< Ecclesiastes 2 >

1 dixi ego in corde meo vadam et affluam deliciis et fruar bonis et vidi quod hoc quoque esset vanitas
Ani garaa koo keessatti, “Ani waan gaarii barbaaduudhaaf gammachuudhaan sin qoraatii mee kottu” jedheen yaade. Garuu wanni kunis waan faayidaa hin qabne taʼuu isaa nan mirkaneeffadhe.
2 risum reputavi errorem et gaudio dixi quid frustra deciperis
Anis, “Kolfi gowwummaa dha; gammachuunis maal fayyada?” nan jedhe.
3 cogitavi in corde meo abstrahere a vino carnem meam ut animum meum transferrem ad sapientiam devitaremque stultitiam donec viderem quid esset utile filiis hominum quod facto opus est sub sole numero dierum vitae suae
Anis utuma qalbiin koo ogummaadhaan na qajeelchaa jiruu gowwummaa qabadhee daadhii wayiniitiin of gammachiisu nan yaale. Waan namoonni bara jireenya isaanii muraasa keessatti samii gaditti hojjetan arguu nan fedhe.
4 magnificavi opera mea aedificavi mihi domos plantavi vineas
Ani hojii guddaa nan hojjedhe: Manneen ijaarradhee wayiniis dhaabadhe.
5 feci hortos et pomeria et consevi ea cuncti generis arboribus
Ani iddoo biqiltuutii fi iddoo bashannanaa qopheeffadhee mukkeen ija naqatan kanneen gosa hundaa achi keessa nan dhaabadhe.
6 extruxi mihi piscinas aquarum ut inrigarem silvam lignorum germinantium
Bosona mukkeen guddachaa jiranii ittiin obaafachuufis kuusaa bishaanii nan qopheeffadhe.
7 possedi servos et ancillas multamque familiam habui armenta quoque et magnos ovium greges ultra omnes qui fuerunt ante me in Hierusalem
Ani garboota dhiiraa fi dubartii nan bitadhe; garboota mana kootti dhalatan biraas nan qabaadhe; nama naan dura Yerusaalem keessa jiraate kam iyyuu caalaas loonii fi bushaayee hedduu nan horadhe.
8 coacervavi mihi argentum et aurum et substantias regum ac provinciarum feci mihi cantores et cantrices et delicias filiorum hominum scyphos et urceos in ministerio ad vina fundenda
Ani meetii fi warqee, qabeenya moototaatii fi kutaawwan biyyaa walitti nan qabadhe. Ani faarfattoota dhiiraa fi dubartii akkasumas saajjatoowwan nama gammachiisan hedduu qaban ture.
9 et supergressus sum opibus omnes qui fuerunt ante me in Hierusalem sapientia quoque perseveravit mecum
Kanaafuu ani akka malee guddadhee nama anaan dura Yerusaalem keessa ture kam iyyuu caale. Waan kana hunda keessatti ogummaan koo anuma wajjin ture.
10 et omnia quae desideraverunt oculi mei non negavi eis nec prohibui cor quin omni voluptate frueretur et oblectaret se in his quae paraveram et hanc ratus sum partem meam si uterer labore meo
Ani waan iji koo hawwe hunda isa hin dhowwine; garaa koos gammachuu tokko illee hin lagne. Garaan koo hojii koo hundatti gammade; kunis dadhabbii koo hundaaf badhaasa ture.
11 cumque me convertissem ad universa opera quae fecerant manus meae et ad labores in quibus frustra sudaveram vidi in omnibus vanitatem et adflictionem animi et nihil permanere sub sole
Taʼus ani yeroon waan harki koo hojjete hundaa fi waanan argachuuf jedhee itti dadhabe hubadhee ilaaletti, wanni hundi akkuma bubbee ariʼuuti malee faayidaa hin qabu ture; aduudhaa gaditti buʼaan tokko iyyuu hin turre.
12 transivi ad contemplandam sapientiam erroresque et stultitiam quid est inquam homo ut sequi possit regem factorem suum
Anis yaada koo gara ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuutti nan deebifadhe. Namni mootii iddoo buʼu tokko waan duraan hojjetame caalaa maal gochuu dandaʼa?
13 et vidi quia tantum praecederet sapientia stultitiam quantum differt lux tenebris
Ani akkuma ifni dukkana irra wayyu sana, akka ogummaan gowwummaa irra wayyu nan arge.
