< I Paralipomenon 27 >

1 Filii autem Israël secundum numerum suum, principes familiarum, tribuni, et centuriones, et præfecti, qui ministrabant regi juxta turmas suas, ingredientes et egredientes per singulos menses in anno, viginti quatuor millibus singuli præerant.
Lakkoobsi ijoollee Israaʼel hangafoonni maatii isaanii, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni isaanii warri waan kutaawwan loltootaa kanneen waggaa guutuu jiʼa jiʼaan hojiitti ramadaman sanaa ilaalu hunda irratti mooticha tajaajilan kanaa dha. Tokkoon tokkoon kutaawwan loltootaa kunis nama 24,000 of keessaa qaba ture.
2 Primæ turmæ in primo mense Jesboam præerat filius Zabdiel, et sub eo viginti quatuor millia;
Jiʼa jalqabaatiif ajajaan kutaa loltootaa kan duraa Yaashobiʼaam ilma Zabdiiʼeel ture. Kutaa loltoota isaa keessas loltoota 24,000 ture.
3 de filiis Phares, princeps cunctorum principum in exercitu mense primo.
Innis sanyii Faaresii fi hangafa ajajjoota kutaa loltoota hundaa kan jiʼa jalqabaa ture.
4 Secundi mensis habebat turmam Dudia Ahohites, et post se alter nomine Macelloth, qui regebat partem exercitus viginti quatuor millium.
Doodaayi namichi Ahooʼaa ajaja kutaa waraanaa kan jiʼa lammaffaaf ture; Miiqlooti hoogganaa kutaa waraana isaa ture. Kutaan waraana isaas namoota 24,000 of keessaa qaba ture.
5 Dux quoque turmæ tertiæ in mense tertio erat Banaias filius Jojadæ sacerdos: et in divisione sua viginti quatuor millia.
Ajajaan kutaa waraanaa sadaffaan kan jiʼa sadaffaa immoo Benaayaa ilma Yehooyaadaa lubichaa ture. Innis hangafa; kutaan waraana isaa namoota 24,000 of keessaa qaba ture.
6 Ipse est Banaias fortissimus inter triginta, et super triginta: præerat autem turmæ ipsius Amizabad filius ejus.
Benaayaa kun isuma warra soddoma keessaa nama jabaa fi ajajaa warra soddoma sanaa ture sanaa dha. Amiizaabaad ilmi isaa immoo ajajaa kutaa waraana isaa ture.
7 Quartus, mense quarto, Asahel frater Joab, et Zabadias filius ejus post eum: et in turma ejus viginti quatuor millia.
Jiʼa afuraffaaf ajajaan kuta afuraffaa Asaaheel obboleessa Yooʼaab ture; kan iddoo isaa buʼe immoo ilma isaa Zebaadiyaa dha. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
8 Quintus, mense quinto, princeps Samaoth Jezerites: et in turma ejus viginti quatuor millia.
Jiʼa shanaffaaf ajajaan kutaa shanaffaa Shamhuuti namicha Yizraa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
9 Sextus, mense sexto, Hira filius Acces Thecuites: et in turma ejus viginti quatuor millia.
Jiʼa jaʼaffaaf Iiraa ilmi Iqeesh namicha Teqooʼaa sanaa ajajaa jaʼaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
10 Septimus, mense septimo, Helles Phallonites de filiis Ephraim: et in turma ejus viginti quatuor millia.
Jiʼa torbaffaaf Heleez namichi Pheloonaa kan gosa Efreem sun ajajaa torbaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
11 Octavus, mense octavo, Sobochai Husathites de stirpe Zarahi: et in turma ejus viginti quatuor millia.
Jiʼa saddeettaffaaf Siibekaay namichi biyya Hushaa kan gosa Zaarotaa ajajaa saddeettaffaa ture; kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
12 Nonus, mense nono, Abiezer Anathothites de filiis Jemini: et in turma ejus viginti quatuor millia.
Jiʼa saglaffaaf Abiiʼezer namicha Anaatootii kan gosa Beniyaam sanattu ajajaa saglaffaa ture; kutaa isaa keessaa namoota 24,000 turan.
13 Decimus, mense decimo, Marai, et ipse Netophathites de stirpe Zarai: et in turma ejus viginti quatuor millia.
Jiʼa kurnaffaaf Maharaayi namicha Netoof kan gosa Zaaraa sanatu ajajaa kurnaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
14 Undecimus, mense undecimo, Banaias Pharathonites de filiis Ephraim: et in turma ejus viginti quatuor millia.
Jiʼa kudha tokkoffaaf ajajaan kudha tokkoffaan Benaayaa namicha Phiraatoon kan gosa Efreem sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
