< Deuteronomii 31 >

1 abiit itaque Moses et locutus est omnia verba haec ad universum Israhel
Ergasiis Museen dhaqee dubbii kana Israaʼel hundatti dubbate:
2 et dixit ad eos centum viginti annorum sum hodie non possum ultra egredi et ingredi praesertim cum et Dominus dixerit mihi non transibis Iordanem istum
“Ani amma nama waggaa dhibbaa fi digdamaa ti; siʼachis isin hoogganuu hin dandaʼu. Waaqayyo, ‘Ati Yordaanos hin ceetu’ naan jedheera.
3 Dominus ergo Deus tuus transibit ante te ipse delebit omnes gentes has in conspectu tuo et possidebis eas et Iosue iste transibit ante te sicut locutus est Dominus
Waaqayyo Waaqni kee mataan isaa si dura ni ceʼa. Inni saboota kanneen fuula kee duraa ni barbadeessa; atis biyya isaanii ni dhaalta. Akkuma Waaqayyo jedhetti, Iyyaasuunis si dura ni ceʼa.
4 facietque Dominus eis sicut fecit Seon et Og regibus Amorreorum et terrae eorum delebitque eos
Waaqayyo akkuma Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa sana biyya isaanii wajjin balleesse sana isaan kanneenis ni balleessa.
5 cum ergo et hos tradiderit vobis similiter facietis eis sicut praecepi vobis
Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isaan kenna; isinis waan ani isin ajaje hunda isaan gochuu qabdu.
6 viriliter agite et confortamini nolite timere nec paveatis a conspectu eorum quia Dominus Deus tuus ipse est ductor tuus et non dimittet nec derelinquet te
Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu.”
7 vocavitque Moses Iosue et dixit ei coram omni Israhel confortare et esto robustus tu enim introduces populum istum in terram quam daturum se patribus eorum iuravit Dominus et tu eam sorte divides
Kana irratti Museen Iyyaasuu ofitti waamee fuula Israaʼel hundaa duratti akkana jedheen; “Ati sababii biyya Waaqayyo isaaniif kennuuf abbootii isaaniitiif kakatetti galuuf saba kana wajjin deemtuuf cimi; jabaadhus; biyyattiis akka dhaalan godhi.
8 et Dominus qui ductor vester est ipse erit tecum non dimittet nec derelinquet te noli timere nec paveas
Waaqayyo mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
9 scripsit itaque Moses legem hanc et tradidit eam sacerdotibus filiis Levi qui portabant arcam foederis Domini et cunctis senioribus Israhelis
Museenis seera kana barreessee ilmaan Lewwii kanneen luboota taʼanii taabota kakuu Waaqayyoo baatanii fi maanguddoota Israaʼel hundatti kenne.
10 praecepitque eis dicens post septem annos anno remissionis in sollemnitate tabernaculorum
Ergasiis Museen akkana jedhee isaan ajaje; “Dhuma waggaa torbaffaatti, yeroo itti gatiin dhiifamutti, yeroo itti Ayyaanni Daasii ayyaaneffamutti,
11 convenientibus cunctis ex Israhel ut appareant in conspectu Domini Dei tui in loco quem elegerit Dominus leges verba legis huius coram omni Israhel audientibus eis
yommuu Israaʼel hundi fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti mulʼachuuf lafa inni filatu dhufanitti akka isaan dhagaʼaniif fuula isaanii duratti seera kana isaanii dubbifta.
12 et in unum omni populo congregato tam viris quam mulieribus parvulis et advenis qui sunt intra portas tuas ut audientes discant et timeant Dominum Deum vestrum et custodiant impleantque omnes sermones legis huius
Akka isaan dubbii seera kanaa hunda dhagaʼanii Waaqayyo Waaqa kee sodaachuu baratanii fi of eeggannaadhaan faana buʼaniif namoota jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee fi alagoota magaalaawwan kee keessa jiraatan walitti qabi.
13 filii quoque eorum qui nunc ignorant audire possint et timeant Dominum Deum suum cunctis diebus quibus versantur in terra ad quam vos Iordane transito pergitis obtinendam
Bara isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa jiraattan guutuu ijoolleen isaanii kanneen seera kana hin beeknes dhagaʼuu fi Waaqayyo Waaqa isaanii sodaachuu barachuu qabu.”
14 et ait Dominus ad Mosen ecce prope sunt dies mortis tuae voca Iosue et state in tabernaculo testimonii ut praecipiam ei abierunt ergo Moses et Iosue et steterunt in tabernaculo testimonii
Waaqayyo Museedhaan, “Yeroon ati duutu dhiʼaateera. Akka ani waan inni hojjechuu malu itti himuuf Iyyaasuu waamiitii dunkaana wal gaʼii biratti dhiʼaadhaa” jedhe. Musee fi Iyyaasuunis dhufanii dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼaatan.
15 apparuitque Dominus ibi in columna nubis quae stetit in introitu tabernaculi
Waaqayyo utubaa duumessaatiin dhufee dunkaanicha keessatti mulʼate; duumessi sunis balbala dunkaanichaa dura dhaabate.
16 dixitque Dominus ad Mosen ecce tu dormies cum patribus tuis et populus iste consurgens fornicabitur post deos alienos in terra ad quam ingredietur et habitabit in ea ibi derelinquet me et irritum faciet foedus quod pepigi cum eo
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Ati abbootii kee wajjin ni boqotta; sabni kun immoo yommuu suma biyya dhaaluuf itti galutti waaqota Namoota Ormaa duukaa buʼee sagaagaluu jalqaba. Isaan na dhiisanii kakuu ani isaan wajjin gale ni cabsu.
