< Hebræos 10 >
1 Umbram enim habens lex futurorum bonorum, non ipsam imaginem rerum: per singulos annos eisdem ipsis hostiis, quas offerunt indesinenter, numquam potest accedentes perfectos facere:
Seerri gaaddidduu waan gaarii dhufuuf jiruu qofa malee bifa dhugaa miti. Kanaafuu seerichi aarsaa utuu wal irraa hin citin wagguma waggaan dhiʼeeffamu sanaan gonkumaa namoota waaqeffachuuf dhiʼaatan sana warra mudaa hin qabne gochuu hin dandaʼu.
2 alioquin cessassent offerri: ideo quod nullam haberent ultra conscientiam peccati, cultores semel mundati:
Utuu isaan waan kana gochuu dandaʼanii silaa aarsaan dhiʼeeffamuun isaa ni hafa ture mitii? Waaqeffattoonnis siʼa tokko yeroo hundaaf ni qulqulleeffamu turaniitii; ergasii sababii cubbuu isaaniitiif yakki isaanitti hin dhagaʼamu ture.
3 sed in ipsis commemoratio peccatorum per singulos annos fit.
Aarsaawwan kunneen garuu wagguma waggaan cubbuu nama yaadachiisu.
4 impossibile enim est sanguine taurorum et hircorum auferri peccata.
Sababiin isaas dhiigni korommiitii fi dhiigni reʼootaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandaʼuutii.
5 Ideo ingrediens mundum dicit: Hostiam, et oblationem noluisti: corpus autem aptasti mihi:
Kanaafuu Kiristoos yommuu gara addunyaa dhufetti akkana jedhe: “Ati aarsaa fi kennaa hin feene; garuu dhagna naa qopheessite;
6 holocaustomata pro peccato non tibi placuerunt.
ati aarsaa gubamuu fi kennaa sababii cubbuutiif dhiʼeeffamutti hin gammanne.
7 Tunc dixi: Ecce venio: in capite libri scriptum est de me: Ut faciam, Deus, voluntatem tuam.
Yeroo sana ani, ‘Ani kunoo ti; waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera; yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera’ nan jedhe.”
8 Superius dicens: Quia hostias, et oblationes, et holocaustomata pro peccato noluisti, nec placita sunt tibi, quae secundum legem offeruntur,
Isaan akka seeraatti dhiʼeeffaman iyyuu inni jalqabatti, “Ati qalmawwanii fi aarsaawwan, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan cubbuuf dhiʼeeffaman hin feene yookaan itti hin gammanne” jedhe.
9 tunc dixi: Ecce venio, ut faciam, Deus, voluntatem tuam: aufert primum, ut sequens statuat.
Ergasiis inni, “Ani kunoo fedhii kee raawwachuuf dhufeera” jedhe. Innis isa lammaffaa dhaabuuf jedhee isa jalqabaa dhabamsiise.
10 In qua voluntate sanctificati sumus per oblationem corporis Iesu Christi semel.
Fedhii sanaanis nu aarsaa dhagna Yesuus Kiristoos isa siʼa tokko yeroo hundaaf dhiʼeeffameen qulqulleeffamneerra.
11 Et omnis quidem sacerdos praesto est quotidie ministrans, et easdem saepe offerens hostias, quae numquam possunt auferre peccata:
Lubni hundinuu guyyuma guyyaan dhaabatee tajaajila isaa raawwata; aarsaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandeenye sanas yeroo hunda dhiʼeessa.
12 hic autem unam pro peccatis offerens hostiam, in sempiternum sedet in dextera Dei,
Lubni kun garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe.
13 de cetero expectans donec ponantur inimici eius scabellum pedum eius.
Yeroo sanaa jalqabees hamma diinonni isaa ejjeta miilla isaa taasifamanitti ni eeggata;
14 Una enim oblatione, consummavit in sempiternum sanctificatos.
inni aarsaa tokkicha sanaan warra qulqulleeffamuutti jiran kanneen bara baraan mudaa hin qabne godheeraatii.
15 Contestatur autem nos et Spiritus sanctus. Postquam enim dixit:
Hafuurri Qulqulluunis waaʼee kanaa dhugaa nuu baʼa. Innis jalqabatti akkana jedha:
16 Hoc autem testamentum, quod testabor ad illos post dies illos, dicit Dominus: Dabo leges meas in cordibus eorum, et in mentibus eorum superscribam eas:
“Kakuun ani yeroo sana booddee isaan wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa.”
17 et peccatorum, et iniquitatum eorum iam non recordabor amplius.
Ammas, “Ani cubbuu fi yakka isaanii siʼachi hin yaadadhu” jedha.
18 Ubi autem horum remissio: iam non est oblatio pro peccato.
Iddoo isaan kunneen itti dhiifama argatanitti siʼachi sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuu hin barbaachisu.