15 Duodecimus, mense duodecimo, Holdai Netophathites, de stirpe Gothoniel: et in turma ejus viginti quatuor millia.
Jiʼa kudha lammaffaaf ajajaan kudha lammaffaan Heldaayi namicha Netoof kan gosa Otniiʼeel sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
16 Porro tribubus præerant Israël, Rubenitis, dux Eliezer filius Zechri: Simeonitis, dux Saphatias filius Maacha:
Hangafoonni gosoota Israaʼel: Gosa Ruubeen irratti: Eliiʼezer ilma Zikrii; gosa Simiʼoon irratti: Shefaaxiyaa ilma Maʼakaa;
17 Levitis, Hasabias filius Camuel: Aaronitis, Sadoc:
gosa Lewwii irratti: Hashabiyaa ilma Qemuuʼeel; gosa Aroon irratti: Zaadoq;
18 Juda, Eliu frater David: Issachar, Amri filius Michaël.
gosa Yihuudaa irratti: Eliihuu obboleessa Daawit; gosa Yisaakor irratti: Omrii ilma Miikaaʼel;
19 Zabulonitis, Jesmaias filius Abdiæ: Nephthalitibus, Jerimoth filius Ozriel:
gosa Zebuuloon irratti: Yishmaʼiyaaʼuu ilma Obaadiyaa; gosa Niftaalem irratti: Yeriimooti ilma Azriiʼeel;
20 filiis Ephraim, Osee filius Ozaziu: dimidiæ tribui Manasse, Joël filius Phadaiæ:
gosa Efreem irratti: Hoosheeʼaa ilma Azaziyaa; walakkaa gosa Minaasee irratti: Yooʼeel ilma Phedaayaa;
21 et dimidiæ tribui Manasse in Galaad, Jaddo filius Zachariæ: Benjamin autem, Jasiel filius Abner:
walakkaa gosa Minaasee kan Giliʼaad keessa jiraatuu irratti: Iddoo ilma Zakkaariyaas; gosa Beniyaam irratti: Yaʼisiiʼel ilma Abneer;
22 Dan vero, Ezrihel filius Jeroham: hi principes filiorum Israël.
gosa Daan irratti: Azariʼeel ilma Yirooham. Hangafoonni gosoota Israaʼel isaan kanneen turan.
23 Noluit autem David numerare eos a viginti annis inferius: quia dixerat Dominus ut multiplicaret Israël quasi stellas cæli.
Daawit sababii Waaqayyo saba Israaʼel akkuma urjiiwwan samiitti baayʼisuuf waadaa galeef dhiira waggaa digdamaatii fi digdamaa gad taʼe hin lakkoofne.
24 Joab filius Sarviæ cœperat numerare, nec complevit: quia super hoc ira irruerat in Israël, et idcirco numerus eorum qui fuerant recensiti, non est relatus in fastos regis David.
Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiirota lakkaaʼuu jalqabe malee lakkaaʼee hin fixne; sababii lakkoobsa kanaatiifis dheekkamsi Waaqaa Israaʼelitti dhufe; kanaafuu warri hedaman iyyuu galmee Daawit mootichaa keessatti hin galmeeffamne.
25 Super thesauros autem regis fuit Azmoth filius Adiel: his autem thesauris, qui erant in urbibus, et in vicis, et in turribus, præsidebat Jonathan filius Oziæ.
Azmaawet ilmi Aadiiʼeel shuumii mankuusaa qabeenya mootii ture. Yoonaataan ilmi Uziyaa immoo shuumii miʼoota aanaalee, magaalaawwan, kan gandootaatii fi gamoowwan eegumsaa ture.
26 Operi autem rustico, et agricolis qui exercebant terram, præerat Ezri filius Chelub:
Ezeriin ilmi Kiluub shuumii qonnaan bultootaa ture.
27 vinearumque cultoribus, Semeias Romathites: cellis autem vinariis, Zabdias Aphonites.
Shimeʼiin namichi Raamaatii sun itti gaafatamaa iddoo dhaabaa wayinii ture. Zabdiin namichi Shifaamii sun itti gaafatamaa mana cuunfaa wayinii iddoo dhaabaa wayinii keessaa ture.
28 Nam super oliveta et ficeta quæ erant in campestribus, Balanam Gederites: super apothecas autem olei, Joas.
Baʼaal-Haanaan namichi Gedeeraa sun shuumii mukkeen ejersaatii fi harbuu tabbawwan gaarran gama lixa biiftuutti argamanii ture. Yooʼaash immoo shuumii mana zayitii ejersaa ture.
29 Porro armentis quæ pascebantur in Saron, præpositus fuit Setrai Saronites: et super boves in vallibus, Saphat filius Adli:
Shitraayi namichi Shaaroon shuumii karra loonii kan Shaaroonitti bobbaʼuu ture. Shaafaax ilmi Aadilaay shuumii karra loowwan sulula keessa jiranii ture.
30 super camelos vero, Ubil Ismahelites: et super asinos, Jadias Meronathites:
Oobiil namichi gosa Ishmaaʼeel sun shuumii gaalawwanii ture. Yehideyaan namichi gosa Meeroonotaa shuumii harrootaa ture.
31 super oves quoque, Jaziz Agareus: omnes hi, principes substantiæ regis David.
Yaaziiz namichi gosa Aggaar itti gaafatamaa bushaayee ture. Isaan kunneen hundi shuumota qabeenya Daawit mootichaa turan.
32 Jonathan autem patruus David, consiliarius, vir prudens et litteratus: ipse et Jahiel filius Hachamoni erant cum filiis regis.
Yoonaataan eessumni Daawit namichi beekaan barreessaan sun gorsituu ture; Yehiiʼeel ilmi Hakmoonii immoo eegduu ilmaan mootichaa ture.
33 Achitophel etiam consiliarius regis, et Chusai Arachites amicus regis.
Ahiitofel gorsaa mootichaa ture. Huushaayi namichi gosa Arki immoo michuu mootichaa ture.
34 Post Achitophel fuit Jojada filius Banaiæ, et Abiathar. Princeps autem exercitus regis erat Joab.
Yehooyaadaan ilmi Benaayaatii fi Abiyaataar iddoo Ahiitofel buʼan. Yooʼaab immoo ajajaa eegdota mootummaa ture.

< I Paralipomenon 27 >