< I Paralipomenon 23 >

1 igitur David senex et plenus dierum regem constituit Salomonem filium suum super Israhel
Daawit erga waggaa hedduu jiraatee dulloomee booddee ilma isaa Solomoonin Israaʼel irratti mootii godhe.
2 et congregavit omnes principes Israhel et sacerdotes atque Levitas
Akkasumas Daawit dura buutota Israaʼel hunda, lubootaa fi Lewwota illee walitti qabe.
3 numeratique sunt Levitae a triginta annis et supra et inventa sunt triginta octo milia virorum
Lewwonni umuriin isaanii waggaa soddomaa fi hammasii olii ni lakkaaʼaman; baayʼinni dhiirotaa kuma soddomii saddeet taʼe.
4 ex his electi sunt et distributi in ministerium domus Domini viginti quattuor milia praepositorum autem et iudicum sex milia
Daawitis akkana jedhe; “Isaan kanneen keessaa kuma digdamii afur hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo haa toʼatan; namoonni kuma jaʼa qondaaltotaa fi abbootii murtii haa taʼan.
5 porro quattuor milia ianitores et totidem psaltae canentes Domino in organis quae fecerat ad canendum
Kumni afur eegdota balbalaa haa taʼan; kumni afur immoo miʼoota faarfannaa kanneen ani kaayyoo kanaaf kenneen Waaqayyoon haa galateeffatan.”
6 et distribuit eos David per vices filiorum Levi Gersom videlicet et Caath et Merari
Daawitis Lewwota akkuma gosoota Lewwiitti garee gareen gargar ni qoode; isaanis: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
7 Gersom Leedan et Semei
Gosa Geershoon keessaa: Laʼadaanii fi Shimeʼii.
8 filii Leedan princeps Ieihel et Zetham et Iohel tres
Ilmaan Laʼadaanii: Yehiiʼeel hangafticha, Zeetaamii fi Yooʼeel; walumatti nama sadii turan.
9 filii Semei Salomith et Ozihel et Aran tres isti principes familiarum Leedan
Ilmaan Shimeʼii: Sheloomot, Haziiʼeelii fi Haaraan; walumatti nama sadii turan. Isaan kunneen hangafoota Maatii Laʼadaan turan.
10 porro filii Semei Ieeth et Ziza et Iaus et Baria isti filii Semei quattuor
Ilmaan Shimeʼii: Yahaati, Ziinaa, Yeʼuushii fi Beriiyaa. Isaan kunneen ilmaan Shimeʼii ti; walumatti nama afur turan.
11 erat autem Ieeth prior Ziza secundus porro Iaus et Baria non habuerunt plurimos filios et idcirco in una familia unaque domo conputati sunt
Yahaati hangafa; Ziinaan lammaffaa; Yeʼuushii fi Beriiyaan garuu ilmaan baayʼee hin qaban; kanaafuu isaan akkuma maatii tokkootti lakkaaʼaman.
12 filii Caath Amram et Isaar Hebron et Ozihel quattuor
Ilmaan Qohaatii: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel; walumatti nama afur turan.
13 filii Amram Aaron et Moses separatusque est Aaron ut ministraret in sancto sanctorum ipse et filii eius in sempiternum et adoleret incensum Domino secundum ritum suum ac benediceret nomini eius in perpetuum
Ilmaan Amraam: Aroonii fi Musee. Aroon akka innii fi sanyiin isaa wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼan Waaqaaf qulqulleessaniif, akka fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessaniif, akka fuula isaa dura tajaajilanii fi akka maqaa isaatiin eebba labsaniif bara baraan addaan baafaman.
14 Mosi quoque hominis Dei filii adnumerati sunt in tribu Levi
Ilmaan Musee nama Waaqaa immoo gosa Lewwiitti dabalamanii lakkaaʼaman.
15 filii Mosi Gersom et Eliezer
Ilmaan Musee: Geershoomii fi Eliiʼezer.
16 filii Gersom Subuhel primus
Ilmaan Geershoomii: Shebuuʼeel hangafa.
17 fuerunt autem filii Eliezer Roobia primus et non erant Eliezer filii alii porro filii Roobia multiplicati sunt nimis
Ilmaan Eliiʼezerii keessaa: Rehaabiyaa hangafa. Eleʼaazaar ilmaan biraa hin qabu ture; ilmaan Rehaabiyaa garuu akka malee hedduu turan.
18 filii Isaar Salumith primus
Ilmaan Yizihaar keessaa: Sheloomiit hangafta.
