< Insinulo 5 >
1 Linu nichinabona kwiyanza lya bulyo lyozo yabekele hachipula chachilena, mumbuka iñoletwe kumambali yakubusu ni kumbali yakumasule. Ibalamikitwe ni zilamatela zikwana iyanza ni zobele.
Anis harka mirga isa teessoo irra taaʼe sanaa irratti kitaaba maramaa keessaa fi duubaan itti barreeffamee chaappaa torbaan cufame tokko nan arge.
2 Chinabona iñiloi lina maata nilitabeleza chenzwi ikando, “Njeni yoswanela kwiyalula imbuka ni kulamutula chilamatela chateni?”
Anis ergamaa Waaqaa isa jabaa sagalee guddaadhaan, “Chaappaa hiikuun, kitaaba maramaas banuun kan maluuf eenyu inni?” jedhee labsu tokko nan arge.
3 Kakwina nanga yenke mwiulu kapa hansi mwikonde lye inkanda ya ba kuwola kwiyalula imbuka kapa kuibala.
Garuu namni tokko iyyuu samii keessaa yookaan lafa irraa yookaan lafa jalaa kitaaba maramaa banuu yookaan keessa isaa iyyuu ilaaluu hin dandeenye.
4 Ni balili chakuchiswa kakuti kakwina yenke ya bawaniki yo swanela kwi yalula imbuka kapa kwibala.
Anis waan namni kitaaba maramaa banuun yookaan keessa isaa ilaaluun maluuf tokko iyyuu dhabameef baayʼisee nan booʼe.
5 Kono zumwi wa bakulwana ni chawamba kwangu, “Kanji ulili. Lole! Undavu wamushobo wa Majuda, Muhisi wa Davida, abazundi. U wola kwiyalula imbuka ni zilamatela zateni zikwana iyanza ni obele.
Ergasiis maanguddoota sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin! Kunoo, Leenci gosa Yihuudaa, Hiddi Daawit moʼateera. Inni kitaabicha maramaa banuu, chaappaa isaa torbanuus hiikuu ni dandaʼa” naan jedhe.
6 Ni baboni Imbelele i zimene mukati kachipula chachilena ni zibumbantu zone zihala ni mukati ka bakulwana. A ba kuboneka sina ya behaitwe. a bena maziya a kwanisa iyanza ni obele ni menso a kwanisa iyanza ni obele; awo nji mahuho a kwanisa iyanza a Ireeza a batumitwe mwinkanda yonse.
Anis Hoolaa waan qalame fakkaatee teessoo walakkaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddootaan marfamee dhaabatu tokko arge. Hoolichis gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; iji torban kunneenis Hafuurota Waaqaa kanneen gara lafa hundaatti ergaman torbanii dha.
7 A bayendi mi ni kukaonda imbuka kuzwisa kwi yanza lyachilyo lyozo ya bekele hachipula chachilena.
Innis dhufee harka mirgaa isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa irraa kitaaba maramaa fudhate.
8 Linu Imbelele chiyahinda imbuka, zibumbantu zone zihala ni bakulwana bamakumi obele ni bone ba balibonahazi abo bene habusu bwakwe. Zumwi ni zumwi wabo a bakukwete i harepa ni kasuba ke gauda kezwile isense, zibali intapelo za bazumine.
Yommuu inni kitaaba maramaa sana fudhatettis uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddoonni digdamii afran fuula Hoolichaa duratti kufan. Tokkoon tokkoon isaanii baganaa qabu turan; isaanis miʼa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi kan ixaanni keessa guute harkaa qabu turan; ixaanni kunis kadhannaa qulqullootaa ti.
9 Ba bazimbi inzimbo ihya; “U swanela kuhinda imbuka ni kwiyalula zilamatela zateni. kakuti u be haiwa, mi chamalaha ako u baulili Ireeza bantu kwizwilila kumushobo ni mushobo, impuo, bantu, ni chisi chonse.
Isaanis akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan; “Kitaaba maramaa fuudhuun, chaappaa kitaabicha maramaas hiikuun siif mala; sababiin isaas ati qalamtee, gosa hundumaa keessaa, afaan hunda keessaa, saba hunda keessaa, sanyii hunda keessaa, namoota dhiiga keetiin Waaqaaf bitteertaatii.
10 U ba bapangi ku ba muleneñi ni baprisita kusebelea Ireeza wetu, mi ka babuse inkanda.”
Akka isaan mootummaa fi luboota Waaqa keenyaa taʼanis gooteerta; isaanis lafa irratti ni moʼu.”
11 Linu ni nalola mi ni nazuwa mulumo wamañeloi mangi mangi azimbukite chipula chachilena mi zibumbantu zihala ni bakulwana. Inombolo yabo ibali kuchita makiti enaikumi yamakiti enaikumi ni makiti a makiti.
Anis ilaalee sagalee ergamoota baayʼee dhagaʼe; baayʼinni isaaniis kumaatamaa fi kuma kumaatama ture. Isaanis teessoo sanatti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii fi maanguddootatti naannaʼanii turan.
12 Ba bawambi chamuho mukando, “Iswanela Imbelele i behaiwaya chakutambula ziho, chifumu, butali, maata, kutompwa, ikanya ni kulumbekwa.
Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, galatas argachuun ni mala!”
13 Ni bazuwi chimwi ni chimwi chi babumbwa chibena kwiulu ni mwinkanda ni mwikonde lyenkanda ni chibena mwiwate chimwi ni chimwi kuzili chiwamba, “Kozo wikala hachipula chabulena ni kwimbelele, a lumbekwe, kutompwa, ikanya, ni maata a kubusa, kutwala ku samani.” (aiōn )
Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus, “Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf, galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni, bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!” jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe. (aiōn )
14 Zibumbantu zihala zone zi bawambi, “Amen” mi ni bakulwana ba balibonahazi ni kulapepa uzo yo hala buhalo busamani.
Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran, “Ameen” jedhan; maanguddoonnis kufanii sagadan.