< Deuteronomii 21 >

1 Quando inventum fuerit in terra, quam Dominus Deus tuus daturus est tibi, hominis cadaver occisi, et ignorabitur cædis reus,
Yoo namni tokko biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti duʼee argamee namni isa ajjeese hin beekamin,
2 egredientur maiores natu, et iudices tui, et metientur a loco cadaveris singularum per circuitum spatia civitatum:
maanguddoonni keetii fi abbootiin murtii kee dhaqanii fageenya iddoo inni itti duʼee fi magaalaawwan itti dhiʼaatan gidduu jiru haa safaran.
3 et quam viciniorem ceteris esse perspexerint, seniores civitatis illius tollent vitulam de armento, quæ non traxit iugum, nec terram scidit vomere,
Ergasiis maanguddoonni magaalaa reeffichatti aantu keessa jiraatan goromsa takkumaa hin hojjetin kan waanjoo hin baatin fuudhanii
4 et ducent eam ad vallem asperam atque saxosam, quæ numquam arata est, nec sementem recepit: et cædent in ea cervices vitulæ:
goromsa sana gara sulula hin qotamin yookaan wanni tokko iyyuu irra hin facaafamin kan bishaan yaaʼu qabuutti haa geessan. Sulula sana keessattis morma goromsa sanaa haa cabsan.
5 accedentque sacerdotes filii Levi, quos elegerit Dominus Deus tuus ut ministrent ei, et benedicant in nomine eius, et ad verbum eorum omne negotium, et quidquid mundum, vel immundum est, iudicetur.
Luboonni jechuunis ilmaan Lewwii sababii akka tajaajilanii fi akka maqaa Waaqayyootiin eebbisaniif, akka dubbii wal dhabiisaatii fi miidhaa dhagnaa kami irratti iyyuu murtii kennaniif Waaqayyo Waaqa keetiin filatamaniif isaan fuulduraatti haa dhiʼaatan.
6 Et venient maiores natu civitatis illius ad interfectum, lavabuntque manus suas super vitulam, quæ in valle percussa est,
Ergasii maanguddoonni magaalaa reeffichatti baayʼee dhiʼaatuu hundi goromsa sulula keessatti mormi cabsame sana irratti harka isaanii haa dhiqatan.
7 et dicent: Manus nostræ non effuderunt sanguinem hunc, nec oculi viderunt.
Isaanis akkana haa jedhan: “Harki keenya dhiiga kana hin dhangalaafne yookaan yommuu wanni kun hojjetame iji keenya hin argine.
8 Propitius esto populo tuo Israel, quem redemisti Domine, et ne reputes sanguinem innocentem in medio populi tui Israel. Et auferetur ab eis reatus sanguinis:
Yaa Waaqayyo, aarsaa araaraa kana saba kee Israaʼel kan furte sanaaf fudhadhu; dhiiga nama qulqulluu kanaas saba keetti hin herregin. Yakkii dhiiga dhangalaafamees isaanii haa dhiifamu.
9 tu autem alienus eris ab innocentis cruore, qui fusus est, cum feceris quod præcepit Dominus.
Atis sababii waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjetteef yakka dhangalaafamuu dhiiga nama qajeelaa akkasiin gidduu keetii ni balleessita.”
10 Si egressus fueris ad pugnam contra inimicos tuos, et tradiderit eos Dominus Deus tuus in manu tua, captivosque duxeris,
Ati yommuu diinota kee loluuf duultee Waaqayyo Waaqni kee dabarsee harka keetti isaan siif kennee boojuu fudhattutti,
11 et videris in numero captivorum mulierem pulchram, et adamaveris eam, voluerisque habere uxorem,
yoo warra boojiʼaman keessatti dubartii bareedduu tokko argitee ishee jaallatte niitii ofii keetii godhattee ishee fuudhuu dandeessa.