17 et irascetur furor meus contra eum in die illo et derelinquam eum et abscondam faciem meam ab eo et erit in devorationem invenient eum omnia mala et adflictiones ita ut dicat in illo die vere quia non est Deus mecum invenerunt me haec mala
Gaafas ani isaanitti aaree isaan nan dhiisa; fuula koos isaan duraa nan dhoksa; isaanis ni barbadeeffamu. Badiisaa fi rakkoo baayʼeetu isaanitti dhufa; isaanis gaafasi, ‘Badiisni kun waan Waaqni keenya nu wajjin hin jirreef nutti dhufe mitii?’ jedhanii gaafatu.
18 ego autem abscondam et celabo faciem meam in die illo propter omnia mala quae fecit quia secutus est deos alienos
Waan isaan gara waaqota biraatti garagalaniif ani sababii hammina isaanii hundaatiif guutumaan guutuutti fuula koo isaan duraa nan dhokfadha.
19 nunc itaque scribite vobis canticum istud et docete filios Israhel ut memoriter teneant et ore decantent et sit mihi carmen istud pro testimonio inter filios Israhel
“Akka isaanitti ragaa naa taʼuuf, faarfannaa kana barreeffadhuutii akka isaan faarfataniif Israaʼeloota barsiisi.
20 introducam enim eum in terram pro qua iuravi patribus eius lacte et melle manantem cumque comederint et saturati crassique fuerint avertentur ad deos alienos et servient eis et detrahent mihi et irritum facient pactum meum
Yommuu ani biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan ani abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galetti isaan fidutti isaan nyaatanii quufanii narraa garagaluudhaan waaqota biraa waaqeffatu; na dhiisaniis kakuu koo ni cabsu.
21 postquam invenerint eum mala multa et adflictiones respondebit ei canticum istud pro testimonio quod nulla delebit oblivio ex ore seminis tui scio enim cogitationes eius quae facturus sit hodie antequam introducam eum in terram quam ei pollicitus sum
Faarfannaan kunis yommuu badiisnii fi rakkinni isaanitti dhufuti ragaa isaanitti taʼa; kun sanyii isaanii keessatti hin irraanfatamuutii. Ani utuu biyya kakuudhaan waadaa isaanii galetti isaan hin fidin iyyuu waan isaan gochuuf yaadan nan beekaatii.”
22 scripsit ergo Moses canticum et docuit filios Israhel
Kanaafuu Museen gaafas faarfannaa kana barreessee Israaʼeloota barsiise.
23 praecepitque Iosue filio Nun et ait confortare et esto robustus tu enim introduces filios Israhel in terram quam pollicitus sum et ego ero tecum
Waaqayyos Iyyaasuu ilma Nuunitiif ajaja, “Ati sababii biyya ani kakuudhaan waadaa isaanii galetti Israaʼeloota galchituuf cimi, jabaadhu; ani mataan koo si wajjin jiraa” jedhu kenne.
24 postquam ergo scripsit Moses verba legis huius in volumine atque conplevit
Museen erga dubbii seera kanaa jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba irratti barreessee fixee booddee,
25 praecepit Levitis qui portabant arcam foederis Domini dicens
Lewwota taabota kakuu Waaqayyoo baataniif ajaja kana kenne:
26 tollite librum istum et ponite eum in latere arcae foederis Domini Dei vestri ut sit ibi contra te in testimonio
“Kitaaba Seeraa kana fudhuutii taabota kakuu Waaqayyo Waaqa keetii bira kaaʼi. Kunis akka inni achuma taaʼee ragaa isinitti taʼuuf.
27 ego enim scio contentionem tuam et cervicem tuam durissimam adhuc vivente me et ingrediente vobiscum semper contentiose egistis contra Dominum quanto magis cum mortuus fuero
Ani akka isin finciltootaa fi mata jabeeyyii taatan nan beekaatii. Isin yoo utuma ani jiruu Waaqayyotti finciltan, erga ani duʼee booddee immoo hammam caalaa haa finciltan ree!
28 congregate ad me omnes maiores natu per tribus vestras atque doctores et loquar audientibus eis sermones istos et invocabo contra eos caelum et terram
Akka ani akka isaan dhagaʼaniif dubbii kana isaanitti hime akka isaanitti ragaa taʼuuf samii fi lafa waammachuu dandaʼuuf maanguddoota gosoota keessanii hundaa fi qondaaltota keessan hunda fuula koo duratti walitti qabaa.
29 novi enim quod post mortem meam inique agetis et declinabitis cito de via quam praecepi vobis et occurrent vobis mala in extremo tempore quando feceritis malum in conspectu Domini ut inritetis eum per opera manuum vestrarum
Ani akka isin erga ani duʼee booddee guutumaan guutuutti xurooftanii ajaja ani isinii kenne irraa garagaltan nan beekaatii. Baroota dhufuuf jiran keessa rakkinni isinitti dhufa; isin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjettanii hojiidhuma harka keessaniitiin dheekkamsaaf isa kakaaftuutii.”
30 locutus est ergo Moses audiente universo coetu Israhel verba carminis huius et ad finem usque conplevit
Museenis jalqabaa hamma dhumaatti dubbii faarfannaa kanaa guutummaa waldaa Israaʼelitti akkana jedhee dhageessise:

< Deuteronomii 31 >