< Iudicum 8 >

1 Dixeruntque ad eum viri Ephraim: Quid est hoc quod facere voluisti, ut nos non vocares, cum ad pugnam pergeres contra Madian? jurgantes fortiter, et prope vim inferentes.
Namoonni Efreem, “Ati maaliif akkana nu goote? Yeroo Midiyaanin dhaʼuuf duultetti maaliif nu hin waamin?” jedhanii Gidewoon gaafatan. Akka malees isatti dheekkaman.
2 Quibus ille respondit: Quod enim tale facere potui, quale vos fecistis? nonne melior est racemus Ephraim, vindemiis Abiezer?
Inni immoo akkana jedhee deebiseef; “Wanni ani hojjedhe yoo waan isin hojjettaniin wal bira qabame gatii maalii qaba? Qarmiin wayinii Efreem oomisha wayinii Abiiʼezer sana hunda hin caaluu?
3 In manus vestras Dominus tradidit principes Madian, Oreb et Zeb: quid tale facere potui, quale vos fecistis? Quod cum locutus esset, requievit spiritus eorum, quo tumebant contra eum.
Waaqni hooggantoota Midiyaanotaa jechuunis Hereebii fi Zeʼeebin dabarsee harka keessanitti kenneera. Egaa ani waan isin hojjettaniin wajjin kan wal qixxaatu maal hojjechuun dandaʼa ture?” Yommuu inni waan kana jedhettis aariin isaan isatti aaran ni qabbanaaʼe.
4 Cumque venisset Gedeon ad Jordanem, transivit eum cum trecentis viris, qui secum erant: et præ lassitudine, fugientes persequi non poterant.
Gidewoonii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi sadan dhufanii Yordaanos ceʼan; isaan akka malee dadhaban iyyuu ittuma fufanii jara ariʼan.
5 Dixitque ad viros Soccoth: Date, obsecro, panes populo qui mecum est, quia valde defecerunt: ut possimus persequi Zebee et Salmana reges Madian.
Innis namoota Sukootiitiin, “Loltoota kootiif buddeena kennaa; isaan baayʼee na duraa dadhabaniiruutii; ani amma iyyuu mootota Midiyaanotaa jechuunis Zebaa fi Zalmunaa ariʼaa jira” jedhe.
6 Responderunt principes Soccoth: Forsitan palmæ manuum Zebee et Salmana in manu tua sunt, et idcirco postulas ut demus exercitui tuo panes.
Qondaaltonni Sukoot garuu, “Loltoota keetiif nu buddeena kan kenninu ati Zebaa fi Zalmunaa harka keetti galfatteertaa?” jedhaniin.
7 Quibus ille ait: Cum ergo tradiderit Dominus Zebee et Salmana in manus meas, conteram carnes vestras cum spinis tribulisque deserti.
Gidewoonis deebisee, “Tole kaa, yommuu Waaqayyo dabarsee Zebaa fi Zalmunaa harka kootti kennutti ani qoraattii gammoojjiitii fi arangamaadhaan foon keessan ciccira” jedheen.
8 Et inde conscendens, venit in Phanuel: locutusque est ad viros loci illius similia. Cui et illi responderunt, sicut responderant viri Soccoth.
Achiis gara namoota Phenuuʼeel dhaqee akkuma warra duraa sana kadhatetti isaanis gaafate; isaan garuu akkuma warri Sukoot deebisanitti deebii kennan.
9 Dixit itaque et eis: Cum reversus fuero victor in pace, destruam turrim hanc.
Kanaafuu inni namoota Phenuuʼeeliin, “Ani yeroo moʼadhee deebiʼutti gamoo kana nan jigsa” jedhe.
10 Zebee autem et Salmana requiescebant cum omni exercitu suo. Quindecim enim millia viri remanserant ex omnibus turmis orientalium populorum, cæsis centum viginti millibus bellatorum educentium gladium.
Yeroo sanatti Zebaa fi Zalmunaan loltoota isaanii kanneen kuma kudha shanitti hedaman wajjin iddoo Qarqari jedhamu turan; isaan kunneenis loltoota namoota baʼa biiftuutii walitti qabaman keessaa hafan hundaa dha; warri goraadee hidhatan kumni kudha lama dhumanii turaniitii.
11 Ascendensque Gedeon per viam eorum, qui in tabernaculis morabantur, ad orientalem partem Nobe et Jegbaa, percussit castra hostium, qui securi erant, et nihil adversi suspicabantur.
