< Timotheum Ii 4 >
1 Testificor coram Deo, et Jesu Christo, qui judicaturus est vivos et mortuos, per adventum ipsius, et regnum ejus:
Ani fuula Waaqaa duratti, fuula Kiristoos Yesuus isa warra jiraatanii fi warra duʼanitti muruuf jiruu durattis mulʼachuu isaatii fi mootummaa isaatiin sin gorsa.
2 prædica verbum, insta opportune, importune: argue, obsecra, increpa in omni patientia, et doctrina.
Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis.
3 Erit enim tempus, cum sanam doctrinam non sustinebunt, sed ad sua desideria coacervabunt sibi magistros, prurientes auribus,
Yeroon itti namoonni barsiisa dhugaa dhagaʼuuf obsa hin qabaanne ni dhufaatii. Qooda kanaa akka waan gurri isaanii inni hooqsisu sun dhagaʼuu barbaadu itti himaniif hawwii isaanii guutachuuf barsiistota baayʼee ofii isaaniitiif walitti qabatu.
4 et a veritate quidem auditum avertent, ad fabulas autem convertentur.
Gurra isaaniis dhugaa dhagaʼuu irraa garagalchanii gara oduu hundee hin qabneetti deebisu.
5 Tu vero vigila, in omnibus labora, opus fac evangelistæ, ministerium tuum imple. Sobrius esto.
Ati garuu waan hunda keessatti ilaallachaa deemi; rakkina obsi; hojii tajaajilaan wangeelaa tokko hojjetu hojjedhu; tajaajila kees fiixaan baasi.
6 Ego enim jam delibor, et tempus resolutionis meæ instat.
Ani ammuma iyyuu akka dhibaayyuutti dhangalaafamuuf qophaaʼeera; yeroon deemsa koos gaʼeera.
7 Bonum certamen certavi, cursum consummavi, fidem servavi.
Ani lola gaarii loleera; dorgommii xumureera; amantiis eegeera.
8 In reliquo reposita est mihi corona justitiæ, quam reddet mihi Dominus in illa die, justus judex: non solum autem mihi, sed et iis, qui diligunt adventum ejus.
Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti.
9 Festina ad me venire cito.
Dafii gara koo kottu;
10 Demas enim me reliquit, diligens hoc sæculum, et abiit Thessalonicam: Crescens in Galatiam, Titus in Dalmatiam. (aiōn )
Deemaas addunyaa kana jaallatee na dhiisee gara Tasaloniiqee deemeeraatii. Qeerqis gara Galaatiyaa, Tiitoon immoo gara Dilmaaxiyaa deemaniiru. (aiōn )
11 Lucas est mecum solus. Marcum assume, et adduc tecum: est enim mihi utilis in ministerium.
Luqaas qofatu na bira jira. Maarqos waan tajaajila koo keessatti na gargaaruuf isa of duukaa fidii kottu.
12 Tychicum autem misi Ephesum.
Ani Xikiqoosin Efesoonitti ergeera.
13 Penulam, quam reliqui Troade apud Carpum, veniens affer tecum, et libros, maxime autem membranas.
Ati yommuu dhuftutti waaroo ani Xirooʼaasitti Kaariphoos biratti dhiisee fi kitaabota maramoo, keessumattuu kitaabota gogaa duugamaa sana naa fidi.
14 Alexander ærarius multa mala mihi ostendit: reddet illi Dominus secundum opera ejus:
Iskindiroos tumtuun naasii sun akka malee natti hammaate. Gooftaan akka hojii isaatti ni deebisaaf.
15 quem et tu devita: valde enim restitit verbis nostris.
Namichi kun waan akka malee ergaa keenya mormeef atis isa irraa of eeggachuu qabda.
16 In prima mea defensione nemo mihi affuit, sed omnes me dereliquerunt: non illis imputetur.
Yeroo ani falmata koo kan jalqabaa dhiʼeeffadhetti hundi isaanii iyyuu na dhiisanii deeman malee namni tokko iyyuu na hin gargaarre. Anis akka wanni kun isaanitti hin lakkaaʼamneef Waaqa nan kadhadha.
17 Dominus autem mihi astitit, et confortavit me, ut per me prædicatio impleatur, et audiant omnes gentes: et liberatus sum de ore leonis.
Garuu akka karaa kootiin ergaan guutummaatti lallabamuu fi akka Namoonni Ormaa hundi dhagaʼaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jajjabeesse. Anis afaan leencaa jalaa nan baafame.
18 Liberavit me Dominus ab omni opere malo: et salvum faciet in regnum suum cæleste, cui gloria in sæcula sæculorum. Amen. (aiōn )
Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen. (aiōn )
19 Saluta Priscam, et Aquilam, et Onesiphori domum.
Phirisqilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesifooros jiraatanittis nagaa naa himi.
20 Erastus remansit Corinthi. Trophimum autem reliqui infirmum Mileti.
Erisxoos Qorontositti hafe; Xiroofiimoos immoo dhukkubsannaan ani Miilexoositti isa dhiise.
21 Festina ante hiemem venire. Salutant te Eubulus, et Pudens, et Linus, et Claudia, et fratres omnes.
Gannaan dura dafii kottu. Ewugiloos nagaa siif dhaama; Phuudeniis, Liinoos, Qilaawudiyaa fi obboloonni hundinuus akkasuma nagaa siif dhaamu.
22 Dominus Jesus Christus cum spiritu tuo. Gratia vobiscum. Amen.
Gooftaan hafuura kee wajjin haa taʼu. Ayyaanni si wajjin haa taʼu.