< Actuum Apostolorum 15 >

1 et quidam descendentes de Iudaea docebant fratres quia nisi circumcidamini secundum morem Mosi non potestis salvi fieri
Namoonni tokko tokko Yihuudaa gara Anxookiiyaatti gad buʼanii, “Isin yoo akkuma seera Museetti dhagna qabachuu baattan fayyuu hin dandeessan” jedhanii obboloota barsiisaa turan.
2 facta ergo seditione non minima Paulo et Barnabae adversum illos statuerunt ut ascenderent Paulus et Barnabas et quidam alii ex illis ad apostolos et presbyteros in Hierusalem super hac quaestione
Kunis akka Phaawulosii fi Barnaabaas jara wajjin wal diddaa fi wal morkii cimaa keessa seenan isaan godhe; kanaaf Phaawulosii fi Barnaabaas waaʼee dubbii kanaatiif jedhanii akka Yerusaalemitti ol baʼanii ergamootaa fi maanguddoota bira dhaqaniif amantoota tokko tokko wajjin filataman.
3 illi igitur deducti ab ecclesia pertransiebant Foenicen et Samariam narrantes conversionem gentium et faciebant gaudium magnum omnibus fratribus
Waldaan kiristaanaas isaan ergite; isaanis akka Namoonni Ormaa Waaqatti deebiʼan odeessaa Finiiqee fi Samaariyaa keessa darban. Oduun kunis obboloota hunda akka malee gammachiise.
4 cum autem venissent Hierosolymam suscepti sunt ab ecclesia et ab apostolis et senioribus adnuntiantes quanta Deus fecisset cum illis
Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanitti waldaan kiristaanaa, ergamoonnii fi maanguddoonni isaan simatan; isaanis waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hunda jaratti himan.
5 surrexerunt autem quidam de heresi Pharisaeorum qui crediderant dicentes quia oportet circumcidi eos praecipere quoque servare legem Mosi
Amantoonni garee Fariisotaa tokko tokko garuu kaʼanii dhaabatanii, “Namoonni Ormaa dhagna qabachuu qaban; akka seera Musee eeganiifis itti himamuu qaba” jedhan.
6 conveneruntque apostoli et seniores videre de verbo hoc
Ergamoonnii fi maanguddoonni dubbii kana ilaaluuf walitti qabaman.
7 cum autem magna conquisitio fieret surgens Petrus dixit ad eos viri fratres vos scitis quoniam ab antiquis diebus in nobis elegit Deus per os meum audire gentes verbum evangelii et credere
Phexrosis falmii guddaan booddee kaʼee dhaabatee akkana isaaniin jedhe; “Yaa obboloota, isin akka Waaqni yeroo gabaabaan dura akka Namoonni Ormaa afaan koo irraa dubbii wangeelaa dhagaʼanii amananiif jedhee isinuma keessaa na filate beektu.
8 et qui novit corda Deus testimonium perhibuit dans illis Spiritum Sanctum sicut et nobis
Waaqni yaada garaa namaa beeku sun akkuma nuuf kenne sanatti isaaniifis Hafuura Qulqulluu kennuudhaan akka isaan simate mirkaneesse.
9 et nihil discrevit inter nos et illos fide purificans corda eorum
Innis sababii garaa isaanii amantiin qulqulleesseef, nuu fi isaan gidduutti garaa garummaa tokko illee hin goone.
10 nunc ergo quid temptatis Deum inponere iugum super cervicem discipulorum quod neque patres nostri neque nos portare potuimus
Yoos maaliif waanjoo nus abbootiin keenyas baachuu hin dandaʼin morma barattootaa irra kaaʼuudhaan Waaqa qortu ree?
11 sed per gratiam Domini Iesu credimus salvari quemadmodum et illi
Nu akka ayyaana Gooftaa keenya Yesuusiitiin fayyinu ni amanna; isaanis akkasuma ni fayyu.”
12 tacuit autem omnis multitudo et audiebant Barnaban et Paulum narrantes quanta fecisset Deus signa et prodigia in gentibus per eos
Yommuu Barnaabaasii fi Phaawulos waaʼee mallattoo fi dinqii Waaqni harka isaaniitiin Namoota Ormaa keessatti hojjete sanaa dubbatanitti yaaʼiin guutuun calʼisee isaan dhagaʼaa ture.
