< Leviticus 8 >

1 Locutusque est Dominus ad Moysen, dicens:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 Tolle Aaron cum filiis suis, vestes eorum, et unctionis oleum, vitulum pro peccato, duos arietes, canistrum cum azymis,
“Aroonii fi ilmaan isaa, uffata isaanii, zayitii ittiin diban, dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamu, korbeeyyii hoolaa lamaa fi gundoo maxinoo baatu fidi;
3 et congregabis omnem coetum ad ostium tabernaculi.
waldaa hundas balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabi.”
4 Fecit Moyses ut Dominus imperaverat. Congregataque omni turba ante fores tabernaculi,
Museenis akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe; waldaan hundis balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabame.
5 ait: Iste est sermo, quem iussit Dominus fieri.
Museenis waldaa sanaan, “Wanni Waaqayyo akka hojjetamu ajaje kana” jedhe.
6 Statimque obtulit Aaron et filios eius. Cumque lavisset eos,
Ergasiis Museen Aroonii fi ilmaan isaa gara fuula duraatti fidee bishaaniin isaan dhiqe.
7 vestivit pontificem subucula linea, accingens eum balteo, et induens eum tunica hyacinthina, et desuper humerale imposuit,
Innis Aroonitti kittaa uffisee sabbataan hidheef; wandaboos itti uffisee isa irratti dirata dabaleef; dirata sanas sabbata ogummaadhaan hojjetameen hidheef.
8 quod astringens cingulo aptavit rationali, in quo erat Doctrina et Veritas.
Kiisii qomaa itti kaaʼee kiisii sana keessa immoo Uriimii fi Tumiimii kaaʼe.
9 Cidari quoque texit caput: et super eam, contra frontem, posuit laminam auream consecratam in sanctificatione, sicut praeceperat ei Dominus.
Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti mataa Aroonitti marata mare; marata sana irrattis karaa fuula duraatiin faaya warqee kan gonfoo qulqulluu tolche.
10 Tulit et unctionis oleum, quo linivit tabernaculum cum omni supellectili sua.
Ergasii Museen zayitii ittiin diban fuudhee dunkaana qulqulluu fi waan achi keessa jiru hunda dibee qulqulleesse.
11 Cumque sanctificans aspersisset altare septem vicibus, unxit illud, et omnia vasa eius, labrumque cum basi sua sanctificavit oleo.
Zayitii sana irraas fuudhee iddoo aarsaa irratti yeroo torba facaase; akka isaan qulqulleessuufis iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda akkasumas gabatee itti dhiqatan miilla isaa wajjin zayitii dibe.
12 Quod fundens super caput Aaron, unxit eum, et consecravit:
Zayitii ittiin diban irraas fuudhee mataa Aroon irratti dhangalaase; isa qulqulleessuufis isa dibe.
13 filios quoque eius oblatos vestivit tunicis lineis, et cinxit balteis, imposuitque mitras, ut iusserat Dominus.
Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti ilmaan Aroon gara fuula duraatti baasee kittaa itti uffise; sabbata hidheefii gonfoo mataa isaaniitti kaaʼe.
14 Obtulit et vitulum pro peccato. cumque super caput eius posuisset Aaron, et filii eius manus suas,
Ergasii immoo aarsaa cubbuutiif dibicha dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaas mataa dibicha sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
15 immolavit eum: hauriens sanguinem, et tincto digito, tetigit cornua altaris per gyrum. quo expiato et sanctificato, fudit reliquum sanguinem ad fundamenta eius.
Museenis dibicha sana qalee dhiiga fuudhee iddoo aarsaa qulqulleessuuf quba isaatiin gaanfa iddoo aarsaa hunda dibe; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti gad naqe. Araara isaaf buusuufis iddoo aarsaa sana qulqulleesse.
16 Adipem vero qui erat super vitalia, et reticulum iecoris, duosque renunculos, cum arvinulis suis adolevit super altare:
Akkasumas moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii fuudhee iddoo aarsaa irratti gube.
17 vitulum cum pelle, et carnibus, et fimo, cremans extra castra, sicut praeceperat Dominus.
Dibicha sana, gogaa isaa, foon isaatii fi cumaa isaa garuu akkuma Waaqayyo isa ajajetti qubata keessaa gad baasee gube.
18 Obtulit et arietem in holocaustum: super cuius caput cum imposuissent Aaron et filii eius manus suas,
Ergasii immoo aarsaa gubamuuf korbeessa hoolaa dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaas mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
19 immolavit eum, et fudit sanguinem eius per circuitum altaris.
Museen immoo korbeessa hoolaa sana qalee dhiiga isaa iddoo aarsaatti gama hundaan facaase.
20 Ipsumque arietem in frusta concidens, caput eius, et artus, et adipem adolevit igni,
Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutee mataa, buʼaa fi cooma isaa gube.
21 lotis prius intestinis et pedibus. totumque simul arietem incendit super altare, eo quod esset holocaustum suavissimi odoris Domino, sicut praeceperat ei.
