< Mateu 27 >
1 Ka kusasani ha ku sika, bonse ba kulwana ba mapurisita ni ba kulwana ba bantu ba ba li kufumba muba wola kwi hayila Jesu.
Ganama barii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa hundinuu Yesuusin ajjeesuuf walii wajjin mariʼatan.
2 Ni ba musumina, ni kumu zwisa hateni, ni ku mu twala kwa Pilato mubusi.
Isaanis isa hidhanii geessanii Phiilaaxoos bulchaatti dabarsanii kennan.
3 Linu ku zwaaho Judasi, ya ba muuzi, na bona Jesu cho nyanswa, mi na baka ni ku booza mali e ikumi ni to tatwe ku maprisita ba kulwana ni ba kulwana,
Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kenne sun yommuu akka Yesuusitti murame argetti ni gaabbe; meetii soddoma sanas luboota hangafootattii fi maanguddootatti deebise.
4 mi nati, “Ni ba pangi chibi ku uza malaha a sena mulandu. “Mi ni ba cho, “Chinzi icho kwetu? U bone kwa teni umwine.”
Innis, “Ani dhiiga qulqulluu dabarsee kennuudhaan cubbuu hojjedheera” jedhe. Isaanis deebisanii, “Maaltu nu dhibe ree? Situ itti gaafatama!” jedhaniin.
5 Ku zwaho na sohela hansi bu wayawaya bwa mali mu itempele, cho ku katuka, mi na yenda kunze cho ku kali sungilila.
Yihuudaanis meetii sana mana qulqullummaa keessatti gatee gad baʼe; dhaqees of fannise.
6 Ba kulwana ba maprisita ne ba hinda buwayawaya vwa mali mi ni ba mucho, “Ka ku lukeli ku bika a a mali mu chibikilo ka kuti mali a malaha.”
Luboonni hangafoonnis meetii sana fuudhanii, “Meetiin kun waan gatii dhiigaa taʼeef meetii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti” jedhan.
7 Ni ba wambola che yo indaba ha mwina mi chawo mali ni ba wuula iwaa lyo ku bumbila tu hambwe mwete ba ku zikwa ma buu kwenda.
Isaanis walii wajjin mariʼatanii akka namoota biyya ormaatiif iddoo awwaalaa taʼuuf meetii sanaan lafa namicha suphee dhaʼu tokkoo bitan.
8 Cheli ibaka lina iwa lisi sumpwa, “Iwaa lya malaha” ne linu izuba buti.
Kanaaf lafti sun hamma harʼaatti, “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamama.
9 Nji kuti chiba wambiwa ni mupolofita Jelemaya chi izuzilizwa, cho kuti, “Ba ba hindi makumi otatwe o buwayawaya, mu wulo u ba tomwa haakwe ni bantu ba Isilaele,
Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate sun ni raawwatame: Innis akkana jedha; “Isaan meetii soddomman, gatii isaa kan ijoolleen Israaʼel isatti shallagan sana fuudhanii,
10 Mi ni baiha ku mwiine we iwa lyo ku bumbila tu hambwe, sina Ireeza mwa bani heli chikuka.”
akkuma Gooftaan na ajajetti lafa namicha suphee dhaʼu sanaa ittiin bitan.”
11 Linu Jesu na zima ha busu bo muyendisi, mi muyendisi na mu buza, “Kana njowe simwine wa ma Juda?” Jesu cho mwi taaba, “Mu wa cho.”
Yeroo sanatti Yesuus fuula bulchaa dura dhaabate; bulchaan sunis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
12 Kono ha baali kunyanswa ni ba kulwana ba mapurisita ni ba mwi ba kulwana, na bula kwi taaba chimwi.
Inni yeroo luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni isa himatanittis deebii tokko illee hin kennine.
13 Ku zwaaho Pilato na mucho, “Ko zuwile yonse iyi milandu yo kwete u bikwa?”
Phiilaaxoosis, “Ati akka isaan waan meeqa sirratti dhugaa baʼan hin dhageessuu?” jedhee isa gaafate.
14 Kono na bula kwi taaba ne haiba li mwina inzwi, ku chita kuti mubusi na shala u komoketwa ahulu.
Yesuus garuu himata tokkoof illee deebii tokko iyyuu hin kennine; bulchaan sunis akka malee waan kana dinqisiifate.
15 Linu ha mukiti chi bali chizo cho mubusi ku zwisa chifosi chi mwina cha salwa ne bantu bangi bangi.
Bulchaan sun nama hidhame tokko ayyaanaan akkuma fedhii sabaatti gad dhiisuu bartee godhatee ture.
16 Cheyo inako yi swana ku bena ibantiti li ba fosahele ahulu, lyi bali ku sumpwa Barabasi.
Yeroo sana namichi Barabbaas jedhamu beekamaan tokko hidhamee ture.
