< Romanos 11 >

1 Dico ergo: Numquid Deus repulit populum suum? Absit. Nam et ego Israelita sum ex semine Abraham, de tribu Beniamin:
Anis, “Egaa Waaqni saba isaa ni gatee ree?” jedhee nan gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Ani iyyuu Israaʼelicha, sanyii Abrahaam keessaa gosa Beniyaam.
2 Non repulit Deus plebem suam, quam præscivit. An nescitis in Elia quid dicit Scriptura: quemadmodum interpellat Deum adversum Israel?
Waaqni saba isaa warra duraan dursee beeke sana hin ganne; isin waaʼee Eeliyaas, inni akkamitti Waaqa duratti akka Israaʼelin himate Katabbiin Qulqulluun maal akka jedhu hin beektanii? Innis akkana jedha:
3 Domine, Prophetas tuos occiderunt, altaria tua suffoderunt: et ego relictus sum solus, et quærunt animam meam.
“Yaa Gooftaa isaan raajota kee ajjeesaniiru; iddoo aarsaa keetii illee diiganiiru; anuma qofatu hafe; anas ajjeesuu barbaadu.”
4 Sed quid dicit illi divinum responsum? Reliqui mihi septem millia virorum, qui non curvaverunt genua ante Baal.
Garuu deebiin Waaqni isaaf kenne maal ture? “Ani ofii kootiif namoota Baʼaaliif hin jilbeenfatin 7,000 hambifadheera.”
5 Sic ergo et in hoc tempore reliquiæ secundum electionem gratiæ salvæ factæ sunt.
Akkasuma yeroo ammaas hambaawwan ayyaanaan filataman jiru.
6 Si autem gratia, iam non ex operibus: alioquin gratia iam non est gratia.
Erga ayyaanaan taʼe immoo siʼachi hojiin miti; utuu hojiin taʼee immoo ayyaanni silaa ayyaana hin taʼu ture.
7 Quid ergo? quod quærebat Israel, hoc non est consecutus: electio autem consecuta est: ceteri vero excæcati sunt:
Egaa maali ree? Israaʼel waan jabeessee barbaade sana hin arganne; warri filataman garuu argataniiru. Warri kaan immoo mataa jabaatan.
8 sicut scriptum est: Dedit illis Deus spiritum compunctionis: oculos ut non videant, et aures ut non audiant, usque in hodiernum diem.
Kunis isa, “Waaqni hamma guyyaa harʼaatti, akka iji isaanii hin argineef, akka gurri isaaniis hin dhageenyeef, hafuura nama dawweessu isaaniif kenne” jedhamee barreeffamee dha.
9 Et David dicit: Fiat mensa eorum in laqueum, et in captionem, et in scandalum, et in retributionem illis.
Daawitis akkana jedha; “Maaddiin isaanii iddaa fi kiyyoo, gufuu nama gufachiisuu fi adaba isaanitti haa taʼu.
10 Obscurentur oculi eorum ne videant: et dorsum eorum semper incurva.
Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu; dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.”
11 Dico ergo: Numquid sic offenderunt ut caderent? Absit. Sed illorum delicto, salus est Gentibus ut illos æmulentur.
Anis deebisee, “Isaan hamma kufanii kaʼuu hin dandeenyetti gufatanii?” jedheen gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Garuu akka sabni Israaʼel hinaafuuf sababii balleessaa isaaniitiif fayyinni Namoota Ormaatiif dhufe.
12 Quod si delictum illorum divitiæ sunt mundi, et diminutio eorum divitiæ Gentium: quanto magis plenitudo eorum?
Yoos erga balleessaan isaanii addunyaaf badhaadhummaa fidee, kufaatiin isaaniis erga Namoota Ormaatiif badhaadhummaa fidee, guutummaan isaanii immoo hammam caalaa badhaadhummaa haa fiduu ree?
13 Vobis enim dico Gentibus: Quamdiu quidem ego sum Gentium Apostolus, ministerium meum honorificabo,
Yaa Namoota Ormaa, ani isinittin dubbadha. Ani waanan ergamaa Namoota Ormaa taʼeef, tajaajila koo nan kabaja.
14 si quomodo ad æmulandum provocem carnem meam, et salvos faciam aliquos ex illis.
Kanaanis ani tarii saba koo hinaaffaaf kakaasee isaan keessaa tokko tokko fayyisuu abdadhee ti.
15 Si enim amissio eorum, reconciliatio est mundi: quæ assumptio, nisi vita ex mortuis?
Erga gatamuun isaanii addunyaaf araara fidee, fudhatamuun isaanii immoo warra duʼan keessaa jireenyatti kaafamuu malee maal fida ree?
16 Quod si delibatio sancta est, et massa: et si radix sancta, et rami.
Kutaan bukoo kan akka kennaa hangafaatti dhiʼeeffame tokko erga qulqulluu taʼee, bukoon guutuun qulqulluu dha; hiddi erga qulqulluu taʼee, dameewwan isaas akkasuma qulqulloota.