Gidewoonis karaa warra baʼa Noobaahiitii fi Yogbihaatiin dunkaana keessa jiraatanii baʼee loltoota homaa hin birʼatin dhaʼe; raayyaan waraanaa sun of dagatee tureetii.
12 Fugeruntque Zebee et Salmana, quos persequens Gedeon comprehendit, turbato omni exercitu eorum.
Mootonni Midiyaan lamaan jechuunis Zebaa fi Zalmunaan ni baqatan; Gidewoon garuu ariʼee isaan qabate; loltoota isaaniis gargari bittinneesse.
13 Revertensque de bello ante solis ortum,
Ergasii Gidewoon ilmi Yooʼaash karaa Malkaa Herees baʼee duulaa gale.
14 apprehendit puerum de viris Soccoth: interrogavitque eum nomina principum et seniorum Soccoth, et descripsit septuaginta septem viros.
Innis dargaggeessa Sukoot tokko qabee qorate; dargaggeessi sunis maqaa qondaaltota Sukootii fi maanguddoota magaalattii walumatti maqaa nama torbaatamii torba barreessee kenneef.
15 Venitque ad Soccoth, et dixit eis: En Zebee et Salmana, super quibus exprobrastis mihi, dicentes: Forsitan manus Zebee et Salmana in manibus tuis sunt, et idcirco postulas ut demus viris, qui lassi sunt et defecerunt, panes.
Gidewoonis dhufee namoota Sukootiin, “Zebaa fi Zalmunaan isin, ‘Nu namoota kee warra dadhabaniif buddeena kan kenninu ati Zaabiheelii fi Zalmunaa harka keetti galfatteertaa?’ jettanii waaʼee isaanii natti qoostan sun kunoo ti” jedhe.
16 Tulit ergo seniores civitatis et spinas deserti ac tribulos, et contrivit cum eis atque comminuit viros Soccoth.
Innis maanguddoota magaalaa sanaa fuudhee qoraattii fi arangamaa gammoojjiitiin adabuudhaan namoota Sukootiitiif barumsa kenne.
17 Turrim quoque Phanuel subvertit, occisis habitatoribus civitatis.
Gamoo Phenuuʼeelis jigsee namoota magaalattii fixe.
18 Dixitque ad Zebee et Salmana: Quales fuerunt viri, quos occidistis in Thabor? Qui responderunt: Similes tui, et unus ex eis quasi filius regis.
Ergasiis inni, “Namoonni isin Taabooritti fixxan warra akkamiitii?” jedhee Zebaa fi Zalmunaa gaafate. Isaanis, “Namootuma akka keessanii kanneen hundi isaanii ilmaan mootii fafakkaatanii dha” jedhaniin.
19 Quibus ille respondit: Fratres mei fuerunt, filii matris meæ. Vivit Dominus, quia si servassetis eos, non vos occiderem.
Gidewoonis deebisee, “Isaan obboloota koo ilmaanuma haadha kootii turan. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, utuu isin isaan ajjeesuu baattanii ani isin hin ajjeesu ture” jedhe.
20 Dixitque Jether primogenito suo: Surge, et interfice eos. Qui non eduxit gladium: timebat enim, quia adhuc puer erat.
Innis gara Yeteer ilma isaa hangaftichaatti garagalee, “Kaʼiitii isaan fixi!” jedheen. Yeeteer garuu sababii ijoollee taʼeef sodaatee goraadee isaa hin luqqifanne.
21 Dixeruntque Zebee et Salmana: Tu surge, et irrue in nos: quia juxta ætatem robur est hominis. Surrexit Gedeon, et interfecit Zebee et Salmana: et tulit ornamenta ac bullas quibus colla regalium camelorum decorari solent.
Ergasiis Zebaa fi Zalmunaan, “Kaʼiitii atumti nu ajjeesi; ‘Jabinni namaa akkuma dhagna isaatii’” jedhaniin. Gidewoonis kaʼee isaan ajjeese; faaya morma gaalawwan isaaniis fudhate.
22 Dixeruntque omnes viri Israël ad Gedeon: Dominare nostri tu, et filius tuus, et filius filii tui: quia liberasti nos de manu Madian.
Namoonni Israaʼelis Gidewooniin, “Ati waan harka Midiyaanotaa jalaa nu baafteef ati, ilmi keetii fi ilmi ilma keetii nu bulchaa” jedhan.
