< I Paralipomenon 15 >

1 fecit quoque sibi domos in civitate David et aedificavit locum arcae Dei tetenditque ei tabernaculum
Daawit erga ofii isaatiif Magaalaa Daawit keessatti mana ijaarratee booddee taabota Waaqaatiif lafa qopheessee dunkaana dhaabe.
2 tunc dixit David inlicitum est ut a quocumque portetur arca Dei nisi a Levitis quos elegit Dominus ad portandum eam et ad ministrandum sibi usque in aeternum
Ergasiis Daawit, “Waan Waaqayyo akka isaan taabota Waaqaa baatanii bara baraan fuula isaa dura tajaajilaniif isaan filateef, Lewwota malee namni biraa taabota Waaqayyoo hin baatin” jedhee ajaje.
3 congregavitque universum Israhel in Hierusalem ut adferretur arca Dei in locum suum quem praeparaverat ei
Daawitis taabota Waaqayyoo iddoo qopheesseef sanatti fiduuf Israaʼeloota hunda Yerusaalemitti walitti qabe.
4 necnon et filios Aaron et Levitas
Innis sanyiiwwan Aroonii fi Lewwota walitti waame; isaanis:
5 de filiis Caath Urihel princeps fuit et fratres eius centum viginti
Ilmaan Qohaati keessaa, Uuriiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 120;
6 de filiis Merari Asaia princeps et fratres eius ducenti viginti
ilmaan Meraarii keessaa, Asaayaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 220;
7 de filiis Gersom Iohel princeps et fratres eius centum triginta
ilmaan Geershoom keessaa, Yooʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 130;
8 de filiis Elisaphan Semeias princeps et fratres eius ducenti
ilmaan Eliisaafaan keessaa, Shemaaʼiyaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 200;
9 de filiis Hebron Elihel princeps et fratres eius octoginta
ilmaan Kebroon keessaa, Eliiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 80;
10 de filiis Ozihel Aminadab princeps et fratres eius centum duodecim
ilmaan Uziiʼeel keessaa, Amiinaadaab hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 112.
11 vocavitque David Sadoc et Abiathar sacerdotes et Levitas Urihel Asaiam Iohel Semeiam Elihel et Aminadab
Ergasiis Daawit luboota jechuunis Saadoqii fi Abiyaataar akkasumas Lewwota jechuunis Uuriiʼeel, Asaayaa, Yooʼeel, Shemaaʼiyaa, Eliiʼeelii fi Amiinaadaabin ni waame;
12 et dixit ad eos vos qui estis principes familiarum leviticarum sanctificamini cum fratribus vestris et adferte arcam Domini Dei Israhel ad locum qui ei praeparatus est
akkanas isaaniin jedhe; “Isin hangafoota maatiiwwan Lewwotaa ti; isinii fi Lewwonni akka keessanii of qulqulleessaa; ergasiis taabota Waaqayyo Waaqa Israaʼel gara iddoo ani qopheesseefitti fidaa.
13 ne ut a principio quia non eratis praesentes percussit nos Dominus sic et nunc fiat inlicitum quid nobis agentibus
Sababii isin Lewwonni yeroo jalqabaatti taabota sana hin fidiniif Waaqayyo Waaqni keenya nutti dheekkame. Nu akka seerri ajajutti isa hin barbaaddanneetii.”
14 sanctificati sunt ergo sacerdotes et Levitae ut portarent arcam Domini Dei Israhel
Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni taabota Waaqayyo Waaqa Israaʼel sana fiduuf of qulqulleessan.
15 et tulerunt filii Levi arcam Dei sicut praeceperat Moses iuxta verbum Domini umeris suis in vectibus
Lewwonni akkuma kan Museen dubbii Waaqayyootiin ajajetti taabota Waaqaa sana danqaraadhaan gatiittii isaaniitti ni baatan.
16 dixit quoque David principibus Levitarum ut constituerent de fratribus suis cantores in organis musicorum nablis videlicet et lyris et cymbalis ut resonaret in excelsum sonitus laetitiae
Daawitis akka isaan meeshaa muuziiqaatiin jechuunis kiraaraan, baganaa fi kililleedhaan faarfannaa gammachuu faarfataniif akka isaan obboloota isaanii muudaniif Lewwota dura deemtotatti ni hime.
