< Psalmorum 82 >

1 Psalmus Asaph. Deus stetit in synagoga deorum; in medio autem deos dijudicat.
Faarfannaa Asaaf. Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata; “waaqota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha:
2 Usquequo judicatis iniquitatem, et facies peccatorum sumitis?
“Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu? Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu?
3 Judicate egeno et pupillo; humilem et pauperem justificate.
Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.
4 Eripite pauperem, et egenum de manu peccatoris liberate.
Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; harka jalʼootaatiis isaan baasaa.
5 Nescierunt, neque intellexerunt; in tenebris ambulant: movebuntur omnia fundamenta terræ.
“Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan. Isaan dukkana keessa jiraatu; hundeen lafaa hundinuu ni raafame.
6 Ego dixi: Dii estis, et filii Excelsi omnes.
“Anis, ‘Isin, “waaqota;” hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera.
7 Vos autem sicut homines moriemini, et sicut unus de principibus cadetis.
Taʼus isin akkuma namatti ni duutu; akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.”
8 Surge, Deus, judica terram, quoniam tu hæreditabis in omnibus gentibus.
Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri; sabni hundinuu kan keetiitii.

< Psalmorum 82 >