< Psalmorum 102 >

1 Oratio pauperis, cum anxius fuerit, et in conspectu Domini effuderit precem suam. Domine, exaudi orationem meam, et clamor meus ad te veniat.
Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu.
2 Non avertas faciem tuam a me: in quacumque die tribulor, inclina ad me aurem tuam; in quacumque die invocavero te, velociter exaudi me.
Yeroo ani dhiphadhetti, fuula kee na duraa hin dhoksin. Gurra kee gara kootti deebisi; yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni.
3 Quia defecerunt sicut fumus dies mei, et ossa mea sicut cremium aruerunt.
Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii; lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira.
4 Percussus sum ut fœnum, et aruit cor meum, quia oblitus sum comedere panem meum.
Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera; ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera.
5 A voce gemitus mei adhæsit os meum carni meæ.
Sababii ani guddisee aaduuf, lafeen koo gogaa kootti maxxaneera.
6 Similis factus sum pellicano solitudinis; factus sum sicut nycticorax in domicilio.
Ani akka urunguu gammoojjii, akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe.
7 Vigilavi, et factus sum sicut passer solitarius in tecto.
Ani hirriba malee nan bula; akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera.
8 Tota die exprobrabant mihi inimici mei, et qui laudabant me adversum me jurabant:
Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu; warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.
9 quia cinerem tamquam panem manducabam, et potum meum cum fletu miscebam,
Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii; dhugaatii koottis imimmaan makadheera;
10 a facie iræ et indignationis tuæ: quia elevans allisisti me.
kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe; ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii.
11 Dies mei sicut umbra declinaverunt, et ego sicut fœnum arui.
Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti; anis akkuma margaa gogeera.
12 Tu autem, Domine, in æternum permanes, et memoriale tuum in generationem et generationem.
Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta; yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.
13 Tu exsurgens misereberis Sion, quia tempus miserendi ejus, quia venit tempus:
Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta; yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii; yeroon murteeffame sun gaʼeeraa.
14 quoniam placuerunt servis tuis lapides ejus, et terræ ejus miserebuntur.
Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii; biyyoo ishees ni mararfatu.
15 Et timebunt gentes nomen tuum, Domine, et omnes reges terræ gloriam tuam:
Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu; mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.
16 quia ædificavit Dominus Sion, et videbitur in gloria sua.
Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii; ulfina isaatiinis ni mulʼata.
17 Respexit in orationem humilium et non sprevit precem eorum.
Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa; waammata isaaniis hin tuffatu.
18 Scribantur hæc in generatione altera, et populus qui creabitur laudabit Dominum.
Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf, wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu:
19 Quia prospexit de excelso sancto suo; Dominus de cælo in terram aspexit:
“Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale; samii irraas gara lafaa gad milʼate;
20 ut audiret gemitus compeditorum; ut solveret filios interemptorum:
kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete.”
21 ut annuntient in Sion nomen Domini, et laudem ejus in Jerusalem:
Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti, galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;
22 in conveniendo populos in unum, et reges, ut serviant Domino.
kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni, Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa.
23 Respondit ei in via virtutis suæ: Paucitatem dierum meorum nuntia mihi:
Inni jabina koo karaatti hambise; umurii koos ni gabaabse.
24 ne revoces me in dimidio dierum meorum, in generationem et generationem anni tui.
Anis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin; waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.
25 Initio tu, Domine, terram fundasti, et opera manuum tuarum sunt cæli.
Ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti.
26 Ipsi peribunt, tu autem permanes; et omnes sicut vestimentum veterascent. Et sicut opertorium mutabis eos, et mutabuntur;
Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu. Ati akkuma uffataa isaan geeddarta; isaanis ni badu.
27 tu autem idem ipse es, et anni tui non deficient.
Ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.
28 Filii servorum tuorum habitabunt, et semen eorum in sæculum dirigetur.
Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu; sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata.”

< Psalmorum 102 >