< Mattheum 2 >
1 Cum ergo natus esset Jesus in Bethlehem Juda in diebus Herodis regis, ecce magi ab oriente venerunt Jerosolymam,
Bara Heroodis Mootichaa keessa, erga Yesuus magaalaa Beetlihem Yihuudaatti argamtu keessatti dhalatee booddee, beektonni baʼa biiftuutii gara Yerusaalem dhufan;
2 dicentes: Ubi est qui natus est rex Judæorum? vidimus enim stellam ejus in oriente, et venimus adorare eum.
isaanis, “Mootiin Yihuudootaa inni dhalate sun eessa jira? Nu urjii isaa baʼa biiftuutti arginee isaaf sagaduu dhufneerra” jedhanii gaafatan.
3 Audiens autem Herodes rex, turbatus est, et omnis Jerosolyma cum illo.
Heroodis Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti ni jeeqame; Yerusaalemis guutummaatti isa wajjin jeeqamte.
4 Et congregans omnes principes sacerdotum, et scribas populi, sciscitabatur ab eis ubi Christus nasceretur.
Innis luboota hangafootaa fi barsiistota seeraa hunda saba keessaa walitti qabee, Kiristoos eessatti akka dhalatu isaan gaafate.
5 At illi dixerunt: In Bethlehem Judæ: sic enim scriptum est per prophetam:
Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi, “‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa, ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti; bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu si keessaa ni baʼaatii’ jedhee barreesse sanaa dha.”
6 Et tu Bethlehem terra Juda, nequaquam minima es in principibus Juda: ex te enim exiet dux, qui regat populum meum Israël.
7 Tunc Herodes clam vocatis magis diligenter didicit ab eis tempus stellæ, quæ apparuit eis:
Ergasii Heroodis beektota sana dhoksaatti waamee yeroo itti urjiin sun mulʼate isaan irraa hubate.
8 et mittens illos in Bethlehem, dixit: Ite, et interrogate diligenter de puero: et cum inveneritis, renuntiate mihi, ut et ego veniens adorem eum.
Innis, “Dhaqaatii jabeessaa mucicha barbaadaa. Yeroo argitanitti immoo akka anis dhufee isaaf sagaduuf natti himaa” jedhee Beetlihemitti isaan erge.
9 Qui cum audissent regem, abierunt, et ecce stella, quam viderant in oriente, antecedebat eos, usque dum veniens staret supra, ubi erat puer.
Isaanis erga waan mootichi jedhe sana dhagaʼanii booddee karaa isaanii itti fufan; urjiin isaan baʼa biiftuutti argan sunis hamma iddoo mucichi ture gaʼee dhaabatutti isaan dura deeme.
10 Videntes autem stellam gavisi sunt gaudio magno valde.
Isaanis yeroo urjii sana arganitti akka malee gammadan.
11 Et intrantes domum, invenerunt puerum cum Maria matre ejus, et procidentes adoraverunt eum: et apertis thesauris suis obtulerunt ei munera, aurum, thus, et myrrham.
Akkuma mana ol seenaniinis mucicha, haadha isaa Maariyaam wajjin argan; kufaniis sagadaniif. Qorxii isaaniis bananii kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii dhiʼeessaniif.
12 Et responso accepto in somnis ne redirent ad Herodem, per aliam viam reversi sunt in regionem suam.
Beektonnis akka gara Heroodisitti hin deebineef waan abjuudhaan of eeggachiisni isaaniif kennameef karaa biraatiin biyya isaaniitti deebiʼan.
13 Qui cum recessissent, ecce angelus Domini apparuit in somnis Joseph, dicens: Surge, et accipe puerum, et matrem ejus, et fuge in Ægyptum, et esto ibi usque dum dicam tibi. Futurum est enim ut Herodes quærat puerum ad perdendum eum.
Yommuu beektonni sun deemanitti, kunoo ergamaan Gooftaa abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee, “Sababii Heroodis mucicha ajjeesuu barbaaduuf kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii Gibxitti baqadhu. Hamma ani yeroo ati itti deebitu sitti himutti achuma turi” jedheen.
14 Qui consurgens accepit puerum et matrem ejus nocte, et secessit in Ægyptum:
Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa halkaniin fudhatee Gibxitti qajeele;
15 et erat ibi usque ad obitum Herodis: ut adimpleretur quod dictum est a Domino per prophetam dicentem: Ex Ægypto vocavi filium meum.
hamma Heroodis duʼuttis achi jiraate. Kunis akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin, “Ani Gibxii ilma koo waameera” jedhe sun raawwatamuuf taʼe.
16 Tunc Herodes videns quoniam illusus esset a magis, iratus est valde, et mittens occidit omnes pueros, qui erant in Bethlehem, et in omnibus finibus ejus, a bimatu et infra secundum tempus, quod exquisierat a magis.
Heroodis yommuu akka beektonni sun isa gowwoomsan hubatetti akka malee aare; innis akka yeroo beektota sana irraa bareetti, ijoollee dhiiraa warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi hammasii gad taʼe kanneen Beetlihemii fi naannoo ishee keessa jiraatan hunda nama itti ergee ficcisiise.
17 Tunc adimpletum est quod dictum est per Jeremiam prophetam dicentem:
Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate ni raawwatame. Innis akkana jedha:
18 Vox in Rama audita est ploratus, et ululatus multus: Rachel plorans filios suos, et noluit consolari, quia non sunt.
“Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
19 Defuncto autem Herode, ecce angelus Domini apparuit in somnis Joseph in Ægypto,
Erga Heroodis duʼee booddee, ergamaan Gooftaa tokko Gibxitti abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee,
20 dicens: Surge, et accipe puerum, et matrem ejus, et vade in terram Israël: defuncti sunt enim qui quærebant animam pueri.
“Warri lubbuu mucichaa barbaadan waan duʼaniif kaʼiitii mucicha haadha isaa wajjin fudhadhuutii biyya Israaʼel dhaqi” jedheen.
21 Qui consurgens, accepit puerum, et matrem ejus, et venit in terram Israël.
Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa fudhatee biyya Israaʼel dhaqe.
22 Audiens autem quod Archelaus regnaret in Judæa pro Herode patre suo, timuit illo ire: et admonitus in somnis, secessit in partes Galilææ.
Garuu yommuu akka Arkelaawoos iddoo abbaa isaa, iddoo Heroodis Yihuudaa irratti moʼe dhagaʼetti achi dhaquu sodaate; abjuudhaanis waan of eeggachiisni isaaf kennameef gara aanaa Galiilaa deeme;
23 Et veniens habitavit in civitate quæ vocatur Nazareth: ut adimpleretur quod dictum est per prophetas: Quoniam Nazaræus vocabitur.
achis dhaqee magaalaa Naazreeti jedhamtu keessa jiraate. Kunis dubbiin, “Inni Naaziricha jedhamee ni waamama” jedhamee karaa raajotaatiin dubbatame sun akka raawwatamuuf taʼe.