17 constitueruntque Levitas Heman filium Iohel et de fratribus eius Asaph filium Barachiae de filiis vero Merari fratribus eorum Ethan filium Casaiae
Kanaafuu Lewwonni Heemaan ilma Yooʼeel muudatan; obboloota isaa keessaa immoo Asaaf ilma Berekiyaa, obboloota isaanii gosa Meraarii keessaa Eetaan ilma Qushaayaa ni muuddatan;
18 et cum eis fratres eorum in secundo ordine Zacchariam et Ben et Iazihel et Semiramoth et Iahihel et Ani Eliab et Banaiam et Maasiam et Matthathiam et Eliphalu et Macheniam et Obededom et Ieihel ianitores
isaan wajjinis obboloota isaanii kanneen isaanitti aannan: Zakkaariyaas, Yaʼaziiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaab, Benaayaa, Maʼaseyaa, Matiitiyaa, Eliipheleehuu, Miiqneyaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel eegdota balbalaa turan.
19 porro cantores Heman Asaph et Ethan in cymbalis aeneis concrepantes
Faarfattoonni Heemaan, Asaafii fi Eetaan jedhaman akka kilillee naasiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii faarfannaa dhageessisaniif ni muudaman;
20 Zaccharias autem et Ozihel et Semiramoth et Iahihel et Ani et Eliab et Maasias et Banaias in nablis arcana cantabant
Zakkaariyaas, Aziiʼeel Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaabi, Maʼaseyaanii fi Benaayaa immoo akka seera alamootiitti kiraaraan faarfatu ture;
21 porro Matthathias et Eliphalu et Machenias et Obededom et Ieihel et Ozaziu in citharis pro octava canebant epinikion
akkasumas Matiitiyaan, Eliipheleehuu, Miiqneyaan, Oobeed Edoom, Yeʼiiʼeel, Azaaziyaan akka seera shiimiiniitiitti baganaa taphatu ture.
22 Chonenias autem princeps Levitarum prophetiae praeerat ad praecinendam melodiam erat quippe valde sapiens
Kenaaniyaan hangaftichi Lewwotaa itti gaafatamaa faarfannaa ture; innis itti gaafatamummaa kana sababii ogummaa isaa qabuuf fudhate.
23 et Barachias et Helcana ianitores arcae
Berekiyaa fi Elqaanaan eegdota balbala taabotaa turan.
24 porro Sebenias et Iosaphat et Nathanahel et Amasai et Zaccharias et Banaias et Eliezer sacerdotes clangebant tubis coram arca Dei et Obededom et Ahias erant ianitores arcae
Luboonni jechuunis, Shebaniyaan, Yooshaafaaxi, Naatnaaʼel, Amaasaayi, Zakkaariyaas, Benaayaanii fi Eliiʼezer fuula taabota Waaqaa duratti malakata afuufu ture. Oobeed Edoomii fi Yehiyaan immoo eegdota balbala taabotaa turan.
25 igitur David et maiores natu Israhel et tribuni ierunt ad deportandam arcam foederis Domini de domo Obededom cum laetitia
Kanaafuu Daawitii fi maanguddoonni Israaʼel akkasumas ajajjuuwwan kumaa gammachuudhaan taabota kakuu Waaqayyoo sana mana Oobeed Edoomiitii fiduu dhaqan.
26 cumque adiuvisset Deus Levitas qui portabant arcam foederis Domini immolabantur septem tauri et septem arietes
Isaanis sababii Waaqni Lewwota taabota kakuu Waaqayyoo baatan gargaareef korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa godhan.
27 porro David erat indutus stola byssina et universi Levitae qui portabant arcam cantoresque et Chonenias princeps prophetiae inter cantores David autem indutus erat etiam ephod lineo
Daawitis wandaboo haphii quncee talbaa irraa hojjetame kan akka uffata Lewwonni taabota sana baatan, kan akka faarfattoonnii fi Kenaaniyaan qajeelchaan faarfannaa faarfattootaa uffatan sanaa uffatee ture. Daawitis dirata quncee talbaa irraa hojjetames uffatee ture.
28 universusque Israhel deducebant arcam foederis Domini in iubilo et sonitu bucinae et tubis et cymbalis et nablis et citharis concrepantes
Akkasiinis Israaʼel hundi gaanfa korbeessa hoolaatii fi malakata afuufaa, kilillee dhageessisaa, kiraaraa fi baganaadhaan sirbaa taabota kakuu Waaqayyoo sana ni fidan.
29 cumque pervenisset arca foederis Domini usque ad civitatem David Michol filia Saul prospiciens per fenestram vidit regem David saltantem atque ludentem et despexit eum in corde suo
Yeroo taabonni kakuu Waaqayyoo Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi shuubbisee gammadu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.

< I Paralipomenon 15 >