< Liber Numeri 22 >

1 Profectique castrametati sunt in campestribus Moab, ubi trans Iordanem Iericho sita est.
Israaʼeloonni gara dirree Moʼaabitti qajeelanii Yerikoon gama qarqara Yordaanos qubatan.
2 Videns autem Balac filius Sephor omnia quæ fecerat Israel Amorrhæo,
Baalaaq ilmi Ziphoori waan Israaʼel Amoorotatti hojjete hunda arge;
3 et quod pertimuissent eum Moabitæ, et impetum eius ferre non possent,
Moʼaabis waan sabni sun akka malee baayʼee taʼeef ni sodaate. Moʼaabis sababii Israaʼelootaatiif raafame.
4 dixit ad maiores natu Madian: Ita delebit hic populus omnes, qui in nostris finibus commorantur, quo modo solet bos herbas usque ad radices carpere. Ipse erat eo tempore rex in Moab.
Warri Moʼaabis maanguddoota Midiyaaniin, “Namoonni baayʼeen kunneen akkuma qotiyyoon marga bakkee dheedee fixu sana waan naannoo keenya jiru dheedee fixa” jedhan. Kana irratti Baalaaq ilmi Ziphoori kan yeroo sana mootii Moʼaab ture sun,
5 Misit ergo nuncios ad Balaam filium Beor ariolum, qui habitabat super flumen terræ filiorum Ammon, ut vocarent eum, et dicerent: Ecce egressus est populus ex Ægypto, qui operuit superficiem terræ, sedens contra me.
akka isaan Balaʼaam ilma Beʼoor kan biyyuma itti dhalate keessa laga Efraaxiis bira Phetoori keessa jiraachaa ture sana waamaniif ergamoota erge. Baalaaqis akkana jedhe: “Kunoo, sabni tokko biyya Gibxii baʼee dhufeera; kunoo isaan lafa guutanii natti aananii qubataniiru.
6 Veni igitur, et maledic populo huic, quia fortior me est: Si quo modo possim percutere et eiicere eum de terra mea. Novi enim quod benedictus sit cui benedixeris, et maledictus in quem maledicta congesseris.
Sababii isaan na caalaa humna qabaniif amma kottuutii isaan abaari. Yoos ani isaan moʼadhee biyya keessaa ariʼee isaan baasuu nan dandaʼa taʼa. Ani akka warri ati eebbiftu eebbifaman, warri ati abaartus abaaraman nan beekaatii.”
7 Perrexeruntque seniores Moab, et maiores natu Madian, habentes divinationis pretium in manibus. Cumque venissent ad Balaam, et narrassent ei omnia verba Balac:
Maanguddoonni Moʼaabii fi Midiyaan sun kaʼanii kaffaltii mortuu sanaa fudhatanii deeman. Isaanis yommuu Balaʼaam bira gaʼanitti waan Baalaaq jedheen sana itti himan.
8 ille respondit: Manete hic nocte, et respondebo quidquid mihi dixerit Dominus. Manentibus illis apud Balaam, venit Deus, et ait ad eum:
Balaʼaamis, “Halkan kana asuma bulaa; anis deebii Waaqayyo naaf kennu isinitti nan hima” jedheen. Qondaaltonni Moʼaab sun isuma bira turan.
9 Quid sibi volunt homines isti apud te?
Waaqni gara Balaʼaam dhufee, “Namoonni si wajjin jiran kunneen eenyu?” jedhee gaafate.
10 Respondit: Balac filius Sephor rex Moabitarum misit ad me,
Balaʼaamis akkana jedhee Waaqaaf deebii kenne; “Baalaaq ilmi Ziphoori, mootichi Moʼaab akkana jedhee ergaa kana natti erge:
11 dicens: Ecce populus qui egressus est de Ægypto, operuit superficiem terræ: veni, et maledic ei, si quo modo possim pugnans abigere eum.
‘Kunoo, sabni biyya Gibxii baʼee dhufe tokko lafa guuteera; ati amma kottuutii isaan naaf abaari. Yoos ani isaan lolee ariʼee biyyaa baasuu nan dandaʼa taʼaatii.’”
12 Dixitque Deus ad Balaam: Noli ire cum eis, neque maledicas populo: quia benedictus est.
Waaqayyo garuu Balaʼaamiin, “Isaan wajjin hin deemin. Sababii isaan eebbifamoo taʼaniif ati saba sana hin abaarin” jedhe.
13 Qui mane consurgens dixit ad principes: Ite in terram vestram, quia prohibuit me Dominus venire vobiscum.
Balaʼaam ganama itti aanu kaʼee qondaaltota Baalaaqiin, “Sababii Waaqayyo isin wajjin deemuu na dhowweef, isin amma kaʼaa biyya keessanitti deebiʼaa” jedhe.
