< Corinthios Ii 9 >

1 Nam de ministerio, quod fit in sanctos ex abundanti est mihi scribere vobis.
Waaʼee tajaajila qulqullootaaf kennamu kanaa isinii barreessuu na hin barbaachisu.
2 Scio enim promptum animum vestrum: pro quo de vobis glorior apud Macedones. Quoniam et Achaia parata est ab anno praeterito, et vestra aemulatio provocavit plurimos.
Ani akka isin gargaaruuf hinaaftan nan beekaatii; anis, “Warri Akaayaa bara darbee jalqabanii gargaarsa kennuuf qophaaʼaniiru” jedhee namoota Maqedooniyaa biratti of jajeen ture; fedhiin keessanis isaan keessaa namoota baayʼee hojiif kakaaseera.
3 Misimus autem fratres: ut ne quod gloriamur de vobis, evacuetur in hac parte, ut (quemadmodum dixi) parati sitis:
Egaa ani akkuman “Isaan qophaaʼaniiru” jedhee dubbadhe sanatti, akka isin qophooftanii argamtaniif malee waaʼee kanaatiif isiniin of jajuun keenya waan akkasumaan dubbatame akka hin taane ani obboloota ergeera.
4 ne cum venerint Macedones mecum, et invenerint vos imparatos, erubescamus nos (ut non dicamus vos) in hac substantia.
Yoo namoonni Maqedooniyaa kam iyyuu na wajjin dhufanii akka isin hin qophaaʼin argan, nu warri akkas isin amananne iyyuu waaʼee keessan waan jennu dhabnee ni qaanofna.
5 Necessarium ergo existimavi rogare fratres, ut praeveniant ad vos, et praeparent repromissam benedictionem hanc paratam esse sic, quasi benedictionem, non tamquam avaritiam.
Kanaafuu akka obboloonni kunneen duraan dursanii gara keessan dhufanii kennaa arjummaa kan isin waadaa galtan sana qopheessaniif isaan gorsuun barbaachisaa natti fakkaate. Yoos kennaan sun akka dirqamaatti utuu hin taʼin akka kennaa arjummaatti qopheeffama.
6 Hoc autem dico: Qui parce seminat, parce et metet: et qui seminat in benedictionibus, de benedictionibus et metet.
Waan kana yaadadhaa: Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu utuu harka isaa hin guutin galfata; namni harka isaa guutee facaasu immoo harka isaa guutee galfata.
7 Unusquisque prout destinavit in corde suo, non ex tristitia, aut ex necessitate: hilarem enim datorem diligit Deus.
Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii.
8 Potens est autem Deus omnem gratiam abundare facere in vobis: ut in omnibus semper omnem sufficientiam habentes, abundetis in omne opus bonum,
Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.
9 sicut scriptum est: Dispersit, dedit pauperibus: iustitia eius manet in saeculum saeculi. (aiōn g165)
Kunis akkuma, “Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiif ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata” jedhamee barreeffamee dha. (aiōn g165)
10 Qui autem administrat semen seminanti: et panem ad manducandum praestabit, et multiplicabit semen vestrum, et augebit incrementa frugum iustitiae vestrae:
Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa.
11 ut in omnibus locupletati abundetis in omnem simplicitatem, quae operatur per nos gratiarum actionem Deo.
Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Waaqaaf galata fida.
12 Quoniam ministerium huius officii non solum supplet ea, quae desunt sanctis, sed etiam abundat per multas gratiarum actiones in Domino,
Tajaajilli isin kennitan kun waan qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin, akka galanni baayʼeen guutee Waaqaaf irra dhangalaʼu taasisa.
13 per probationem ministerii huius, glorificantes Deum in obedientia confessionis vestrae, in Evangelium Christi, et simplicitate communicationis in illos, et in omnes,
Sababii tajaajila isin ittiin of mirkaneessitan sanaatiin, wangeela Kiristoos lallabuun ajajamuu keessanii fi arjummaan keessan kan isin isaanii fi warra kaan hundaaf arjoomtan sanaaf namoonni Waaqa jajatu.
14 et in ipsorum obsecratione pro vobis, desiderantium vos propter eminentem gratiam Dei in vobis.
Isaanis kadhannaa isiniif kadhatan keessatti sababii ayyaana guddaa kan Waaqni isinii kenne sanaatiif isin yaadu.
15 Gratias ago Deo super inenarrabili dono eius.
Kennaa isaa kan ibsamuu hin dandeenye sanaaf galanni Waaqaaf haa taʼu!

< Corinthios Ii 9 >