jedhe.
6 dixitque Dominus rursum mitte manum in sinum tuum quam cum misisset in sinum protulit leprosam instar nivis
Waaqayyos Museedhaan, “Harka kee bobaa kee keessa kaaʼadhu” jedhe. Museenis harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa lamxii akka cabbii taʼe.
7 retrahe ait manum in sinum tuum retraxit et protulit iterum et erat similis carni reliquae
Innis Museedhaan, “Harka kee deebisii bobaa kee keessa kaaʼadhu” jedhe; Museenis deebisee harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa deebiʼee akkuma dhagna isaa isa kaanii taʼe.
8 si non crediderint inquit tibi neque audierint sermonem signi prioris credent verbo signi sequentis
Waaqayyos akkana jedhe; “Isaan yoo si amanuu baatanii mallattoo isa jalqabaa fudhachuu didan mallattoo lammaffaa ni amanu taʼa.
9 quod si nec duobus quidem his signis crediderint neque audierint vocem tuam sume aquam fluminis et effunde eam super aridam et quicquid hauseris de fluvio vertetur in sanguinem
Yoo isaan mallattoo kana lamaan amanuu baatanii si dhagaʼuu didan bishaan laga Abbayyaa budduuqsiitii lafa gogaa irratti dhangalaasi. Bishaan ati lagicha irraa budduuqsite sunis lafa gogaa irratti dhiiga taʼa.”
10 ait Moses obsecro Domine non sum eloquens ab heri et nudius tertius et ex quo locutus es ad servum tuum inpeditioris et tardioris linguae sum
Museenis Waaqayyoon, “Yaa Gooftaa, ani duris taʼu yookaan erga ati garbicha keetti dubbachuu jalqabdee as nama arraba qajeelu miti. Ani nama afaan isaa hidhamee arrabni isaas itti ulfaatuu dha” jedhe.
11 dixit Dominus ad eum quis fecit os hominis aut quis fabricatus est mutum et surdum videntem et caecum nonne ego
Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Kan afaan namaa uume eenyu? Kan akka namni arrab-didaa taʼu yookaan duudu godhu eenyu? Kan agartuu ijaa namaaf kennu yookaan jaamsu eenyu? Anuma Waaqayyoo mitii?
12 perge igitur et ego ero in ore tuo doceboque te quid loquaris
Amma dhaqi; ani afaan kee wajjin nan taʼa; waan ati jettus sin barsiisa.”
13 at ille obsecro inquit Domine mitte quem missurus es
Museen garuu, “Yaa Gooftaa, maaloo nama biraa ergi” jedhe.
14 iratus Dominus in Mosen ait Aaron frater tuus Levites scio quod eloquens sit ecce ipse egreditur in occursum tuum vidensque te laetabitur corde
Dheekkamsi Waaqayyoos Musee irratti bobaʼe; innis akkana jedhe; “Obboleessi kee Aroon Lewwichi jira mitii? Ani akka inni akka gaariitti dubbatu nan beeka. Kunoo, inni gara kee dhufuutti jira. Inni yommuu si argutti ni gammada.
15 loquere ad eum et pone verba mea in ore eius ego ero in ore tuo et in ore illius et ostendam vobis quid agere debeatis
Ati isatti dubbatee afaan isaa keessa dubbii ni keessa; anis afaan keetii fi afaan isaa wajjin nan taʼa; waan isin hojjettanis isin nan barsiisa.
16 ipse loquetur pro te ad populum et erit os tuum tu autem eris ei in his quae ad Deum pertinent
Inni uummatatti siif dubbata; inni afaan siif taʼa; ati immoo isaaf akka Waaqaa ni taata.
17 virgam quoque hanc sume in manu tua in qua facturus es signa
Ati ulee ittiin mallattoo argisiiftu kana harkatti qabadhu.”
18 abiit Moses et reversus est ad Iethro cognatum suum dixitque ei vadam et revertar ad fratres meos in Aegyptum ut videam si adhuc vivunt cui ait Iethro vade in pace
Museen gara abbaa niitii isaa gara Yetrootti deebiʼee, “Akka ani gara saba koo warra Gibxi jiraatanitti deebiʼee hamma ammaatti lubbuun jiraachuu isaanii arguuf maaloo naa eeyyami” jedheen. Yootooris, “Nagaan dhaqi” jedheen.
