< Marcum 3 >
1 Et introivit iterum in synagogam: et erat ibi homo habens manum aridam.
Ammas Yesuus mana sagadaa seene; namichi harki irratti goge tokkos achi ture.
2 Et observabant eum, si sabbatis curaret, ut accusarent illum.
Isaan keessaas namoonni tokko tokko Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan namicha fayyisu ilaaluuf isa gaadan.
3 Et ait homini habenti manum aridam: Surge in medium.
Yesuusis namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe.
4 Et dicit eis: Licet sabbatis benefacere, an male? animam salvam facere, an perdere? At illi tacebant.
Yesuusis, “Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo ajjeesuu?” jedhee isaan gaafate. Isaan garuu ni calʼisan.
5 Et circumspiciens eos cum ira, contristatus super cæcitate cordis eorum, dicit homini: Extende manum tuam. Et extendit, et restituta est manus illi.
Innis mata jabina isaaniitti akka malee gaddee, aariidhaan garagalee isaan ilaale; namicha sanaanis, “Harka kee diriirfadhu!” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.
6 Exeuntes autem Pharisæi, statim cum Herodianis consilium faciebant adversus eum quomodo eum perderent.
Fariisonnis gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesuu dandaʼan garee Heroodis wajjin mariʼachuu jalqaban.
7 Iesus autem cum discipulis suis secessit ad mare: et multa turba a Galilæa, et Iudæa secuta est eum,
Yesuus barattoota isaa wajjin achii kaʼee gara galaanichaatti qajeele; tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa isa duukaa buʼe.
8 et ab Ierosolymis, et ab Idumæa, et trans Iordanem: et qui circa Tyrum, et Sidonem, multitudo magna, audientes, quæ faciebat, venerunt ad eum.
Namoonni baayʼeenis yommuu waan inni hojjechaa ture hunda dhagaʼanitti Yihuudaadhaa, Yerusaalemii, Edoomiyaasii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo Xiiroosiitii fi Siidoonaatii gara isaa dhufan.
9 Et dicit discipulis suis ut navicula sibi deserviret propter turbam, ne comprimerent eum.
Innis akka baayʼina namaatiin hin dhiibamneef akka isaan bidiruu xinnoo tokko isaaf qopheessan barattoota isaatti hime.
10 multos enim sanabat ita ut irruerent in eum ut illum tangerent quotquot habebant plagas.
Sababii inni nama baayʼee fayyisee tureef, warri dhukkubsatan hundinuu isa tuquuf jedhanii irratti wal cabsaa turan.
11 Et spiritus immundi, cum illum videbant, procidebant ei: et clamabant dicentes:
Hafuuronni xuraaʼoonis yeroo isa argan fuula isaa duratti kufanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii iyyu turan.
12 Tu es Filius Dei. Et vehementer comminabatur eis ne manifestarent illum.
Inni garuu akka isaan akka inni beekamu hin goone jabeessee isaan ajaje.
13 Et ascendens in montem vocavit ad se quos voluit ipse: et venerunt ad eum.
Yesuusis tulluutti ol baʼee warra ofii isaatii barbaade ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan.
14 Et fecit ut essent duodecim cum illo: et ut mitteret eos prædicare.
Innis akka isaan isa wajjin jiraatanii fi akka lallabaaf isaan erguuf namoota kudha lama muudee barattoota jedhee moggaase;
15 Et dedit illis potestatem curandi infirmitates, et eiiciendi dæmonia.
akka isaan hafuurota hamoo baasaniifis taayitaa kenneef.
16 Et imposuit Simoni nomen Petrus:
Warri kudha lamaan inni muudes isaan kana: Simoon isa inni “Phexros” jedhee moggaase,
17 et Iacobum Zebedæi, et Ioannem fratrem Iacobi, et imposuit eis nomina Boanerges, quod est, Filii tonitrui:
Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis warra inni “Boʼanergees” jedhee moggaase; Boʼanergees jechuun ilmaan “Kakawwee” jechuu dha;
18 et Andræam, et Philippum, et Bartholomæum, et Matthæum, et Thomam, et Iacobum Alphæi, et Thaddæum, et Simonem Cananæum,
Indiriiyaas, Fiiliphoos, Bartaloomewoos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewoos, Simoon Hinaafticha,
19 et Iudas Iscariotem, qui et tradidit illum.
Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.
20 Et veniunt ad domum: et convenit iterum turba, ita ut non possent neque panem manducare.
Yesuusis mana tokko seene; sababii namoonni akka malee baayʼatan ammas walitti qabamaniif innii fi barattoonni isaa waa nyaachuu illee hin dandeenye.
21 Et cum audissent sui, exierunt tenere eum: dicebant enim: Quoniam in furorem versus est.
Firoonni isaas yommuu waan kana dhagaʼanitti isa qabuu dhaqan; namoonni, “Inni qalbii dabarseera” jechaa turaniitii.
22 Et Scribæ, qui ab Ierosolymis descenderant, dicebant: Quoniam Beelzebub habet, et quia in principe dæmoniorum eiicit dæmonia.
Barsiistonni seeraa warri Yerusaalemii gad buʼan, “Inni Biʼeelzebuuliin qabameera! Hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan.
23 Et convocatis eis in parabolis dicebat illis: Quomodo potest satanas satanam eiicere?
Yesuus immoo ofitti isaan waamee akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: “Seexanni akkamitti Seexana baasuu dandaʼa?
24 Et si regnum in se dividatur, non potest regnum illud stare.
Mootummaan tokko yoo gargar of qoode, mootummaan sun dhaabachuu hin dandaʼu.
25 Et si domus super semetipsam dispertiatur, non potest domus illa stare.
Manni tokko yoo gargar of qoode, manni sun dhaabachuu hin dandaʼu.
26 Et si satanas consurrexerit in semetipsum, dispertitus est, et non poterit stare, sed finem habet.
Seexannis yoo gargar of qoode, inni dhaabachuu hin dandaʼu; dhumni isaa gaʼeeraatii.
27 Nemo potest vasa fortis ingressus in domum diripere, nisi prius fortem alliget, et tunc domum eius diripiet.
Dhugumaan namni kam iyyuu utuu duraan dursee nama jabaa tokko hin hidhin, mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu hin dandaʼu. Ergasii inni mana namicha jabaa sanaa saamuu dandaʼa.
28 Amen dico vobis, quoniam omnia dimittentur filiis hominum peccata, et blasphemiæ, quibus blasphemaverint:
Ani dhuguma isinittin hima; cubbuun isaanii hundii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi namootaaf dhiifamuu ni dandaʼa;
29 qui autem blasphemaverit in Spiritum sanctum, non habebit remissionem in æternum, sed reus erit æterni delicti. (aiōn , aiōnios )
namni Hafuura Qulqulluu arrabsu kam iyyuu garuu gonkumaa dhiifama hin argatu; inni itti gaafatamaa cubbuu bara baraa ti.” (aiōn , aiōnios )
30 Quoniam dicebant: Spiritum immundum habet.
Yesuusis sababii isaan, “Inni hafuura xuraaʼaa qaba” jechaa turaniif waan kana dubbate.
31 Et veniunt mater eius et fratres: et foris stantes miserunt ad eum vocantes eum,
Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan.
32 et sedebat circa eum turba: et dicunt ei: Ecce mater tua, et fratres tui foris quærunt te.
Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, “Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru” jedhanii isatti himan.
33 Et respondens eis, ait: Quæ est mater mea, et fratres mei?
Inni immoo, “Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?” jedhee gaafate.
34 Et circumspiciens eos, qui in circuitu eius sedebant, ait: Ecce mater mea, et fratres mei.
Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti!
35 Qui enim fecerit voluntatem Dei, hic frater meus, et soror mea, et mater est.
Namni fedhii Waaqaa raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”