13 et postquam tacuerunt respondit Iacobus dicens viri fratres audite me
Erga isaan dubbatanii fixanii booddees Yaaqoob akkana jedhe; “Yaa obboloota, mee na dhaggeeffadhaa!
14 Simeon narravit quemadmodum primum Deus visitavit sumere ex gentibus populum nomini suo
Simoonis akka Waaqni duraan dursee Namoota Ormaa keessaa saba tokko ofii isaatii filachuun jaalala isaa argisiise nutti himeera.
15 et huic concordant verba prophetarum sicut scriptum est
Dubbiin raajotaas waan kana wajjin walii gala; innis akkana jedhamee barreeffameera:
16 post haec revertar et aedificabo tabernaculum David quod decidit et diruta eius reaedificabo et erigam illud
“‘Kana booddee ani nan deebiʼa; dunkaana Daawit kan kufe sana deebisee nan ijaara; diigamaa isaa immoo deebisee nan ijaara; deebisees nan dhaaba;
17 ut requirant ceteri hominum Dominum et omnes gentes super quas invocatum est nomen meum dicit Dominus faciens haec
kunis akka namoonni hafan jechuunis, Namoonni Ormaa warri maqaa kootiin waamaman hundinuu gooftaa barbaadaniif’
18 notum a saeculo est Domino opus suum (aiōn g165)
jedha Gooftichi waan bara dheeraaf beekame hojjete sun. (aiōn g165)
19 propter quod ego iudico non inquietari eos qui ex gentibus convertuntur ad Deum
“Kanaaf nu akka murtii kootiitti Namoota Ormaa kanneen Waaqatti deebiʼan rakkisuu hin qabnu.
20 sed scribere ad eos ut abstineant se a contaminationibus simulacrorum et fornicatione et suffocatis et sanguine
Qooda kanaa akka isaan nyaata waaqonni tolfamoon xureessan, sagaagalummaa, foon horii hudhamee duʼeetii fi dhiiga lagataniif xalayaa barreessinee itti himuu qabna.
21 Moses enim a temporibus antiquis habet in singulis civitatibus qui eum praedicent in synagogis ubi per omne sabbatum legitur
Seerri Musee dhaloota duriitii jalqabee magaalaa hunda keessatti lallabamaa ture; manneen sagadaa keessattis Sanbata Sanbata ni dubbifama.”
22 tunc placuit apostolis et senioribus cum omni ecclesia eligere viros ex eis et mittere Antiochiam cum Paulo et Barnaba Iudam qui cognominatur Barsabban et Silam viros primos in fratribus
Yommus ergamoonnii fi maanguddoonni miseensota waldaa kiristaanaa guutuu wajjin tokko taʼanii namoota isaanii keessaa tokko tokko filatanii Phaawulosii fi Barnaabaas wajjin gara Anxookiiyaatti erguu murteessan; isaanis namoota lama jechuunis Yihuudaa isa Barsiyaan jedhamuu fi Siilaas kanneen obboloota keessatti dura buʼoota turan sana filatan.
23 scribentes per manus eorum apostoli et seniores fratres his qui sunt Antiochiae et Syriae et Ciliciae fratribus ex gentibus salutem
Xalayaa armaan gad jiru kanas isaanitti ergan: Obboloota keessan, ergamootaa fi maanguddoota irraa; Gara Namoota Ormaa kanneen amanan warra Anxookiiyaa, Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa jiraataniitti; Nagaa isinii dhaamna.
24 quoniam audivimus quia quidam ex nobis exeuntes turbaverunt vos verbis evertentes animas vestras quibus non mandavimus
Nu akka namoonni tokko tokko eeyyama keenya malee nu biraa baʼanii waan dubbataniin qalbii isin raasanii isin jeeqan dhageenyeerra.
25 placuit nobis collectis in unum eligere viros et mittere ad vos cum carissimis nostris Barnaba et Paulo
Kanaafuu nu hundi namoota tokko tokko filannee obboloota keenya jaallatamoo Barnaabaasii fi Phaawulos jechuunis
26 hominibus qui tradiderunt animas suas pro nomine Domini nostri Iesu Christi
namoota maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiif jedhanii jireenya isaanii kennan isinitti erguuf walii galle.
