< Exodus 24 >

1 Moysi quoque dixit: Ascende ad Dominum tu, et Aaron, Nadab, et Abiu, et septuaginta senes ex Israel, et adorabitis procul.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Atii fi Aroon, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoota Israaʼel keessaas namoonni torbaatamni gara Waaqayyotti ol baʼaa; alaalatti sagadaa;
2 Solusque Moyses ascendet ad Dominum, et illi non appropinquabunt: nec populus ascendet cum eo.
garuu Museen qofti Waaqayyotti haa dhiʼaatu; warri kaan immoo hin dhiʼaatin. Sabni isa wajjin ol hin baʼin.”
3 Venit ergo Moyses et narravit plebi omnia verba Domini, atque iudicia: responditque omnis populus una voce: Omnia verba Domini, quæ locutus est, faciemus.
Museenis dhaqee dubbii fi seera Waaqayyoo hunda saba sanatti hime; sabni sunis, “Nu waan Waaqayyo jedhe hunda ni goona” jedhee afaan tokkoon deebise.
4 Scripsit autem Moyses universos sermones Domini: et mane consurgens ædificavit altare ad radices montis, et duodecim titulos per duodecim tribus Israel.
Ergasii Museen waan Waaqayyo dubbatte hunda barreesse. Guyyaa itti aanu ganamaanis kaʼee miilla tulluu jalatti iddoo aarsaa ijaare; utubaa dhagaa kudha lama kanneen gosoota Israaʼel kudha lamaan iddoo buʼanis dhaabe.
5 Misitque iuvenes de filiis Israel, et obtulerunt holocausta, immolaveruntque victimas pacificas Domino, vitulos.
Innis dargaggoota Israaʼel erge; isaanis aarsaa gubamuu fi jiboota aarsaa nagaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
6 Tulit itaque Moyses dimidiam partem sanguinis, et misit in crateras: partem autem residuam fudit super altare.
Museenis walakkaa dhiiga sanaa waciitiitti naqe; walakkaa hafe immoo iddoo aarsaa irratti faffacaase.
7 Assumensque volumen fœderis, legit audiente populo: qui dixerunt: Omnia quæ locutus est Dominus, faciemus, et erimus obedientes.
Innis kitaaba kakuu fuudhee saba sanaaf dubbise. Isaanis, “Nu waan Waaqayyo jedhe hunda ni goona; ni ajajamnas” jedhanii deebisan.
8 Ille vero sumptum sanguinem respersit in populum, et ait: Hic est sanguis fœderis quod pepigit Dominus vobiscum super cunctis sermonibus his.
Yommus Museen dhiiga sana fuudhee sabatti faffacaasee, “Kunoo kun dhiiga kakuu kan Waaqayyo akkuma dubbii kana hundaatti isinii dhaabee dha” jedhe.
9 Ascenderuntque Moyses et Aaron, Nadab et Abiu, et septuaginta de senioribus Israel:
Musee fi Aroon, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoonni Israaʼel torbaatamnis ol baʼanii
10 et viderunt Deum Israel: et sub pedibus eius quasi opus lapidis sapphirini, et quasi cælum, cum serenum est.
Waaqa Israaʼel argan. Miilla isaa jalattis waan akka afaa dhagaa Sanpeer kan akkuma samiitti qulqullaaʼe tokkotu afamee ture.
11 Nec super eos qui procul recesserant de filiis Israel, misit manum suam, videruntque Deum, et comederunt, ac biberunt.
Waaqni garuu qondaaltota saba Israaʼel kanneenitti harka isaa ol itti hin kaafne; isaan Waaqa argan; ni nyaatan; ni dhuganis.
12 Dixit autem Dominus ad Moysen: Ascende ad me in montem, et esto ibi: daboque tibi tabulas lapideas, et legem ac mandata quæ scripsi: ut doceas eos.
Waaqayyos Museedhaan, “Gara kootti tulluutti ol baʼi; asis turi; anis gabateewwan dhagaa kanneen ani akka qajeelfama isaanii taʼuuf seeraa fi ajajawwan itti barreesse siif nan kenna” jedhe.
13 Surrexerunt Moyses et Iosue minister eius: ascendensque Moyses in montem Dei,
Ergasii Museen gargaaraa isaa Iyyaasuu wajjin kaʼee deeme; Museenis tulluu Waaqaatti ol baʼe.
14 senioribus ait: Expectate hic donec revertamur ad vos. Habetis Aaron et Hur vobiscum: si quid natum fuerit quæstionis, referetis ad eos.
Innis maanguddoota sanaan akkana jedhe; “Hamma nu gara keessanitti deebinutti asitti nu eegaa. Kunoo Aroonii fi Huuri isin bira jiran; namni falmii qabu isaan bira dhaquu dandaʼa.”
15 Cumque ascendisset Moyses, operuit nubes montem.
Yeroo Museen tulluutti ol baʼetti duumessi tulluu sana haguuge;
16 Et habitavit gloria Domini super Sinai, tegens illum nube sex diebus: septimo autem die vocavit eum de medio caliginis.
ulfinni Waaqayyoos Tulluu Siinaa irra buʼe. Duumessi sunis guyyaa jaʼa tulluu sana haguuge; guyyaa torbaffaatti immoo Waaqayyo duumessicha keessaa Musee waame.
17 Erat autem species gloriæ Domini, quasi ignis ardens super verticem montis in conspectu filiorum Israel.
Ulfinni Waaqayyoos ibidda waa gubu fakkaatee fiixee tulluu irraa saba Israaʼelitti mulʼachaa ture.
18 Ingressusque Moyses medium nebulæ, ascendit in montem: et fuit ibi quadraginta diebus, et quadraginta noctibus.
Museen tulluutti ol baʼee duumessa keessa seene. Innis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irra ture.

< Exodus 24 >