< Apocalypsis 4 >

1 Post hæc vidi: et ecce ostium apertum in cælo, et vox prima, quam audivi tamquam tubæ loquentis mecum, dicens: Ascende huc, et ostendam tibi quæ oportet fieri post hæc.
Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa” jedhe.
2 Et statim fui in spiritu: et ecce sedes posita erat in cælo, et supra sedem sedens.
Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture.
3 Et qui sedebat similis erat aspectui lapidis jaspidis, et sardinis: et iris erat in circuitu sedis similis visioni smaragdinæ.
Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa yaasphiidiitii fi sardiyoon fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi fakkaatutu ture.
4 Et in circuitu sedis sedilia viginti quatuor: et super thronos viginti quatuor seniores sedentes, circumamicti vestimentis albis, et in capitibus eorum coronæ aureæ.
Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan.
5 Et de throno procedebant fulgura, et voces, et tonitrua: et septem lampades ardentes ante thronum, qui sunt septem spiritus Dei.
Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha.
6 Et in conspectu sedis tamquam mare vitreum simile crystallo: et in medio sedis, et in circuitu sedis quatuor animalia plena oculis ante et retro.
Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan.
7 Et animal primum simile leoni, et secundum animal simile vitulo, et tertium animal habens faciem quasi hominis, et quartum animal simile aquilæ volanti.
Uumamni lubbuu qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa barrisu fakkaata ture.
8 Et quatuor animalia, singula eorum habebant alas senas: et in circuitu, et intus plena sunt oculis: et requiem non habebant die ac nocte, dicentia: Sanctus, Sanctus, Sanctus Dominus Deus omnipotens, qui erat, et qui est, et qui venturus est.
Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.
9 Et cum darent illa animalia gloriam, et honorem, et benedictionem sedenti super thronum, viventi in sæcula sæculorum, (aiōn g165)
Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, (aiōn g165)
10 procidebant viginti quatuor seniores ante sedentem in throno, et adorabant viventem in sæcula sæculorum, et mittebant coronas suas ante thronum, dicentes: (aiōn g165)
maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu: (aiōn g165)
11 Dignus es Domine Deus noster accipere gloriam, et honorem, et virtutem: quia tu creasti omnia, et propter voluntatem tuam erant, et creata sunt.
“Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”

< Apocalypsis 4 >