14 Reversi principes dixerunt ad Balac: Noluit Balaam venire nobiscum.
Qondaaltonni Moʼaab gara Baalaaqitti deebiʼanii, “Balaʼaam nu wajjin dhufuu dide” jedhaniin.
15 Rursum ille multo plures et nobiliores quam ante miserat, misit.
Baalaaqis qondaaltota warra duraa sana caalaa baayʼee fi caalaa bebeekamoo kan biraa erge.
16 Qui cum venissent ad Balaam, dixerunt: Sic dicit Balac filius Sephor: Ne cuncteris venire ad me:
Isaanis dhufanii Balaʼaamiin akkana jedhan: “Wanni Baalaaq ilmi Ziphoori jedhu kunoo kana: ‘Maaloo wanni tokko iyyuu gara koo dhufuu si hin dhowwin;
17 paratus sum honorare te, et quidquid volueris dabo tibi: veni, et maledic populo isti.
ani ulfina guddaa siif nan kennaatii; waan ati jettu hundas nan guuta. Kottuu saba kana naa abaari.’”
18 Respondit Balaam: Si dederit mihi Balac plenam domum suam argenti et auri, non potero immutare verbum Domini Dei mei, ut vel plus, vel minus loquar.
Balaʼaam garuu akkana jedhee deebiseef; “Utuu Baalaaq masaraa isaa kan meetii fi warqeen guutame sana naaf kenne illee, ani ajaja Waaqayyo Waaqa kootiin alatti waan xinnaa yookaan guddaa tokko illee hojjechuu hin dandaʼu.
19 Obsecro ut hic maneatis etiam hac nocte, et scire queam quid mihi rursum respondeat Dominus.
Akka ani waan Waaqayyo natti himu kan biraa beekuu dandaʼuuf isinis akkuma warra kaanii as bulaa.”
20 Venit ergo Deus ad Balaam nocte, et ait ei: Si vocare te venerunt homines isti, surge, et vade cum eis: ita dumtaxat, ut quod tibi præcepero, facias.
Halkan sana Waaqayyo gara Balaʼaam dhufee, “Sababii namoonni kunneen si waamuu dhufaniif, isaan wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa hojjedhu” jedheen.
21 Surrexit Balaam mane, et strata asina sua profectus est cum eis.
Balaʼaam ganamaan kaʼee harree isaa irra kooraa kaaʼatee qondaaltota Moʼaab sana wajjin deeme.
22 Et iratus est Deus. Stetitque Angelus Domini in via contra Balaam, qui insidebat asinæ, et duos pueros habebat secum.
Waaqni garuu inni deemnaan itti aare; ergamaan Waaqayyoo tokkos isaan mormuuf jedhee karaa irra dhaabate. Balaʼaamis harree isaa yaabbatee deemaa ture; tajaajiltoonni isaa lamaan isa wajjin turan.
23 Cernens asina Angelum stantem in via, evaginato gladio, avertit se de itinere, et ibat per agrum. Quam cum verberaret Balaam, et vellet ad semitam reducere,
Harreen sun immoo ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifatee harkatti qabatee karaa irra dhaabatu arginaan of irra gara galtee karaa irraa gortee lafa qotiisaa seente. Balaʼaamis karaatti ishee deebisuudhaaf harree sana rukute.
24 stetit Angelus in angustiis duarum maceriarum, quibus vineæ cingebantur.
Ergamaan Waaqayyoo sun garuu daandii dhiphoo, iddoo dhaabaa wayinii lama kanneen gama lamaan dallaa qaban gidduu baatu irra dhaabate.
25 Quem videns asina, iunxit se parieti, et attrivit sedentis pedem. At ille iterum verberabat eam:
Harreen sun ergamaa Waaqayyoo arginaan, dallaatti maxxantee miilla Balaʼaam dallaatti buufte. Inni ammas harree sana rukute.
26 et nihilominus Angelus ad locum angustum transiens, ubi nec ad dexteram, nec ad sinistram poterat deviare, obvius stetit.
Ergamaan Waaqayyoos fuula duratti hiiqee daandii dhiphaa iddoo ittiin mirgatti yookaan bitaatti goran hin qabne tokko irra dhaabate.
27 Cumque vidisset asina stantem Angelum, concidit sub pedibus sedentis: qui iratus, vehementius cædebat fuste latera eius.
Harreen sun ergamaa Waaqayyoo arginaan Balaʼaam jalaa gad ciifte; innis aaree ulee ofiitiin harree sana rukute.
