< Corinthios I 1 >

1 Paulus vocatus Apostolus Iesu Christi per voluntatem Dei, et Sosthenes frater,
Phaawulos isa akka ergamaa Kiristoos Yesuus taʼuuf fedhii Waaqaatiin waamamee fi obboleessa keenya Soosteenes irraa,
2 Ecclesiae Dei, quae est Corinthi, sanctificatis in Christo Iesu, vocatis sanctis, cum omnibus, qui invocant nomen Domini nostri Iesu Christi, in omni loco ipsorum, et nostro.
Gara waldaa Waaqaa ishee Qorontos keessa jirtuutti, gara warra Kiristoos Yesuusiin qulqulleeffamanii fi warra lafa hundaa kanneen maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa Gooftaa isaaniitii fi Gooftaa keenyas taʼe sanaa waammatan hunda wajjin qulqulloota taʼuuf waamamaniitti:
3 Gratia vobis, et pax a Deo Patre nostro, et Domino Iesu Christo.
Ayyaannii fi nagaan Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa isiniif haa taʼu.
4 Gratias ago Deo meo semper pro vobis in gratia Dei, quae data est vobis in Christo Iesu:
Ani yeroo hunda ayyaana Waaqaa isa Kiristoos Yesuusiin isinii kennameef waaʼee keessaniif Waaqa nan galateeffadha.
5 quod in omnibus divites facti estis in illo, in omni verbo, et in omni scientia:
Isinis karaa hundaan jechuunis dubbii fi beekumsa hundaan isaan badhaataniirtu;
6 sicut testimonium Christi confirmatum est in vobis:
wanti nu waaʼee Kiristoos dhugaa baane sun isin gidduutti mirkaneeffameeraatii.
7 ita ut nihil vobis desit in ulla gratia, expectantibus revelationem Domini nostri Iesu Christi,
Kanaafuu utuu mulʼachuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirtanuu kennaan hafuuraa tokko iyyuu isin jalaa hin hirʼatu.
8 qui et confirmabit vos usque in finem sine crimine, in die adventus Domini nostri Iesu Christi.
Akka isin guyyaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti warra mudaa hin qabne taataniifis inni hamma dhumaatti jabeessee isin eega.
9 Fidelis Deus: per quem vocati estis in societatem filii eius Iesu Christi Domini nostri.
Waaqni gara tokkummaa Ilma isaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti isin waame sun amanamaa dha.
10 Obsecro autem vos fratres per nomen Domini nostri Iesu Christi: ut idipsum dicatis omnes, et non sint in vobis schismata: sitis autem perfecti in eodem sensu, et in eadem scientia.
Yaa obboloota, ani akka isin gidduu gargar baʼuun hin jiraannee fi akka qalbii fi yaada tokko qabaattanii hundi keessan walii galtaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin kadhadha.
11 Significatum est enim mihi de vobis fratres mei ab iis, qui sunt Chloes, quia contentiones sunt inter vos.
Yaa obboloota ko, akka isin gidduu lolli jiru warri mana Kiloʼee jiraatan tokko tokko natti himaniiru.
12 Hoc autem dico, quod unusquisque vestrum dicit: Ego quidem sum Pauli: ego autem Apollo: ego vero Cephae: ego autem Christi.
Wanti ani jedhus kana: Isin keessaa namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedha; inni kaan, “Ani kan Apholoos” jedha; kaanis, “Ani kan Keefaa ti” jedha; kaan immoo, “Ani kan Kiristoos” jedha.
13 Divisus est Christus: Numquid Paulus crucifixus est pro vobis? aut in nomine Pauli baptizati estis?
Kiristoos gargar qoodameeraa? Phaawulositu isinii fannifame ree? Yookaan maqaa Phaawulosiin cuuphamtanii?
14 Gratias ago Deo meo, quod neminem vestrum baptizavi, nisi Crispum, et Caium:
Ani Kiriisphoosii fi Gaayoosin malee isin keessaa nama tokko illee waan hin cuuphiniif Waaqa nan galateeffadha.
15 nequis dicat quod in nomine meo baptizati estis.
