< Amos Propheta 7 >

1 haec ostendit mihi Dominus Deus et ecce fictor lucustae in principio germinantium serotini imbris et ecce serotinus post tonsorem regis
Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: Inni erga qoodni mootichaa haamamee booddee, utuma midhaan lammaffaan gaʼaa jiruu tuuta hawwaannisaa qopheesse.
2 et factum est cum consummasset comedere herbam terrae et dixi Domine Deus propitius esto obsecro quis suscitabit Iacob quia parvulus est
Anis erga hawwaannisni sun lafa barbadeessee booddee, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, nuuf araarami! Yaaqoob akkamiin dandaʼee badiisa irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
3 misertus est Dominus super hoc non erit dixit Dominus
Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe. Waaqayyos, “Wanni kun hin taʼu” jedhe.
4 haec ostendit mihi Dominus Deus et ecce vocabat iudicium ad ignem Dominus Deus et devoravit abyssum multam et comedit simul partem
Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise; Waaqayyo Gooftaan murtii kennuuf ibidda waamaa ture; ibiddi sunis tuujuba guddaa gogsee lafas ni barbadeesse.
5 et dixi Domine Deus quiesce obsecro quis suscitabit Iacob quia parvulus est
Kana irratti ani, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani sin kadhadhaa, waan kana nurraa dhaabi! Yaaqoob akkamiin waan kana irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
6 misertus est Dominus super hoc sed et istud non erit dixit Dominus Deus
Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe. Waaqayyo Gooftaan, “Wanni kunis hin taʼu” jedhe.
7 haec ostendit mihi et ecce Dominus stans super murum litum et in manu eius trulla cementarii
Inni waan kana na argisiise: Gooftaan tumbii harkatti qabatee dallaa tumbiidhaan ijaarame bira dhaabachaa ture.
8 et dixit Dominus ad me quid tu vides Amos et dixi trullam cementarii et dixit Dominus ecce ego ponam trullam in medio populi mei Israhel non adiciam ultra superinducere eum
Waaqayyos, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. Anis, “Tumbii nan arga” jedheen deebise. Gooftaanis akkana naan jedhe; “Kunoo ani saba koo Israaʼel gidduu tumbii tokko nan kaaʼa; ani siʼachi isaan hin baraaru.
9 et demolientur excelsa idoli et sanctificationes Israhel desolabuntur et consurgam super domum Hieroboam in gladio
“Iddoowwan sagadaa Yisihaaq ni barbadaaʼu; iddoon qulqulluun Israaʼelis ni ona; ani goraadee kootiin mana Yerobiʼaamitti nan kaʼa.”
10 et misit Amasias sacerdos Bethel ad Hieroboam regem Israhel dicens rebellavit contra te Amos in medio domus Israhel non poterit terra sustinere universos sermones eius
Ergasii Amasiyaa lubni Beetʼeel akkana jedhee Yerobiʼaam mooticha Israaʼelitti ergaa tokko erge; “Amoos garaa Israaʼel keessatti sitti malateera. Dubbii isaa hunda lafti iyyuu baachuu hin dandeessu.
11 haec enim dicit Amos in gladio morietur Hieroboam et Israhel captivus migrabit de terra sua
Amoos akkana jedheeraatii: “‘Yerobiʼaam goraadeedhaan duʼa; Israaʼelis dhugumaan boojiʼamee biyya isaatii ni fudhatama.’”
12 et dixit Amasias ad Amos qui vides gradere fuge in terram Iuda et comede ibi panem et ibi prophetabis
Kana irratti Amasiyaan Amoosiin akkana jedhe; “Yaa ilaaltuu nana, sokki! Biyya Yihuudaatti deebiʼi. Achitti buddeena nyaadhu; raajiis dubbadhu.
13 et in Bethel non adicies ultra ut prophetes quia sanctificatio regis est et domus regni est
Sababii inni iddoo qulqulluu mootichaatii fi mana qulqullummaa mootummaa taʼeef ati lammata Beetʼeel keessatti raajii hin dubbatin.”
14 et respondit Amos et dixit ad Amasiam non sum propheta et non sum filius prophetae sed armentarius ego sum vellicans sycomoros
Amoos immoo akkana jedhee Amasiyaaf deebise; “Ani raajii yookaan ilma raajii miti; garuu ani tiksee fi eegduu muka harbuun ture.
15 et tulit me Dominus cum sequerer gregem et dixit ad me Dominus vade propheta ad populum meum Israhel
Waaqayyo garuu tika bushaayee keessaa na fuudhee, ‘Dhaqii saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’ naan jedhe.
16 et nunc audi verbum Domini tu dicis non prophetabis super Israhel et non stillabis super domum idoli
Egaa amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Ati akkana jetta; “‘Ati Israaʼeliin mormuudhaan raajii hin dubbatin; mana Yisihaaq mormuudhaan lallabuu dhiisi.’
17 propter hoc haec dicit Dominus uxor tua in civitate fornicabitur et filii tui et filiae tuae in gladio cadent et humus tua funiculo metietur et tu in terra polluta morieris et Israhel captivus migrabit de terra sua
“Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “‘Niitiin kee magaalaa keessatti sagaagaltuu taati; ilmaan keetii fi intallan kee goraadeedhaan dhumu. Biyyi kee safaramtee gargar qoodamti; ati mataan kee iyyuu biyya ormaatti duuta. Israaʼel dhugumaan boojiʼamee biyya isaatii ni fuudhama.’”

< Amos Propheta 7 >