19 dixit ergo Dominus ad Mosen in Madian vade revertere in Aegyptum mortui sunt omnes qui quaerebant animam tuam
Waaqayyo Midiyaanitti Museedhaan, “Namoonni si ajjeesuu barbaadan hundi duʼaniiruutii Gibxitti deebiʼi” jedhee ture.
20 tulit Moses uxorem et filios suos et inposuit eos super asinum reversusque est in Aegyptum portans virgam Dei in manu sua
Kanaafuu Museen niitii isaatii fi ilmaan isaa fuudhatee harree irra kaaʼee Gibxitti deebiʼe. Innis ulee Waaqaa harkatti qabatee ture.
21 dixitque ei Dominus revertenti in Aegyptum vide ut omnia ostenta quae posui in manu tua facias coram Pharaone ego indurabo cor eius et non dimittet populum
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ati yeroo Gibxitti deebitutti dinqiiwwan ani akka ati hojjetuuf humna siif kenne sana hunda fuula Faraʼoon duratti hojjedhu. Ani garuu akka inni saba sana gad hin lakkifne mata jabeessa isa nan godha.
22 dicesque ad eum haec dicit Dominus filius meus primogenitus meus Israhel
Ati Faraʼooniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Israaʼel ilma koo hangafa;
23 dixi tibi dimitte filium meum ut serviat mihi et noluisti dimittere eum ecce ego interficiam filium tuum primogenitum
anis, “Akka ilmi koo na tajaajiluuf gad lakkisi” jedhee sitti himeera. Ati garuu isa gad lakkisuu didde; kanaafuu, kunoo ani ilma kee hangafa nan ajjeesa.’”
24 cumque esset in itinere in diversorio occurrit ei Dominus et volebat occidere eum
Waaqayyo karaa irratti iddoo bultiitti Museetti dhufee isa ajjeesuu barbaade.
25 tulit ilico Seffora acutissimam petram et circumcidit praeputium filii sui tetigitque pedes eius et ait sponsus sanguinum tu mihi es
Ziphooraa garuu dhagaa qara qabu fudhattee qola dhagna ilma ishee kuttee ittiin miilla Musee tuqxe. Isheenis, “Ati dhugumaan anaaf misirricha dhiigaati” jette.
26 et dimisit eum postquam dixerat sponsus sanguinum ob circumcisionem
Waaqayyos isa dhiise. Yeroo sana isheen waaʼee dhagna qabaatiif, “Misirricha dhiigaa ti” jette.
27 dixit autem Dominus ad Aaron vade in occursum Mosi in deserto qui perrexit ei obviam in montem Dei et osculatus est eum
Waaqayyos Arooniin, “Ati Musee simachuuf gara gammoojjii dhaqi!” jedhe. Innis dhaqee Tulluu Waaqaa irratti Musee argatee isa dhungate.
28 narravitque Moses Aaron omnia verba Domini quibus miserat eum et signa quae mandaverat
Yeroo sana Museen dubbii Waaqayyo akka inni dubbatuuf isa erge hundaa fi mallattoowwan akka inni hojjetuuf isa ajaje hunda Aroonitti hime.
29 veneruntque simul et congregaverunt cunctos seniores filiorum Israhel
Musee fi Aroon maanguddoota Israaʼel hunda walitti qaban;
30 locutusque est Aaron omnia verba quae dixerat Dominus ad Mosen et fecit signa coram populo
Aroonis waan Waaqayyo Museetti hime hunda jaratti hime. Mallattoowwanis fuula namootaa duratti hojjete;
31 et credidit populus audieruntque quod visitasset Dominus filios Israhel et quod respexisset adflictionem eorum et proni adoraverunt
isaanis ni amanan. Jarris yommuu akka Waaqayyo saba Israaʼel ilaalee fi akka inni rakkina isaaniis arge dhagaʼanitti gad jedhanii sagadan.

< Exodus 4 >