Kanaaf namni akka isin maqaa kootiin cuuphamtan dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
16 Baptizavi autem et Stephanae domum: ceterorum autem nescio si quem alium vestrum baptizaverim.
Eeyyee, ani warra mana Isxiifaanaas jiraatanis akkasuma cuupheera; sanaan alatti nama biraa tokko illee cuuphuu koo hin yaadadhu.
17 Non enim misit me Christus baptizare, sed evangelizare: non in sapientia verbi, ut non evacuetur crux Christi.
Kiristoos akka ani wangeela lallabuuf malee akka ani cuuphuuf na hin ergineetii; anis akka fannoon Kiristoos humna hin dhabneef dubbii ogummaa namaatiin hin lallabu.
18 Verbum enim crucis pereuntibus quidem stultitia est: iis autem, qui salvi fiunt, id est nobis, Dei virtus est.
Dubbiin fannoo warra baduuf jiraniif gowwummaadhaatii; nu warra fayyinuuf garuu humna Waaqaa ti.
19 Scriptum est enim: Perdam sapientiam sapientium, et prudentiam prudentium reprobabo.
Kunis, “Ani ogummaa ogeeyyii nan balleessa; hubannaa hubattootaas nan fashaleessa” jedhamee barreeffameera.
20 Ubi sapiens? ubi scriba? ubi conquisitor huius saeculi? Nonne stultam fecit Deus sapientiam huius mundi? (aiōn g165)
Namni ogeessi eessa jira? Hayyuun eessa jira? Falaasamaan bara kanaa eessa jira? Waaqni ogummaa addunyaa kanaa gowwummaa hin goonee ree? (aiōn g165)
21 Nam quia in Dei sapientia non cognovit mundus per sapientiam Deum: placuit Deo per stultitiam praedicationis salvos facere credentes.
Sababii ogummaa Waaqaatiin addunyaan karaa ogummaa isheetiin Waaqa waan hin beekiniif, Waaqni gowwummaa lallabaatiin warra amanan fayyisuu jaallate.
22 Quoniam et Iudaei signa petunt, et Graeci sapientiam quaerunt:
Yihuudoonni mallattoo fedhu; Giriikonni immoo ogummaa barbaadu;
23 nos autem praedicamus Christum crucifixum: Iudaeis quidem scandalum, Gentibus autem stultitiam,
nu garuu Kiristoos isa fannifame sana lallabna; innis Yihuudootatti gufuu dha; Namoota Ormaatiif immoo gowwummaa dha;
24 ipsis autem vocatis Iudaeis, atque Graecis Christum Dei virtutem, et Dei sapientia:
warra waamamaniif garuu Yihuudootaafis taʼu Giriikotaaf Kiristoos humna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaa ti.
25 quia quod stultum est Dei, sapientius est hominibus: et quod infirmum est Dei, fortius est hominibus.
Gowwummaan Waaqaa ogummaa namaa caalaa ogeessaatii; dadhabbiin Waaqaas jabina namaa irra jabaa dha.
26 Videte enim vocationem vestram fratres, quia non multi sapientes secundum carnem, non multi potentes, non multi nobiles:
Yaa obboloota, isin yeroo waamamtanitti maal akka turtan yaadadhaa. Akka ilaalcha namaatti baayʼeen keessan ogeeyyii hin turre; baayʼeen keessanis beekamoo hin turre; baayʼeen keessan immoo sanyii warra gurguddaa irraa hin dhalanne.
27 sed quae stulta sunt mundi elegit Deus, ut confundat sapientes: et infirma mundi elegit Deus, ut confundat fortia:
Waaqni garuu ogeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti gowwaa taʼe filate; Waaqni warra jajjabeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti dadhabaa taʼe filate.
28 et ignobilia mundi, et contemptibilia elegit Deus, et ea, quae non sunt, ut ea quae sunt destrueret:
Waaqni waan jiru waan hin jirre gochuuf, waan addunyaa kana irratti gad aanaa fi tuffatamaa taʼe, waan iddoo hin qabnes filate;
29 ut non glorietur omnis caro in conspectu eius.
kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef.
30 Ex ipso autem vos estis in Christo Iesu, qui factus est nobis sapientia a Deo, et iustitia, et sanctificatio, et redemptio:
Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha.
31 ut quemadmodum scriptum est: Qui gloriatur, in Domino glorietur.
Kunis akkuma, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu” jedhamee barreeffamee dha.

< Corinthios I 1 >