12 introduces eam in domum tuam: quæ radet cæsariem, et circumcidet ungues,
Mana keetti ishee galchi; isheenis mataa ishee haa haaddattu; qeensa ishees haa qorattu;
13 et deponet vestem, in qua capta est: sedensque in domo tua, flebit patrem et matrem suam uno mense: et postea intrabis ad eam, dormiesque cum illa, et erit uxor tua.
uffata isheen yeroo boojiʼamtetti uffachaa turtes irraa baasi. Erga isheen mana kee keessa jiraattee jiʼa tokko guutuu abbaa fi haadha isheetiif boossee booddee ati ishee wajjin ciiftee dhirsa ishee taʼuu dandeessa; isheenis niitii kee ni taati.
14 Si autem postea non sederit animo tuo, dimittes eam liberam, nec vendere poteris pecunia, nec opprimere per potentiam: quia humiliasti eam.
Ati yoo isheetti gammaduu baatte akka isheen gara feete deemtu gad dhiisi. Ati waan ishee salphifteef ishee gurguruu yookaan akka garbittiitti ishee ilaaluu hin qabdu.
15 Si habuerit homo uxores duas, unam dilectam, et alteram odiosam, genuerintque ex eo liberos, et fuerit filius odiosæ primogenitus,
Namni tokko yoo niitota lama qabaatee ishee tokko jaallatee garuu lamaan isaanii iyyuu ilmaan daʼaniif, yoo ilmi hangafni niitii inni hin jaallanne sana irraa dhalate,
16 volueritque substantiam inter filios suos dividere: non poterit filium dilectæ facere primogenitum, et præferre filio odiosæ,
namichi yommuu qabeenya isaa ilmaan isaatiif qoodutti mirga hangafummaa ilma niitii jibbe sanaa ilma niitii jaallatuutiif dabarsee kennuu hin qabu.
17 sed filium odiosæ agnoscet primogenitum, dabitque ei de his quæ habuerit cuncta duplicia: iste est enim principium liberorum eius, et huic debentur primogenita.
Garuu ilma hangafticha niitii hin jaallanne sana irraa dhalcheef qooda dhaala isaa keessaa harka lama kennuufiidhaan isa beeksisuu qaba. Ilmi sun mallattoo jalqabaa kan jabina abbaa isaa ti. Mirgi hangafummaa kan isaa ti.
18 Si genuerit homo filium contumacem et protervum, qui non audiat patris aut matris imperium, et coercitus obedire contempserit:
Namni tokko yoo ilma mata jabeessaa fi fincilaa abbaa fi haadha isaatiif hin ajajamnee fi kan yommuu isa adaban hin dhageenye qabaate,
19 apprehendent eum, et ducent ad seniores civitatis illius, et ad portam iudicii,
abbaa fi haati isaa qabanii balbala magaalaa isaa duratti maanguddootatti isa haa fidan.
20 dicentque ad eos: Filius noster iste protervus et contumax est, monita nostra audire contemnit, comessationibus vacat, et luxuriæ atque conviviis:
Isaanis, “Gurbaan keenya kun mata jabeessaa fi fincilaa dha; nuuf hin ajajamu; inni albaadhessaa fi machooftuu dha” jedhanii maanguddootatti haa himan.
21 lapidibus eum obruet populus civitatis: et morietur, ut auferatis malum de medio vestri, et universus Israel audiens pertimescat.
Ergasiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa ajjeesu. Ati hamaa of gidduudhaa baasuu qabda. Israaʼeloonni hundi waan kana dhagaʼanii ni sodaatu.
22 Quando peccaverit homo quod morte plectendum est, et adiudicatus morti appensus fuerit in patibulo:
Yoo namni tokko cubbuu adabbii duʼa isatti mursiisu hojjetee ajjeefamee reeffi isaa mukatti fannifame,
23 non permanebit cadaver eius in ligno, sed in eadem die sepelietur: quia maledictus a Deo est qui pendet in ligno: et nequaquam contaminabis Terram tuam, quam Dominus Deus tuus dederit tibi in possessionem.
ati reeffa isaa muka irra bulchuu hin qabdu. Waan namni muka irratti fannifamu abaarsa Waaqaa jala jiruuf isa gaafuma sana awwaali. Ati biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu hin xureessin.

< Deuteronomii 21 >