< Corinthios Ii 7 >

1 Has ergo habentes promissiones, charissimi, mundemus nos ab omni inquinamento carnis, et spiritus perficientes sanctificationem in timore Dei.
Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.
2 Capite nos. Neminem laesimus, neminem corrupimus, neminem circumvenimus.
Isin garaa nuu balʼadhaa. Nu nama tokko illee hin yakkine; nama tokko illee amala hin balleessine; nama tokko illee gowwoomsinee waa irraa hin fudhanne.
3 Non ad condemnationem vestram dico. praediximus enim quod in cordibus nostris estis ad commoriendum, et ad convivendum.
Kana jechuun koos isinitti muruuf miti; nu isin wajjin duʼuu fi jiraachuuf akka isin garaa keenya keessa jirtan ani duraan dursee himeeraatii.
4 Multa mihi fiducia est apud vos, multa mihi gloriatio pro vobis, repletus sum consolatione, superabundo gaudio in omni tribulatione vestra.
Ani guddiseen isin amanadha; guddisees isiniin nan boona. Ani baayʼee jajjabeeffameera; rakkina keenya hunda keessattis gammachuun koo hamma hin qabu.
5 Nam et cum venissemus in Macedoniam, nullam requiem habuit caro nostra, sed omnem tribulationem passi sumus: foris pugnae, intus timores.
Yeroo Maqedooniyaa dhufnettis nu qixa hundaan dhiphachaa turre malee foon keenya kun boqonnaa hin arganne; alaan lola, keessaan immoo sodaatu nurra ture.
6 Sed qui consolatur humiles, consolatus est nos Deus in adventu Titi.
Waaqni warra gaddan jajjabeessu garuu dhufaatii Tiitootiin nu jajjabeesse;
7 Non solum autem in adventu eius, sed etiam in consolatione, qua consolatus est in vobis, referens nobis vestrum desiderium, vestrum fletum, vestram aemulationem pro me, ita ut magis gauderem.
kun immoo isin isa jajjabeessuu keessaniinis malee dhufaatii isaa qofaan miti. Innis na yaaduu keessan, gadduu keessan, hinaaffaa isin naaf qabdan nutti himeera; kanaafuu ani hamma duraa caalaa gammadeera.
8 Quoniam etsi contristavi vos in epistola, non me poenitet: etsi poeniteret, videns quod epistola illa (etsi ad horam) vos contristavit;
Ani yoon xalayaa kootiin isin gaddisiise illee waan kana gochuu kootiif hin gaabbu. Ani yoon gaabbe illee akka xalayaan sun isin gaddisiise nan hubadha; taʼus isin gaddisiisuun isaa yeruma gabaabaaf;
9 nunc gaudeo: non quia contristati estis, sed quia contristati estis ad poenitentiam. Contristati enim estis ad Deum, ut in nullo detrimentum patiamini ex nobis.
amma garuu sababii isin gadditaniif utuu hin taʼin sababii gaddi keessan gara qalbii jijjiirrachuutti isin geesseef ani nan gammada. Isin akka fedhii Waaqaatti gadditaniitii; kanaafuu isin karaa kamiin iyyuu nuun hin miidhamne.
10 Quae enim secundum Deum tristitia est, poenitentiam in salutem stabilem operatur: saeculi autem tristitia mortem operatur.
Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼu qalbii jijjiirrannaa gara fayyinaatti nama geessu fida malee gaabbii hin fidu; gaddi akka fedhii addunyaatti taʼu garuu duʼa fida.
11 Ecce enim hoc ipsum, secundum Deum contristari vos, quantam in vobis operatur solicitudinem: sed defensionem, sed indignationem, sed timorem, sed desiderium, sed aemulationem, sed vindictam. in omnibus exhibuistis vos, incontaminatos esse negotio.
Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼe kun tattaaffii akkamii, dandeettii falmachuu akkamii, dheekkamsa akkamii, sodaa akkamii, namaa yaaduu akkamii, hinaaffaa qajeelaa akkamii, murtii qajeelaa akkamii isin keessatti akka uume mee ilaalaa! Isin waan kana irratti karaa hundaan akka qulqulloota taatan mirkaneeffattaniirtu.
12 Igitur, etsi scripsi vobis, non propter eum, qui fecit iniuriam, nec propter eum, qui passus est: sed ad manifestandam solicitudinem nostram, quam habemus pro vobis
Kanaafuu ani isinii barreessu iyyuu, isin fuula Waaqaa duratti hammam akka nuuf of kennitan akka ofuma keessaniin argitaniif malee sababii namicha nama miidheetiif yookaan sababii namicha miidhameetiif miti.
13 coram Deo: ideo consolati sumus. In consolatione autem nostra, abundantius magis gavisi sumus super gaudio Titi, quia refectus est spiritus eius ab omnibus vobis.
Nuus kana hundaanuu ni jajjabaanna. Jajjabina keenyatti dabalees keessumattuu Tiitoon gammaduu isaa arginee gammanneerra; hafuurri isaa isin hundaan haaromfameeraatii.
14 et si quid apud illum de vobis gloriatus sum, non sum confusus: sed sicut omnia vobis in veritate locuti sumus, ita et gloriatio nostra, quae fuit ad Titum, veritas facta est,
Ani isiniin isatti booneen ture; isinis na hin qaanessine. Garuu akkuma wanni nu isinitti himne sun hundi dhugaa taʼe, waaʼee keessan Tiitootti boonuun keenyas akkasuma dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera.
15 et viscera eius abundantius in vobis sunt: reminiscentis omnium vestrum obedientiam: quomodo cum timore, et tremore excepistis illum.
Innis ajajamuu hunda keessanii akkasumas sodaa fi hollannaa isin ittiin isa simattan sana yeroo yaadatutti jaalalli inni isiniif qabu isa durii caalaa dabalama.
16 Gaudeo quod in omnibus confido in vobis.
Ani abdii guutuu isin irraa qaba; kanaafuu nan gammada.

< Corinthios Ii 7 >