14 sapientis oculi in capite eius stultus in tenebris ambulat et didici quod unus utriusque esset interitus
Ogeessi mataa isaa keessaa ija qaba; gowwaan garuu dukkana keessa deema; ani garuu akka galgalli isaan lamaanii tokkuma taʼe nan hubadhe.
15 et dixi in corde meo si unus et stulti et meus occasus erit quid mihi prodest quod maiorem sapientiae dedi operam locutusque cum mente mea animadverti quod hoc quoque esset vanitas
Ergasii ani akkana jedheen garaa koo keessatti nan yaade; “Wanni gowwaa quunname, anaanis ni quunnama; yoos ani ogeessa taʼuudhaan maalan argadha ree?” Ani garaa koo keessatti, “Kunis faayidaa hin qabu” nan jedhe.
16 non enim erit memoria sapientis similiter ut stulti in perpetuum et futura tempora oblivione cuncta pariter obruent moritur doctus similiter et indoctus
Ogeessi akkuma gowwaa yeroo dheeraaf hin yaadatamuutii; bara dhufuuf jiru keessa isaan lachuu ni irraanfatamu. Ogeessis akkuma gowwaa duʼuu qaba!
17 et idcirco taeduit me vitae meae videntem mala esse universa sub sole et cuncta vanitatem atque adflictionem spiritus
Sababii wanni aduu gaditti hojjetamu na gaddisiiseef ani jireenya nan jibbe; kun hundinuu bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.
18 rursum detestatus sum omnem industriam meam quae sub sole studiosissime laboravi habiturus heredem post me
Ani sababii nama ana duubaan dhufuuf waan kana dhiisuu qabuuf, waanan aduudhaa gaditti itti dadhabe hunda nan jibbe.
19 quem ignoro utrum sapiens an stultus futurus sit et dominabitur in laboribus meis quibus desudavi et sollicitus fui et est quicquam tam vanum
Eenyutu akka inni ogeessa yookaan gowwaa taʼu beeka? Taʼus inni hojii ani aduudhaa gaditti yaalii fi ogummaa koo itti dhangalaase hundatti abbaa taʼa. Kunis faayidaa hin qabu.
20 unde cessavi renuntiavitque cor meum ultra laborare sub sole
Kanaafuu garaan koo sababii hojii koo dadhabsiisaa ani aduudhaa gaditti itti dadhabe hundaatiif abdii kutachuu jalqabe.
21 nam cum alius laboret in sapientia et doctrina et sollicitudine homini otioso quaesita dimittit et hoc ergo vanitas et magnum malum
Namni tokko hojii isaa ogummaan, beekumsaa fi harka toliisaan hojjetee ergasii immoo waan qabu hunda nama homaa itti hin dadhabiniif dhiisuu qabaatii. Wanni kunis faayidaa hin qabu; hammina guddaadhas.
22 quid enim proderit homini de universo labore suo et adflictione spiritus qua sub sole cruciatus est
Namni tokko dadhabbii isaatiif yaalii cimaa aduudhaa gaditti godhe sana hundaaf maal argata?
23 cuncti dies eius doloribus et aerumnis pleni sunt nec per noctem mente requiescit et haec non vanitas est
Hojiin isaa bara jireenya isaa hunda rakkinaa fi gadda; sammuun isaa halkan iyyuu hin boqotu. Kunis waan faayidaa hin qabnee dha.
24 nonne melius est comedere et bibere et ostendere animae suae bona de laboribus suis et hoc de manu Dei est
Namni nyaatee dhugee hojii isaatti gammaduu caalaa homaa gochuu hin dandaʼu. Ani akka wanni kun harka Waaqaatii dhufe nan arge;
25 quis ita vorabit et deliciis affluet ut ego
Waaqaan malee eenyutu nyaachuu yookaan gammaduu dandaʼa?
26 homini bono in conspectu suo dedit Deus sapientiam et scientiam et laetitiam peccatori autem dedit adflictionem et curam superfluam ut addat et congreget et tradat ei qui placuit Deo sed et hoc vanitas et cassa sollicitudo mentis
Waaqni nama isa gammachiisuuf ogummaa, beekumsaa fi gammachuu kenna; nama cubbamaa garuu akka inni namicha Waaqa gammachiisuuf kennuuf jedhee hojii qabeenya walitti qabuutii fi kuusuu hojjetu godha. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.

< Ecclesiastes 2 >