23 Quibus ille ait: Non dominabor vestri, nec dominabitur in vos filius meus, sed dominabitur vobis Dominus.
Gidewoon garuu, “Ani isin hin bulchu; ilmi koos isin hin bulchu. Waaqayyotu isin bulcha” isaaniin jedhe.
24 Dixitque ad eos: Unam petitionem postulo a vobis: date mihi inaures ex præda vestra. Inaures enim aureas Ismaëlitæ habere consueverant.
Innis, “Ani waa tokko isin kadhadha; kunis akka tokkoon tokkoon keessan qooda boojuu keessanii irraa lootii naa kennitanii dha” jedhe. Lootii warqee kaaʼachuun bartee Ishmaaʼeelootaa tureetii.
25 Qui responderunt: Libentissime dabimus. Expandentesque super terram pallium, projecerunt in eo inaures de præda:
Isaanis, “Nu gammachuudhaan kennina” jedhanii deebisan. Kanaafuu wayyaa lafa irra diriirsanii tokkoon tokkoon namaa boojuu isaa irraa lootii itti darbate.
26 et fuit pondus postulatarum inaurium, mille septingenti auri sicli, absque ornamentis, et monilibus, et veste purpurea, quibus reges Madian uti soliti erant, et præter torques aureas camelorum.
Amartiin warqee kan inni kadhate saqilii kuma tokkoo fi dhibba torba yookaan kiiloo giraamii kudha sagalii fi walakkaa ulfaata ture; kunis waan mormatti hidhatan, uffata diimaa dhiilgee kan mootonni Midiyaan uffatanii fi foncaa morma gaalawwan isaanii irra ture hin dabalatu.
27 Fecitque ex eo Gedeon ephod, et posuit illud in civitate sua Ephra. Fornicatusque est omnis Israël in eo, et factum est Gedeoni et omni domui ejus in ruinam.
Gidewoonis warqee sanaan dirata tolchee magaalaa itti dhalate Ofraa keessa kaaʼe. Israaʼeloonni hundis achitti efuudicha waaqeffachuudhaan sagaagalan. Kunis Gidewooniif maatii isaatti kiyyoo taʼe.
28 Humiliatus est autem Madian coram filiis Israël, nec potuerunt ultra cervices elevare: sed quievit terra per quadraginta annos, quibus Gedeon præfuit.
Midiyaanonnis akkasiin fuula Israaʼelootaa duratti moʼataman; lammatas mataa isaanii ol hin qabanne. Biyyattiinis bara Gidewoon keessa waggaa afurtama nagaa argatte.
29 Abiit itaque Jerobaal filius Joas, et habitavit in domo sua:
Yerub-Baʼaal ilmi Yooʼaash achi jiraachuuf gara mana ofii isaatti deebiʼe.
30 habuitque septuaginta filios, qui egressi sunt de femore ejus: eo quod plures haberet uxores.
Inni sababii niitota baayʼee fuudheef ilmaan torbaatama qaba ture.
31 Concubina autem illius, quam habebat in Sichem, genuit ei filium nomine Abimelech.
Saajjatoon isaa kan Sheekem keessa jiraachaa turtes ilma deesseefii turte; innis Abiimelek jedhee isa moggaase.
32 Mortuusque est Gedeon filius Joas in senectute bona, et sepultus est in sepulchro Joas patris sui in Ephra de familia Ezri.
Gidewoon ilmi Yooʼaash bara dheeraa jiraatee duʼe. Innis Ofraa biyya Abiiʼezerootaa keessatti, lafa awwaala abbaa isaa Yooʼaashitti awwaalame.
33 Postquam autem mortuus est Gedeon, aversi sunt filii Israël, et fornicati sunt cum Baalim. Percusseruntque cum Baal fœdus, ut esset eis in deum:
Akkuma Gidewoon duʼeen Israaʼeloonni amma illee Baʼaal wajjin sagaagalan. Baʼaal Beriitinis Waaqa isaanii godhatanii
34 nec recordati sunt Domini Dei sui, qui eruit eos de manibus inimicorum suorum omnium per circuitum:
Waaqayyo Waaqa isaanii kan harka diinota isaanii hundumaa jalaa isaan baase sana dagatan.
35 nec fecerunt misericordiam cum domo Jerobaal Gedeon, juxta omnia bona quæ fecerat Israëli.
Isaanis maatii Yerub-Baʼaaliif jechuunis Gidewooniif waan gaarii inni isaaniif godhe hunda yaadatanii arjummaa hin gooneef.

< Iudicum 8 >