< I Paralipomenon 11 >

1 Congregatus est igitur omnis Israel ad David in Hebron, dicens: Os tuum sumus, et caro tua.
Israaʼeloonni hundinuu Kebroonitti Daawit biratti walitti dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti.
2 Heri quoque, et nudiustertius cum adhuc regnaret Saul, tu eras qui educebas, et introducebas Israel: tibi enim dixit Dominus Deus tuus: Tu pasces populum meum Israel, et tu eris princeps super eum.
Duraan, yeroo Saaʼol mootii turetti iyyuu namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyoo Waaqni kees, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
3 Venerunt ergo omnes maiores natu Israel ad regem in Hebron, et iniit David cum eis fœdus coram Domino: unxeruntque eum regem super Israel, iuxta sermonem Domini, quem locutus est in manu Samuel.
Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit Mooticha bira dhufanitti, inni Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale. Isaanis akkuma Waaqayyo karaa Saamuʼeeliin abdachiise sanatti dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
4 Abiit quoque David, et omnis Israel in Ierusalem. Hæc est Iebus, ubi erant Iebusæi habitatores terræ.
Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu gara Yerusaalemitti jechuunis Yebuusiitti ni qajeelan. Yebuusonni achi jiraatan garuu
5 Dixeruntque qui habitabant in Iebus ad David: Non ingredieris huc. Porro David cepit arcem Sion, quæ est Civitas David,
Daawitiin, “Ati as hin seentu” jedhan. Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon jechuunis Magaalaa Daawit ni qabate.
6 dixitque: Omnis qui percusserit Iebusæum in primis, erit princeps et dux. Ascendit igitur primus Ioab filius Sarviæ, et factus est princeps.
Daawitis, “Namni duraan dursee dhaqee Yebuusota lolu ajajaa loltootaa taʼa” jedhee ture. Yooʼaab ilmi Zeruuyaa jalqabatti baʼe; kanaafuu inni ajajaa waraanaa taʼe.
7 Habitavit autem David in arce, et idcirco appellata est Civitas David.
Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana keessa godhate; kanaafuu daʼannoon sun Magaalaa Daawit jedhamee waamame.
8 Ædificavitque urbem in circuitu a Mello usque ad gyrum: Ioab autem reliqua urbis extruxit.
Innis Miiloodhaa jalqabee naannoo isheetti dallaa dhagaa ni ijaare; Yooʼaab immoo kutaa Magaalaa sanaa kan hafe deebisee ijaare.
9 Proficiebatque David vadens et crescens, et Dominus exercituum erat cum eo.
Daawitis sababii Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
10 Hi principes virorum fortium David, qui adiuverunt eum ut rex fieret super omnem Israel iuxta verbum Domini, quod locutus est ad Israel.
Namoota Daawit warra jajjaboo keessaa hangafoonni kanneenii dha; isaanis akkuma Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbate sanatti mootii isa gochuuf jedhanii saba Israaʼel hunda wajjin mootummaa isaa keessatti gargaarsa guddaa godhaniif.
11 Et iste numerus robustorum David: Iesbaam filius Hachamoni princeps inter triginta: iste levavit hastam suam super trecentos vulneratos una vice.
Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yaashobiʼaam namichi gosa Hakmooni hangafa ajajjoota sanaa ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba sadii fixe.
12 Et post eum Eleazar filius patrui eius Ahohites, qui erat inter tres potentes.
Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar namicha gosa Ahooʼaa, ilma Doodoo ture; innis namoota jajjaboo sadan sana keessaa tokko ture.
13 Iste fuit cum David in Phesdomim, quando Philisthiim congregati sunt ad locum illum in prælium: et erat ager regionis illius plenus hordeo, fugeratque populus a facie Philisthinorum.
Eleʼaazaar yeroo Filisxeemonni waraanaaf walitti qabamanii turanitti Daawit wajjin Phaas Damiim ture. Loltoonnis lafa qotiisaa kan garbuudhaan guutame tokko biratti Filisxeemota duraa baqatan.
14 Hi steterunt in medio agri, et defenderunt eum: cumque percussissent Philisthæos, dedit Dominus salutem magnam populo suo.
Innii fi Daawit garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatan. Isaanis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixan; Waaqayyos moʼannaa guddaa isaaniif kenne.
15 Descenderunt autem tres de triginta principibus ad petram, in qua erat David, ad speluncam Odollam, quando Philisthiim fuerant castrametati in Valle Raphaim.
Utuma gareen Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessa qubatee jiruu hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara kattaa holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
16 Porro David erat in præsidio, et statio Philisthinorum in Bethlehem.
Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
17 Desideravit igitur David, et dixit: O si quis daret mihi aquam de cisterna Bethlehem, quæ est in porta!
Daawitis dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
18 Tres ergo isti per media castra Philisthinorum perrexerunt, et hauserunt aquam de cisterna Bethlehem, quæ erat in porta, et attulerunt ad David ut biberet: qui noluit, sed magis libavit illam Domino,
Kanaafuu namoonni Sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
19 dicens: Absit ut in conspectu Dei mei hoc faciam, et sanguinem istorum virorum bibam: quia in periculo animarum suarum attulerunt mihi aquam. Et ob hanc causam noluit bibere. Hæc fecerunt tres robustissimi.
