< Deuteronomii 25 >

1 si fuerit causa inter aliquos et interpellaverint iudices quem iustum esse perspexerint illi iustitiae palmam dabunt quem impium condemnabunt impietatis
Yoo namoonni lama wal dhabanii gara mana murtii dhufan, abbootiin seeraa isa qulqulluu gad dhiisanii isa yakka qabutti muruu qabu.
2 sin autem eum qui peccavit dignum viderint plagis prosternent et coram se facient verberari pro mensura peccati erit et plagarum modus
Yoo namicha balleessaa qabu sanaaf garafamuun male abbaan murtii akka inni ciisu godhee fuula namichaa duratti lakkoobsa yakka isaatiif maluun isa haa garafsiisu;
3 ita dumtaxat ut quadragenarium numerum non excedant ne foede laceratus ante oculos tuos abeat frater tuus
taʼus inni afurtama caalaa isa hin garafsiisin. Inni kana caalaa yoo garafame obboleessi kee fuula kee duratti ni qaanaʼa.
4 non ligabis os bovis terentis in area fruges tuas
Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin.
5 quando habitaverint fratres simul et unus ex eis absque liberis mortuus fuerit uxor defuncti non nubet alteri sed accipiet eam frater eius et suscitabit semen fratris sui
Yoo obboloonni wajjin jiraatanii isaan keessaa tokko utuu ilma hin dhalchin duʼe, niitiin isaa maatiidhaa alatti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishee ishee fuudhee niitii haa godhatu; waan waarsaan tokko guutuufii qabus isheedhaaf haa guutu.
6 et primogenitum ex ea filium nomine illius appellabit ut non deleatur nomen eius ex Israhel
Akka maqaan isaa Israaʼel gidduudhaa hin badneef ilmi isheen deessu hangafni maqaa obboleessa duʼe sanaatiin haa waamamu.
7 sin autem noluerit accipere uxorem fratris sui quae ei lege debetur perget mulier ad portam civitatis et interpellabit maiores natu dicetque non vult frater viri mei suscitare nomen fratris sui in Israhel nec me in coniugium sumere
Taʼus yoo namichi sun niitii obboleessa isaa fuudhuu hin barbaanne isheen gara balbala magaalaatti maanguddoota bira dhaqxee, “Waarsaan koo maqaa obboleessa isaa Israaʼel keessatti waamsisuu dideera. Inni waan waarsaan tokko guutuu qabu naaf hin guutu” haa jettuun.
8 statimque accersiri eum facient et interrogabunt si responderit nolo eam uxorem accipere
Ergasii maanguddoonni magaalaa isaatii waamanii isa haa haasofsiisan. Yoo inni yaada isaa geeddarachuu didee, “Ani ishee fuudhuu hin fedhu” jedhe,
9 accedet mulier ad eum coram senioribus et tollet calciamentum de pede eius spuetque in faciem illius et dicet sic fit homini qui non aedificat domum fratris sui
niitiin obboleessa isaa sun fuula maanguddootaa duratti gara isaa dhaqxee kophee miilla isaa tokko irraa baafti; fuula isaattis tuftee, “Nama obboleessa isaatiif mana hin dhaabne irratti waan akkanaatu raawwatama” haa jettu.
10 et vocabitur nomen illius in Israhel domus Disculciati
Sanyiin nama sanaas Israaʼel keessatti, “Maatii kopheen irraa baafame” jedhamee waamama.
11 si habuerint inter se iurgium viri et unus contra alterum rixari coeperit volensque uxor alterius eruere virum suum de manu fortioris miserit manum et adprehenderit verenda eius
Yoo utuu namoonni lama wal lolanii, niitiin isa tokkoo dhuftee dhirsa ishee harka namicha isa tumaa jiru sanaatii baasuuf harka ishee hiixattee saala namichaa qabde,
12 abscides manum illius nec flecteris super eam ulla misericordia
ati harka ishee irraa muri. Garaa hin laafiniif.
13 non habebis in sacculo diversa pondera maius et minus
Korojoo kee keessaa madaaliiwwan wal caalan lama jechuun tokko ulfaataa tokko immoo kan hin ulfaanne hin qabaatin.
14 nec erit in domo tua modius maior et minor
Mana kee keessaa safartuuwwan garaa garaa lama jechuunis tokko guddaa tokko immoo xinnaa hin qabaatin.
15 pondus habebis iustum et verum et modius aequalis et verus erit tibi ut multo vivas tempore super terram quam Dominus Deus tuus dederit tibi
Ati akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf madaalii fi safartuu qajeelaa fi amanamaa taʼe qabaadhu.
16 abominatur enim Dominus eum qui facit haec et aversatur omnem iniustitiam
Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu, nama jalʼina hojjetu kam iyyuus ni balfaatii.
17 memento quae fecerit tibi Amalech in via quando egrediebaris ex Aegypto
Waan Amaaleqoonni yeroo ati Gibxii baatu karaa irratti si godhan sana yaadadhu.
18 quomodo occurrerit tibi et extremos agminis tui qui lassi residebant ceciderit quando tu eras fame et labore confectus et non timuerit Deum
Isaan yeroo ati dadhabdee bututtee turtetti karaa irratti si argatanii warra duubaan tirachaa turan hunda ajjeesan; Waaqas hin sodaanne.
19 cum ergo Dominus Deus tuus dederit tibi requiem et subiecerit cunctas per circuitum nationes in terra quam tibi pollicitus est delebis nomen eius sub caelo cave ne obliviscaris
Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti diinota naannoo keetii irraa boqonnaa siif kennutti, yaadannoo Amaaleq samii jalaa balleessi. Waan kana hin dagatin!

< Deuteronomii 25 >