19 Habentes itaque fratres fiduciam in introitu sanctorum in sanguine Christi,
Kanaafuu yaa obboloota, nu dhiiga Yesuusiin gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti galuuf ija jabina waan qabnuuf
20 quam initiavit nobis viam novam, et viventem per velamen, id est, carnem suam,
karaa haaraa fi jiraataa golgaa keessaan jechuunis karaa foon isaatiin nuu baname sanaan
21 et sacerdotem magnum super domum Dei:
waan luba guddaa mana Waaqaa irratti qabnuuf,
22 accedamus cum vero corde in plenitudine fidei, aspersi corda a conscientia mala, et abluti corpus aqua munda,
kottaa akka qalbiin keenya yaada yakka qabaachuu irraa qulqulleeffamuuf garaa keenyatti nuu facaafamee, dhagna keenyas bishaan qulqulluun dhiqannee garaa qulqulluu amantii mirkanaaʼaa guutuu qabuun Waaqatti dhiʼaannaa.
23 teneamus spei nostrae confessionem indeclinabilem, (fidelis enim est qui repromisit),
Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.
24 et consideremus invicem in provocationem charitatis, et bonorum operum:
Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa.
25 non deserentes collectionem nostram, sicut consuetudinis est quibusdam, sed consolantes, et tanto magis quanto videritis appropinquantem diem.
Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.
26 Voluntarie enim peccantibus nobis post acceptam notitiam veritatis, iam non relinquitur pro peccatis hostia,
Nu erga beekumsa dhugaa argannee booddee yoo beekaa ittuma fufnee cubbuu hojjenne, siʼachi aarsaan cubbuuf dhiʼeeffamu hin jiraatu;
27 terribilis autem quaedam expectatio iudicii, et ignis aemulatio, quae consumptura est adversarios.
garuu murtii fi ibidda hamaa diinota Waaqaa barbadeessu sodaan eeggachuu qofatu jiraata.
28 Irritam quis faciens legem Moysi, sine ulla miseratione duobus vel tribus testibus moritur:
Namni seera Musee tuffate kam iyyuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin gara laafina malee ajjeefama.
29 quanto magis putatis deteriora mereri supplicia qui filium Dei conculcaverit, et sanguinem testamenti pollutum duxerit, in quo sanctificatus est, et spiritui gratiae contumeliam fecerit?
Nama Ilma Waaqaa irra ejjete, nama dhiiga kakuu kan ittiin qulqulleeffame sana akka waan qulqulluu hin taʼiniitti hedee fi nama Hafuura ayyaanaa arrabse tokko adabbii hammam caalaa guddaatu isaaf mala seetu?
30 Scimus enim qui dixit: Mihi vindictam, et ego retribuam. Et iterum: Quia iudicabit Dominus populum suum.
Nu isa, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedhe sana beeknaatii; akkasumas, “Gooftaan saba isaatti ni mura” jedhe.
31 Horrendum est incidere in manus Dei viventis.
Harka Waaqa jiraataatti kufuun sodaachisaa dha.
32 Rememoramini autem pristinos dies, in quibus illuminati, magnum certamen sustinuistis passionum:
Bara duraa yeroo erga ifni isinii ifee booddee walʼaansoo dhiphinaa guddaa obsitanii keessa dhaabattan sana yaadadhaa.
33 et in altero quidem opprobriis, et tribulationibus spectaculum facti: in altero autem socii taliter conversantium effecti.
Isin yeroo tokko tokko fuula namootaa duratti arrabsoo fi ariʼatamaaf saaxilamtanii turtan; yeroo kaan immoo namoota rakkinni akkasii irra gaʼe wajjin hirmaachaa turtan.
34 Nam et vinctis compassi estis, et rapinam bonorum vestrorum cum gaudio suscepistis, cognoscentes vos habere meliorem, et manentem substantiam.
Isin mataan keessan akka qabeenya wayyu kan hin dabarre qabdan waan beektaniif warra hidhaman wajjin dhiphattaniirtu; yommuu qabeenyi keessan saamamus gammachuudhaan fudhattaniirtu.
35 Nolite itaque amittere confidentiam vestram, quae magnam habet remunerationem.
Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.
36 Patientia enim vobis necessaria est: ut voluntatem Dei facientes, reportetis promissionem.
Yommuu fedhii Waaqaa raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii.
37 Adhuc enim modicum aliquantulumque, qui venturus est, veniet, et non tardabit.
“Yeroo xinnoo keessatti, inni dhufuuf jiru ni dhufa; hin turus.”
38 iustus autem meus ex fide vivit. quod si subtraxerit se, non placebit animae meae.
Akkasumas, “Qajeelaan koo garuu amantiidhaan jiraata. Kan duubatti harkifatu immoo ani itti hin gammadu.”
39 Nos autem non sumus subtractionis filii in perditionem, sed fidei in acquisitionem animae.
Nu garuu warra amananii lubbuu ofii oolfatan malee warra gara badiisaatti harkifatan miti.