17 Quod si aliqui ex ramis fracti sunt, tu autem cum oleaster esses, insertus es in illis, et socius radicis, et pinguedinis olivæ factus es,
Dameewwan sana keessaa tokko tokko caccabsamnaan ati utuma lataa ejersa bosonaa taatee jirtuu iddoo dameewwan caccabaniitti fayyifamtee soora hidda ejersaa irraa argamu kan qooddattu taanaan,
18 noli gloriari adversus ramos. Quod si gloriaris: non tu radicem portas, sed radix te.
dameewwan sanatti hin koorin. Yoo of jajje garuu hidda sanatu si baata malee akka ati hidda sana hin baanne hubadhu.
19 Dices ergo: Fracti sunt rami ut ego inserar.
Atis, “Akka ani itti fayyifamuuf dameewwan sun caccabsaman” ni jetta.
20 Bene: propter incredulitatem fracti sunt. Tu autem fide stas: noli altum sapere, sed time.
Kun dhuguma. Isaan waan amantii hin qabneef caccabsaman; ati garuu amantiidhaan dhaabatteerta. Kanaafuu sodaadhu malee of hin tuulin.
21 Si enim Deus naturalibus ramis non pepercit: ne forte nec tibi parcat.
Waaqni yoo dameewwan uumamaatiif hin hilin siifis hin hiluutii.
22 Vide ergo bonitatem, et severitatem Dei: in eos quidem, qui ceciderunt, severitatem: in te autem bonitatem Dei, si permanseris in bonitate, alioquin et tu excideris.
Egaa arjummaa fi gara jabina Waaqaa hubadhu: gara jabinni isaa warra kufan irratti; arjummaan isaa garuu hamma ati arjummaa isaa keessa jiraattutti siif; yoo kanaa achii atis ni kutamta.
23 Sed et illi, si non permanserint in incredulitate, inserentur: potens est enim Deus iterum inserere illos.
Isaanis yoo amantii dhabuutti fufuu baatan itti fayyifamu; Waaqni deebisee itti isaan fayyisuu ni dandaʼaatii.
24 Nam si tu ex naturali excisus es oleastro, et contra naturam insertus es in bonam olivam: quanto magis ii, qui secundum naturam, inserentur suæ olivæ?
Ati muka uumamaan ejersa bosonaa taʼe irraa muramtee karaa seera uumamaatiin ala taʼeen muka ejersaa kan dhaabame irratti erga fayyifamtee, dameewwan uumamaa kunneen hammam caalaa muka ejersa isaanii irratti deebifamanii hin fayyifaman ree!
25 Nolo enim vos ignorare fratres mysterium hoc: (ut non sitis vobis ipsis sapientes) quia cæcitas ex parte contigit in Israel, donec plenitudo Gentium intraret,
Yaa obboloota, ani akka isin ogeeyyii of seetanii icciitii kana wallaaltan hin barbaadu; hamma lakkoobsi Namoota Ormaa guutuun seenutti Israaʼel gariin mata jabinaan jiraachaa turan.
26 et sic omnis Israel salvus fieret, sicut scriptum est: Veniet ex Sion, qui eripiat, et avertat impietatem a Iacob.
Kanaafuu Israaʼel hundi ni fayyu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “Inni furu Xiyoonii ni dhufa; Yaaqoob irraas Waaqa malee jiraachuu ni balleessa.
27 Et hoc illis a me testamentum: cum abstulero peccata eorum.
Yommuu ani cubbuu isaanii isaan irraa fuudhutti, kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana.”
28 Secundum Evangelium quidem, inimici propter vos: secundum electionem autem, charissimi propter patres.
Akka wangeelaatti isiniif jecha isaan diinota; akka filannootti garuu abbootiif jecha isaan jaallatamoo dha;
29 Sine pœnitentia enim sunt dona, et vocatio Dei.
kennaan Waaqaatii fi waamichi isaa gaabbii hin qabuutii.
30 Sicut enim aliquando et vos non credidistis Deo, nunc autem misericordiam consecuti estis propter incredulitatem illorum:
Akkuma isin kanaan dura Waaqaaf ajajamuu diddanii amma garuu ajajamuu diduu isaaniitiin araara argattan sana
31 ita et isti nunc non crediderunt in vestram misericordiam: ut et ipsi misericordiam consequantur.
isaanis akkasuma araara Waaqaa kan isin argattaniin akka araara argataniif amma ajajamuu didan.
32 Conclusit enim Deus omnia in incredulitate: ut omnium misereatur. (eleēsē g1653)
Waaqni hunduma isaaniitiif araara buusuuf jedhee namoota hunda ajajamuu diduu jala galche. (eleēsē g1653)
33 O altitudo divitiarum sapientiæ, et scientiæ Dei: quam incomprehensibilia sunt iudicia eius, et investigabiles viæ eius!
Badhaadhummaan ogummaatii fi beekumsa Waaqaa hammam gad fagaata! Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu! Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu!
34 Quis enim cognovit sensum Domini? Aut quis consiliarius eius fuit?
“Eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke? Yookaan eenyutu gorsaa isaa ture?”
35 Aut quis prior dedit illi, et retribuetur ei?
“Yookaan akka Waaqni deebisee isaaf kennuuf jedhee, eenyutu takkumaa Waaqaaf waa kenne?”
36 Quoniam ex ipso, et per ipsum, et in ipso sunt omnia: ipsi gloria in sæcula. Amen. (aiōn g165)
Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe. Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)

< Romanos 11 >