< Jeremiæ 4 >

1 Si reverteris Israel, ait Dominus, ad me convertere: si abstuleris offendicula tua a facie mea, non commoveberis.
“Yaa Israaʼel, ati yoo deebite, gara kootti deebiʼi” jedha Waaqayyo. “Yoo ati waaqota kee jibbisiisoo sana fuula koo duraa balleessitee siʼachi karaa irraa jalʼachuu baatte,
2 Et iurabis: Vivit Dominus in veritate, et in iudicio, et in iustitia: et benedicent eum Gentes, ipsumque laudabunt.
yoo ati, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jettee dhugaadhaan, murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan kakatte, saboonni isaan ni eebbifamu; isumaanis ni kabajamu.”
3 Haec enim dicit Dominus viro Iuda, et habitatori Ierusalem: Novate vobis novale, et nolite serere super spinas:
Waaqayyo namoota Yihuudaatii fi namoota Yerusaalemiin akkana jedha: “Bajjii keessan qotadhaa; qoraattii keessas hin facaasinaa.
4 circumcidimini Domino, et auferte praeputia cordium vestrorum viri Iuda, et habitatores Ierusalem: ne forte egrediatur ut ignis indignatio mea, et succendatur, et non sit qui extinguat, propter malitiam cogitationum vestrarum.
Yaa namoota Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem Waaqayyoof dhagna of qabaa; qola qalbii keessaniis dhagna qabadhaa; yoo kanaa achii sababii hammina isin hojjetaniitiif dheekkamsi koo kaʼee akka ibiddaa ni bobaʼa; namni isa dhaamsus hin jiru.
5 Annunciate in Iuda, et in Ierusalem auditum facite: loquimini, et canite tuba in terra: clamate fortiter, et dicite: congregamini, et ingrediamur civitates munitas,
“Yihuudaa keessatti beeksisaa; Yerusaalem keessattis akkana jedhaa labsaa: ‘Biyyattii guutuu keessatti malakata afuufaa! Sagalee ol fudhadhaatii akkana jedhaa: walitti qabamaa! Kottaa gara magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti baqannaa!’
6 levate signum in Sion. Confortamini, nolite stare, quia malum ego adduco ab Aquilone, et contritionem magnam.
Xiyoon dhaquuf faajjii ol qabaa? Dafaa baqadhaa malee duubatti hin harkifatinaa! Ani karaa kaabaatiin balaa, badiisa suukaneessaas nan fidaatii.”
7 Ascendit leo de cubili suo, et praedo Gentium se levavit: egressus est de loco suo ut ponat terram tuam in solitudinem: civitates tuae vastabuntur, remanentes absque habitatore.
Leenci bosona isaatii baʼeera; barbadeessaan sabootaa karaa qabateera. Inni biyya kee onsuuf jedhee iddoo isaatii kaʼeera. Magaalaawwan kee onanii jiraattota malee ni hafu.
8 Super hoc accingite vos ciliciis, plangite et ululate: quia non est aversa ira furoris Domini a vobis.
Kanaafuu isin uffata gaddaa uffadhaatii booʼaa wawwaadhaa; dheekkamsi Waaqayyoo sodaachisaan sun nurraa hin deebineetii.
9 Et erit in die illa, dicit Dominus: Peribit cor regis, et cor principum: et obstupescent sacerdotes, et prophetae consternabuntur.
Waaqayyo akkana jedha: “Guyyaa sana mootiinii fi qondaaltonni onnee dhabu; luboonni akka malee naʼu; raajonnis ni raafamu.”
10 Et dixi: Heu, heu, heu Domine Deus, ergone decepisti populum istum et Ierusalem, dicens: Pax erit vobis: et ecce pervenit gladius usque ad animam?
Anis akkana nan jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati utuu goraadeen kokkee keenya irra jiruu, ‘Isin nagaa qabaattu’ jechuudhaan saba kanaa fi Yerusaalemin guutumaan guutuutti gowwoomsiteerta?”
11 In tempore illo dicetur populo huic et Ierusalem: Ventus urens in viis, quae sunt in deserto viae filiae populi mei, non ad ventilandum, et ad purgandum.
Yeroo sanatti saba kanaa fi Yerusaalemitti akkana jedhamee ni himama; “Bubbeen waa gubu tokko iddoowwan ol kaʼoo qullaa kanneen gammoojjii keessaa irraa gara saba kootiitti ni bubbisa; garuu afarsuuf yookaan qulqulleessuuf miti;
12 Spiritus plenus ex his veniet mihi: et nunc ego loquar iudicia mea cum eis.
bubbeen waan sanaaf akka malee cimaa taʼe tokko na biraa ni dhufa. Anis murtii koo isaanitti nan labsa.”
13 Ecce quasi nubes ascendet, et quasi tempestas currus eius: velociores aquilis equi illius: vae nobis quoniam vastati sumus.
Kunoo, inni akka duumessaatti, gaariin isaas akka bubbeetti ni dhufa; fardeen isaa risaa caalaa saffisu. Wayyoo nu baduu keenya!
14 Lava a malitia cor tuum Ierusalem, ut salva fias: usquequo morabuntur in te cogitationes noxiae?
Yaa Yerusaalem, ati akka fayyituuf qalbii kee keessaa hammina dhiqadhu. Hamma yoomiitti yaadni hamaan si keessa jiraata?
15 Vox enim annunciantis a Dan, et notum facientis idolum de monte Ephraim.
Sagaleen tokko Daan irraa lallaba; tulluuwwan Efreem irraas badiisa labsa.
16 Concitate gentes: Ecce auditum est in Ierusalem custodes venire de terra longinqua, et dare super civitates Iuda vocem suam.