Innis, “Akka ani waan kana hin goone Waaqni narraa haa fageessu! Ani dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqan kanaa nan dhugaa?” jedhe. Sababii isaan lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqanii fidaniif Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture.
20 Abisai quoque frater Ioab ipse erat princeps trium, et ipse levavit hastam suam contra trecentos vulneratos, et ipse erat inter tres nominatissimus,
Abiishaayi obboleessi Yooʼaab hoogganaa Sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota Sadan sanaa beekamaa taʼe.
21 et inter tres secundos inclytus, et princeps eorum: verumtamen usque ad tres primos non pervenerat.
Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu warra Sadan caalaa ulfina argatee ajajaa isaanii taʼe.
22 Banaias filius Ioiadæ viri robustissimi, qui multa opera perpetrarat, de Cabseel: ipse percussit duos ariel Moab: et ipse descendit, et interfecit leonem in media cisterna tempore nivis.
Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
23 Et ipse percussit virum Ægyptium, cuius statura erat quinque cubitorum, et habebat lanceam ut liciatorium texentium: descendit igitur ad eum cum virga, et rapuit hastam, quam tenebat manu. Et interfecit eum hasta sua.
Namicha biyya Gibxi kan dhundhuma shan dheeratu tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo akka danqaraa wayya dhooftuu harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe. Innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
24 Hæc fecit Banaias filius Ioiadæ, qui erat inter tres robustos nominatissimus,
Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
25 inter triginta primus, verumtamen ad tres usque non pervenerat: posuit autem eum David ad auriculam suam.
Inni namoota Soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
26 Porro fortissimi viri in exercitu, Asahel frater Ioab, et Elchanan filius patrui eius de Bethlehem,
Namoonni jajjaboon sunis kanneenii dha: Asaaheel obboleessa Yooʼaab, Elhaanaan namicha Beetlihem ilma Doodoo,
27 Sammoth Arorites, Helles Pharonites,
Shamoot namicha gosa Haroor, Heleez namicha gosa Pheloonaa,
28 Ira filius Acces Thecuites, Abiezer Anathothites,
Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa, Abiiʼezer nama Anaatoot,
29 Sobbochai Husathites, Ilai Ahohites,
Siibekaay nama biyya Hushaa, Iilaayi nama Ahooʼaa,
30 Maharai Netophathites, Heled filius Baana Netophathites,
Maharaayi nama Netoofaa, Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa,
31 Ethai filius Ribai de Gabaath filiorum Beniamin, Banaia Pharatonites,
gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay, namicha Gibeʼaa, Benaayaa nama Phiraatoon,
32 Hurai de Torrente Gaas, Abiel Arbathites, Azmoth Bauramites, Eliaba Salabonites.
Huuraayi namicha sululoota Gaʼaash, Abiiʼeel namicha biyya Arbaa,
33 Filii Assem Gezonites, Ionathan filius Sage Ararites,
Azmaawet namicha Baharuum, Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon,
34 Ahiam filius Sachar Ararites,
ilmaan Haasheem namicha Gizoon, Yoonaataan ilma Shaagee namicha Haraaraa,
35 Eliphal filius Ur,
Ahiiʼaam ilma Saakaar namicha Haraaraa, Eliifaal ilma Uuri,
36 Hepher Mecherathites, Ahia Phelonites,
Heefer namicha Mekeeraataa, Ahiiyaa namicha Pheloonaa,
37 Hesro Carmelites, Naarai filius Asbai,
Hezroo nama Qarmeloos, Naʼaraayi ilma Ezbayi,
38 Ioel frater Nathan, Mibahar filius Agarai.
Yooʼeel obboleessa Naataanii, Mibehaar ilma Hagrii,
39 Selec Ammonites, Naharai Berothites armiger Ioab filii Sarviæ.
Zeleq namicha gosa Amoon, Nahaaraay namicha Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana,
40 Ira Iethræus, Gareb Iethræus,
Iiraas namicha gosa Yitraa, Gaareeb namicha gosa Yitraa,
41 Urias Hethæus, Zabad filius Oholi,
Uuriyaa namicha Heet, Zaabaad ilma Ahilayi,
42 Adina filius Siza Rubenites princeps Rubenitarum, et cum eo triginta:
Aadiinaa ilma Shiizaa namicha gosa Ruubeen, inni hoogganaa Ruubeenotaatii fi kan namoota Soddomman isa wajjin turanii ti;
43 Hanan filius Maacha, et Iosaphat Mathanites,
Haanaan ilma Maʼakaa, Yooshaafaaxi namicha Miitinaa,
44 Ozia Astarothites, Samma, et Iehiel filii Hotham Arorites,
Uziyaa namicha Ashteraati, Shaamaaʼii fi Yeʼiiʼeel ilmaan Hootaam namicha Aroʼeer,
45 Iedihel filius Samri, et Ioha frater eius Thosaites,
Yediʼyaaʼeel ilma Shimrii, obboleessa isaa Yoohaa namicha Tiizii,
46 Eliel Mahumites, et Ieribai, et Iosaia filii Elnaem, et Iethma Moabites,
Eliiʼeel namicha Mahawaa, Yeriibaayii fi Yooshabiyaa ilmaan Elnaʼam, Yitmaa namicha Moʼaab,
47 Eliel, et Obed, et Iasiel de Masobia.
Eliiʼeel, Oobeedii fi Yaʼisiiʼel namicha Mezoobaa.

< I Paralipomenon 11 >