Innis miʼa garaatii fi luka bishaaniin dhiqee korbeessa hoolaa sana guutuu iddoo aarsaa irratti gube. Kunis aarsaa gubamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa akkuma Waaqayyo Musee ajajetti Waaqayyoof dhiʼeeffamee dha.
22 Obtulit et arietem secundum, in consecratione sacerdotum: posueruntque super caput eius Aaron et filii eius manus suas.
Innis ergasii korbeessa hoolaa kaan jechuunis hoolaa ittiin muudan sana dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaa immoo mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
23 quem cum immolasset Moyses, sumens de sanguine eius, tetigit extremum auriculae dextrae Aaron, et pollicem manus eius dextrae, similiter et pedis.
Museenis hoolaa sana qalee dhiiga isaa irraa fuudhee fiixee gurra Aroon mirgaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa dibe.
24 Obtulit et filios Aaron. cumque de sanguine arietis immolati tetigisset extremum auriculae singulorum dextrae, et pollices manus ac pedis dextri, reliquum fudit super altare per circuitum:
Ilmaan Aroonis gara fuula duraatti baasee dhiiga fuudhee fiixee gurra isaanii mirgaa, quba abbuudduu harka isaanii mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaanii mirgaa ittiin tuqe. Ergasiis dhiiga sana iddoo aarsaatti gama hundaan facaase.
25 adipem vero, et caudam, omnemque pinguedinem quae operit intestina, reticulumque iecoris, et duos renes cum adipibus suis, et armo dextro separavit.
Innis cooma, duboo, moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii, tafa mirgaa fuudhe.
26 Tollens autem de canistro azymorum, quod erat coram Domino, panem absque fermento, et collyridam conspersam oleo, laganumque posuit super adipes, et armum dextrum,
Ergasiis gundoo maxinoo baatu kan fuula Waaqayyoo dura ture sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhe; waan kanas cooma sanaa fi tafa mirgaa irra kaaʼe.
27 tradens simul omnia Aaron et filiis eius. Qui postquam levaverunt ea coram Domino,
Innis wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼee aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose.
28 rursum suscepta de manibus eorum, adolevit super altare holocausti, eo quod consecrationis esset oblatio, in odorem suavitatis, sacrificii Domini.
Museenis wantoota kanneen harka isaaniitii fuudhee aarsaa ittiin luba taʼan kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa godhee iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu gubbaatti gube.
29 Tulitque pectusculum elevans illud coram Domino, de ariete consecrationis in partem suam, sicut praeceperat ei Dominus.
Museenis handaraafa fuudhee aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose; kunis akkuma Waaqayyo isa ajajetti qooda Museen korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan irraa argatuu dha.
30 Assumensque unguentum, et sanguinem qui erat in altari, aspersit super Aaron et vestimenta eius, et super filios illius ac vestes eorum.
Ergasiis Museen zayitii ittiin dibanii fi dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa fuudhee Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaattii fi uffata isaaniitti facaase; akkasiinis Aroonii fi uffata isaa, ilmaan isaatii fi uffata isaanii qulqulleesse.
31 Cumque sanctificasset eos in vestitu suo, praecepit eis, dicens: Coquite carnes ante fores tabernaculi, et ibi comedite eas. panes quoque consecrationis edite, qui positi sunt in canistro, sicut praecepit mihi Dominus, dicens: Aaron et filii eius comedent eos:
Museenis Aroonii fi ilmaan isaatiin akkana jedhe; “Foon sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti affeellaa; akkuma ani ‘Aroonii fi ilmaan isaa haa nyaatan’ jedhee ajajetti foon sana buddeena gundoo aarsaan ittiin luboota taʼan keessa kaaʼamu sana keessa jiru wajjin achumatti nyaadhaa.
32 quidquid autem reliquum fuerit de carne et panibus, ignis absumet.
Foonii fi buddeena hafu immoo ibiddaan gubaa.
33 De ostio quoque tabernaculi non exibitis septem diebus, usque ad diem quo complebitur tempus consecrationis vestrae. septem enim diebus finitur consecratio:
Sababii luba taʼuun keessan bultii torba fudhatuuf hamma yeroon luba taʼuu keessanii raawwatutti bultii torba balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa.
34 sicut et impraesentiarum factum est, ut ritus sacrificii compleretur.
Waan harʼa hojjetame kana Waaqayyotu araara isinii buusuuf akka hojjetamu ajaje.
35 Die ac nocte manebitis in tabernaculo observantes custodias Domini, ne moriamini: sic enim mihi praeceptum est.
Isin akka hin duuneef bultii torba halkanii fi guyyaa balbala dunkaana wal gaʼii dura turaatii waan Waaqayyo isin irraa barbaadu hojjedhaa; wanni ani ajajame kanaatii.”
36 Feceruntque Aaron et filii eius cuncta quae locutus est Dominus per manum Moysi.
Aroonii fi ilmaan isaa waan Waaqayyo karaa Museetiin ajaje hunda hojjetan.

< Leviticus 8 >