19 filii Hebron Ieriau primus Amarias secundus Iazihel tertius Iecmaam quartus
Ilmaan Kebroon; hangaftichi Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.
20 filii Ozihel Micha primus Iesia secundus
Ilmaan Uziiʼeel: hangaftichi Miikaa, lammaffaan Yishiyaa.
21 filii Merari Mooli et Musi filii Mooli Eleazar et Cis
Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Ilmaan Mahilii: Eleʼaazaarii fi Qiish.
22 mortuus est autem Eleazar et non habuit filios sed filias acceperuntque eas filii Cis fratres earum
Eleʼaazaar utuu ilmaan hin dhalchin duʼe; inni intallan qofa qaba ture. Durbiiwwan isaanii ilmaan Qiishitu isaan fuudhe.
23 filii Musi Mooli et Eder et Ierimuth tres
Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yereemooti; walumatti nama sadii turan.
24 hii filii Levi in cognationibus et familiis suis principes per vices et numerum capitum singulorum qui faciebant opera ministerii domus Domini a viginti annis et supra
Isaan kunneen ilmaan Lewwii kanneen akkuma mana abbootii isaaniitti hangafoonni abbootii warri maqaa maqaadhaan galmeeffamanii tokko tokkoon lakkaaʼaman, hojjettoota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe warra mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tajaajilanii dha.
25 dixit enim David requiem dedit Dominus Deus Israhel populo suo et habitationem Hierusalem usque in aeternum
Daawit akkana jedhee tureetii; “Waaqayyoo Waaqni Israaʼel saba isaatiif boqonnaa kenneera; bara baraanis Yerusaalem keessa ni jiraata;
26 nec erit officii Levitarum ut ultra portent tabernaculum et omnia vasa eius ad ministrandum
siʼachi Lewwonni dunkaana yookaan miʼoota achi keessatti itti fayyadaman hin baatan.”
27 iuxta praecepta quoque David novissima supputabitur numerus filiorum Levi a viginti annis et supra
Akkuma qajeelcha Daawit dhuma irratti kenneetti, Lewwonni waggaa digdamaa fi sanaa olii hedamaniiruutii.
28 et erunt sub manu filiorum Aaron in cultum domus Domini in vestibulis et in exedris et in loco purificationis et in sanctuario et in universis operibus ministerii templi Domini
Hojiin Lewwotaas tajaajila mana qulqullummaa Waaqaa keessatti sanyiiwwan Aroonii gargaaruu dha; kunis oobdiiwwanii fi kutaawwan mana qulqullummaa eeguu, miʼoota qulqulluu qulqulleessuu fi hojiiwwan biraas mana Waaqayyoo keessatti hojjechuu dha.
29 sacerdotes autem super panes propositionis et ad similae sacrificium et ad lagana et azyma et sartaginem et ad ferventem similam et super omne pondus atque mensuram
Akkasumas buddeena minjaala irra kaaʼuu, daakuu kennaa midhaanii, buddeena utuu hin bukaaʼin tolfame, tolchuu fi waliin makuu, safartuu fi madaalii hunda irratti itti gaafatamtoota turan.
30 Levitae vero ut stent mane ad confitendum et canendum Domino similiterque ad vesperam
Isaan guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon galateeffachuu fi jajachuuf ganama ganama fuula isaa dura ni dhaabatu; galgala galgalas akkasuma ni godhu;
31 tam in oblatione holocaustorum Domini quam in sabbatis et kalendis et sollemnitatibus reliquis iuxta numerum et caerimonias uniuscuiusque rei iugiter coram Domino
yeroo aarsaan gubamu guyyaa Sanbataa Waaqayyoof dhiʼeeffamutti yeroo Ayyaana Baatii Haaraa fi gaafa ayyaana yeroon isaa murtaaʼe kamii iyyuu akkanuma ni godhu. Isaan yeroo hunda akkuma lakkoobsaa fi qajeelfama isaanii kennameetti fuula Waaqayyoo dura tajaajilu ture.
32 et custodiant observationes tabernaculi foederis et ritum sanctuarii et observationem filiorum Aaron fratrum suorum ut ministrent in domo Domini
Lewwonni akkasiin itti gaafatama dunkaana wal gaʼii fi Iddoo Qulqulluu eeguuf qaban raawwatan; akkasumas ajaja obboloota isaanii sanyiiwwan Aroon jalatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti qaban raawwachaa turan.

< I Paralipomenon 23 >