27 misimus ergo Iudam et Silam qui et ipsi vobis verbis referent eadem
Kanaafuu akka isaan waanuma nu barreessine sana dubbii afaaniitiin isinii mirkaneessaniif jennee Yihuudaa fi Siilaasin ergineerra.
28 visum est enim Spiritui Sancto et nobis nihil ultra inponere vobis oneris quam haec necessario
Waan barbaachisaa armaan gad jiru kana malee akka nu baʼaa tokko illee isin irra hin keenye Hafuurri Qulqulluun jaallateera; nus itti gammanneerra;
29 ut abstineatis vos ab immolatis simulacrorum et sanguine suffocato et fornicatione a quibus custodientes vos bene agetis valete
kunis akka isin nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagattanii dha. Isin yoo waan kana irraa of eegdan, waan qajeelaa hojjettan. Nagaatti.
30 illi igitur dimissi descenderunt Antiochiam et congregata multitudine tradiderunt epistulam
Jarri sunis ergamanii Anxookiiyaatti gad buʼan; achittis amantoota walitti qabanii xalayaa sana itti kennan.
31 quam cum legissent gavisi sunt super consolatione
Amantoonnis yommuu xalayaa sana dubbisanitti gorsa jajjabeessaa sanatti ni gammadan.
32 Iudas autem et Silas et ipsi cum essent prophetae verbo plurimo consolati sunt fratres et confirmaverunt
Yihuudaa fi Siilaas warri mataan isaanii iyyuu raajota turan sun dubbii baayʼeen obboloota gorsanii jajjabeessan.
33 facto autem ibi tempore dimissi sunt cum pace a fratribus ad eos qui miserant illos
Erga isaan yeroo gabaabaa achi turanii booddees, obboloonni akka isaan warra isaan erganitti deebiʼaniif nagaan isaan geggeessan. [
Siilaas immoo achumatti hafuu murteesse.]
35 Paulus autem et Barnabas demorabantur Antiochiae docentes et evangelizantes cum aliis pluribus verbum Domini
Phaawulosii fi Barnaabaas garuu Anxookiiyaatti hafanii namoota biraa hedduu wajjin dubbii Gooftaa barsiisan; ni lallabanis.
36 post aliquot autem dies dixit ad Barnaban Paulus revertentes visitemus fratres per universas civitates in quibus praedicavimus verbum Domini quomodo se habeant
Phaawulosis bultii gabaabduu booddee Barnaabaasiin, “Mee kottu, magaalaawwan itti dubbii Gooftaa lallabne hundatti deebinee obboloota dubbifnaa; haala isaan keessa jiranis ni ilaallaa!” jedhe.
37 Barnabas autem volebat secum adsumere et Iohannem qui cognominatur Marcus
Barnaabaasis Yohannis isa Maarqos jedhamu sana isaan wajjin fudhatee deemuu barbaade.
38 Paulus autem rogabat eum qui discessisset ab eis a Pamphilia et non isset cum eis in opus non debere recipi eum
Phaawulos garuu sababii Maarqos isaan wajjin hojiitti fufuu didee Phamfiliyaatti isaan dhiisee deemeef akka inni isaan wajjin deemu hin jaallanne.
39 facta est autem dissensio ita ut discederent ab invicem et Barnabas adsumpto Marco navigaret Cyprum
Kana irratti waldhabiisni guddaan gidduu isaaniitti uumamnaan gargar baʼan; Barnaabaasis Maarqosin fudhatee dooniidhaan Qophiroositti qajeele.
40 Paulus vero electo Sila profectus est traditus gratiae Domini a fratribus
Phaawulos immoo Siilaasin filatee erga obboloonni dabarsanii ayyaana gooftaatti isa kennanii booddee kaʼee deeme.
41 perambulabat autem Syriam et Ciliciam confirmans ecclesias
Innis waldoota kiristaanaa jajjabeessaa Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa darbe.

< Actuum Apostolorum 15 >