“Waan kana sabootatti himaa; Yerusaalemittis akkana jedhaa lallabaa: ‘Loltoonni marsanii biyya qabatan tokko lafa fagoodhaa ni dhufu; isaanis magaalaawwan Yihuudaatti ni iyyu.
17 Quasi custodes agrorum facti sunt super eam in gyro: quia me ad iracundiam provocavit, dicit Dominus.
Sababii isheen natti fincilteef, isaan akkuma nama lafa qotiisaa eegu tokkootti ishee ni marsu,’” jedha Waaqayyo.
18 Viae tuae, et cogitationes tuae fecerunt haec tibi: ista malitia tua, quia amara, quia tetigit cor tuum.
“Amalli keetii fi hojiin kee waan kana sitti fidaniiru. Adabbiin kee kanaa dha. Innis hammam hadhaaʼa! Onnees hammam waraana!”
19 Ventrem meum, ventrem meum doleo, sensus cordis mei turbati sunt in me: non tacebo, quoniam vocem buccinae audivit anima mea, clamorem praelii.
Marʼumaan ko, marʼumaan ko! Ani dhukkubbiidhaan nan wixxirfadha. Onneen koo na keessaa waca; onneen koo na keessatti dhaʼata; ani calʼisuu hin dandaʼu. Ani sagalee malakataa dhagaʼeeraatii; waca waraanaas dhagaʼeera.
20 Contritio super contritionem vocata est, et vastata est omnis terra: repente vastata sunt tabernacula mea, subito pelles meae.
Badiisni badiisa irraan dhufa; biyyattiin guutumaan guutuutti ni onti. Dunkaanni koo akkuma tasaa, golgaan koos yeroo gabaabaa keessatti bade.
21 Usquequo videbo fugientem, audiam vocem buccinae?
Ani hamma yoomiittin mallattoo waraanaa ilaala? Hamma yoomiittis sagalee malakataa dhagaʼa?
22 Quia stultus populus meus me non cognovit: filii insipientes sunt, et vecordes: sapientes sunt ut faciant mala, bene autem facere nescierunt.
“Uummanni koo gowwaa dha; anas hin beekan. Isaan ijoollee qalbii hin qabnee dha; hubannaas hin qaban. Isaan waan hamaa hojjechuutti ogeeyyii dha; waan gaarii hojjechuu garuu hin beekan.”
23 Aspexi terram, et ecce vacua erat, et nihili: et caelos, et non erat lux in eis.
Ani lafa nan ilaale; isheenis bifa hin qabdu; duwwaas turte; samiiwwanis nan ilaale; ifni isaanii dhaamee ture.
24 Vidi montes, et ecce movebantur: et omnes colles conturbati sunt.
Ani tulluuwwan nan ilaale; isaan sochoʼaa turan; gaarran hundinuus raafamaa turan.
25 Intuitus sum, et non erat homo: et omne volatile caeli recessit.
Ani nan ilaale; namni tokko iyyuu hin turre; simbirroonni samii hundis barrisanii badanii turan.
26 Aspexi, et ecce Carmelus desertus: et omnes urbes eius destructae sunt a facie Domini, et a facie irae furoris eius.
Ani nan ilaale; kunoo biyyi midhaan baaftu ontee turte; magaalaawwan ishee hundis, fuula Waaqayyoo duratti dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan diigaman.
27 Haec enim dicit Dominus: Deserta erit omnis terra, sed tamen consummationem non faciam.
Waaqayyo akkana jedha: “Yoo ani guutumaan guutuutti ishee balleessuu baadhe iyyuu biyyattiin guutumaan guutuutti ni barbadoofti.
28 Lugebit terra, et moerebunt caeli desuper: eo quod locutus sum, cogitavi, et non poenituit me, nec aversus sum ab eo.
Kanaafuu lafti ni boossi; samiiwwan oliis ni dukkanaaʼu; ani dubbadheeraatii hin gaabbu; murteesseera; dugda duubas hin deebiʼu.”
29 A voce equitis, et mittentis sagittam fugit omnis civitas: ingressi sunt ardua, et ascenderunt rupes: universae urbes derelictae sunt, et non habitat in eis homo.
Sababii iyya abbootii fardeeniitii fi futtaaftota xiyyaatiin, tokkoon tokkoon magaalaa ni baqata. Garri tokko bosona gobbuu seena; kaan immoo kattaatti ol baʼa; magaalaawwan hundi duwwaa hafaniiru; namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu.
30 Tu autem vastata quid facies? cum vestieris te coccino, cum ornata fueris monili aureo, et pinxeris stibio oculos tuos, frustra componeris: contempserunt te amatores tui, animam tuam quaerent.
Yaa ontuu nana, ati maal gochaa jirta? Ati maaliif wayyaa bildiimaa uffattee faaya warqee kaaʼatte? Maaliif ija kee kuulatte? Ati akkasumaan of miidhagsita. Warri jaallatan si tuffatu; lubbuu kees balleessuu barbaadu.
31 Vocem enim quasi parturientis audivi, angustias ut puerperae: Vox filiae Sion inter morientis, expandentisque manus suas: vae mihi, quia defecit anima mea propter interfectos.
Ani iyya akka iyya dubartii ciniinsifattu tokkoo, miixuu akka miixuu dubartii mucaa hangafa deessuu tokko nan dhagaʼe; ani iyya Intala Xiyoon kan yeroo hafuurri ishee citutti argantee harka ishee facaasuudhaan, “Wayyoo! Ani bade; lubbuun koo harka warra nama ajjeesuutti dabarfamtee kennamteerti” jettuu nan dhagaʼe.

< Jeremiæ 4 >