28 Aperuitque Dominus os asinæ, et locuta est: Quid feci tibi? cur percutis me, ecce iam tertio?
Kana irratti Waaqayyo afaan harree sanaa banee harreen sun Balaʼaamiin, “Ani maal si yakkinaan ati akkas yeroo sadii na rukutte?” jette.
29 Respondit Balaam: Quia commeruisti, et illusisti mihi: utinam haberem gladium, ut te percuterem.
Balaʼaamis harree sanaan, “Ati na gowwoomsite; ani utuu goraadee of harkaa qabaadhee silaa ammuman si ajjeesa” jedhe.
30 Dixit asina: Nonne animal tuum sum, cui semper sedere consuevisti usque in præsentem diem? dic quid simile umquam fecerim tibi. At ille ait: Numquam.
Harreen sun amma illee Balaʼaamiin akkana jette; “Ani harree kee kan ati hamma harʼaatti guyyaa hunda yaabbattu mitii? Ani takkumaa waan akkasii sitti hojjedhee beekaa?” Innis, “Lakkii” jedhee deebiseef.
31 Protinus aperuit Dominus oculos Balaam, et vidit Angelum stantem in via evaginato gladio, adoravitque eum pronus in terram.
Yommus Waaqayyo ija Balaʼaam bane; Balaʼaamis ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifatee karaa irra dhaabatu arge. Kana irratti inni addaan lafatti gombifamee sagade.
32 Cui Angelus: Cur, inquit, tertio verberas asinam tuam? Ego veni ut adversarer tibi, quia perversa est via tua, mihique contraria:
Ergamaan Waaqayyoo sun akkana jedhee isa gaafate; “Ati maaliif yeroo sadan kana harree kee rukutte? Kunoo ani waan karaan kee fuula koo duratti jalʼaa taʼeef siin mormuudhaafan dhufe.
33 et nisi asina declinasset de via, dans locum resistenti, te occidissem, et illa viveret.
Harreen kun na argitee yeroo kana sadanuu narraa gorte. Utuu isheen narraa goruu baattee silaa ani yoona si ajjeesee ishee immoo hambisa ture.”
34 Dixit Balaam: Peccavi, nesciens quod tu stares contra me: et nunc si displicet tibi ut vadam, revertar.
Balaʼaamis ergamaa Waaqayyootiin, “Ani cubbuu hojjedheera. Ani akka ati naan mormuuf jettee karaa irra dhaabatte hin hubanne. Ammas yoo sitti hin tolin ani nan deebiʼa” jedhe.
35 Ait Angelus: Vade cum istis, et cave ne aliud quam præcepero tibi loquaris. Ivit igitur cum principibus.
Ergamaan Waaqayyoo sunis Balaʼaamiin, “Namoota kana wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa dubbadhu” jedhe. Akkasiin Balaʼaam qondaaltota Baalaaq sana wajjin deeme.
36 Quod cum audisset Balac, egressus est in occursum eius in oppido Moabitarum, quod situm est in extremis finibus Arnon.
Baalaaqis akka Balaʼaam dhufaa jiru dhageenyaan, magaalaa Moʼaab kan daarii Arnoon irratti argamtutti isa simachuudhaaf kaʼee deeme.
37 Dixitque ad Balaam: Misi nuncios ut vocarent te, cur non statim venisti ad me? an quia mercedem adventui tuo reddere nequeo?
Baalaaqis Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani dhaamsa ariifachiisaa sitti hin erginee? Ati maaliif na bira hin dhufne? Ani dhugumaan ulfina siif kennuu hin dandaʼuu?”
38 Cui ille respondit: Ecce adsum: numquid loqui potero aliud, nisi quod Deus posuerit in ore meo?
Balaʼaamis, “Kunoo ani si bira dhufeera. Garuu ani waanuman arge dubbachuu nan dandaʼaa? Ani waanuma Waaqni afaan koo keessa kaaʼu qofan dubbachuu qaba” jedhee deebise.
39 Perrexerunt ergo simul, et venerunt in urbem, quæ in extremis regni eius finibus erat.
Balaʼaamis kaʼee Baalaaq wajjin Qiiriyaati Haxoti dhaqe.
40 Cumque occidisset Balac boves et oves, misit ad Balaam, et principes qui cum eo erant, munera.
Baalaaq loonii fi hoolaa aarsaa dhiʼeessee gara tokko Balaʼaamii fi qondaaltota isa wajjin turaniif kenne.
41 Mane autem facto duxit eum ad excelsa Baal, et intuitus est extremam partem populi.
Ganama itti aanus Baalaaq, Balaʼaamin Baamooti Baʼaalitti ol baase; innis achi dhaabatee saba Israaʼel warra daangaa gamaa irra jiran arge.

< Liber Numeri 22 >