17 Mi ha baba ku kuunganele ha mwina, Pilato na ba cho, “Njeni wumu saka kuti ni mumu lukulwile? Barabasi, nandi Jesu yo sumpwa Kiristi?”
Kanaafuu yommuu isaan walitti qabamanitti Phiilaaxoos, “Akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu? Barabbaas moo Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana?” jedhee isaan gaafate.
18 Kakuti a ba kuiizi kuti ba ba mu woondi bulyo cho muna.
Akka isaan hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii.
19 Cho usii keere ha chipura choku watula, mu kaakwe na tumina linzwi kwaalyi nati, “Sanzi u pangi chimwi koozo muntu ya sena mulandu. Kakuti na nyanda ahulu maswe suunu mu chilooto che ibaka lyakwe.”
Utuu Phiilaaxoos barcuma murtii irra taaʼuu niitiin isaa, “Namicha qajeelaa sana hin tuqin; ani eda sababii isaatiif abjuudhaan akka malee dhiphadheeraatii” jettee itti dhaamte.
20 Ku zwaaho mapurisita bakulwana ne ba kulwana ni ba shongelekeza bungi bungi bwa bantu kuti ba kumbile Barabasi, ne kuti Jesu iye e ihayiwe.
Luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni garuu akka Barabbaas gad dhiifamee, Yesuus immoo ajjeefamu akka isa kadhataniif namoota sossoban.
21 Mubusi na ba buuza, “Njeni ku boobele wumu saka kuti nni mumu lukulwile?” Ne ba cho, “Barabasi.”
Bulchaan sun, “Isaan lamaan kanneen keessaa akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu?” jedhee ammas gaafate. Isaanis, “Barabbaasin” jedhanii deebisan.
22 Pilato na ba cho, “Linu ni pange inzi cha Jeeso yoo sumpwa Kilisiti?” Bonse ni be taba, “A bambulwe.”
Phiilaaxoosis, “Yesuus isa Kiristoos jedhamu immoo ani maal godhu ree?” jedhee gaafate. Hundi isaaniis, “Isa fannisi!” jedhanii deebisan.
23 Mi na cho, “Ibaka, mulandu nzi waa ba pangi?” Mi a bo ni ba huwa ahulu hulu, “Mu mu bambule.”
Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate. Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
24 Mi linu Pilato chinga bona kuti ka kwina cha wola ku panga, mane ni kuti chi kuba tangite mu nyunga, na hinda menzi, cho ku samba ku maanza ha busu bwa bantu bangi, cho kucho kuti, “Ka nina mu laandu cha malaha o zu muntu ya sena mulandu. Mu kuzwe kwenu kuti mu chita bule.”
Phiilaaxoos yommuu akka wanni kun goolii kaasuu malee faayidaa tokko illee hin qabne argetti, “Ani dhiiga nama kanaa irraa qulqulluu dha; isintu itti gaafatama!” jedhee bishaan fudhatee fuula namootaa duratti harka isaa dhiqate.
25 Bantu bonse ni bati, “A malaha a kwe a be kweetu ne ku baana betu.”
Namoonni hundinuus, “Dhiigni isaa nuu fi ijoollee keenya irra haa gaʼu!” jedhanii deebisan.
26 Ku zwaaho na ba sumunwina Barabasi, kono na shimeha Jesu ni ku mu baha kuti a bambulwe.
Ergasii inni Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
27 Ku zwaaho masole bo mubusi neba leta Jesu ku chikota china mu meekalo a mubusi ni ku kunganya masole mangi.
Ergasii loltoonni bulchaa sanaa Yesuusin mana bulchaatti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas naannoo Yesuusitti walitti qaban.
28 Ni ba mu zabula cho ku mu bwika chizabalo chi subila.
Isaanis uffata isaa irraa baasanii uffata bildiimaa itti uffisan;
29 Ku zwaaho ni ba panga i hwiisi yo miiya ne kuyi mu bika ha mutwi, choku mu bika inkoli mu iyanza lyakwe lya malyo. Ni ba fukama ha busu bwakwe neku musheunwina, niba cho, “Lumele, Simwine wa Majuda!”
gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Harka isaa mirgaa keessas ulee kaaʼan. Fuula isaa durattis jilbeenfatanii, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii isatti qoosan.
30 Mi neba muswila, mi niba hinda inkoli cho kuyi mu kabisa mu mutwi.
Isaanis isatti tufan; ulee sanas fuudhanii mataa isaa rukutan.
31 Haba mana ku musheunwina, cho kumu zabula chizwato ku zwaaho cho kumu zabika zizabalo zaakwe, ne ku mu twala kuku bambulwa.
Erga itti qoosanii booddee uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
32 Haba bati chiba zwila hanze, ni ba waana unkosi yo zwila kwa Sayirine yo sumpwa Sayimoni, u baba hambiliza kuti a yende naabo ne kuti a mu kulikile chifapano.
Utuu gad baʼanuus namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko arganii akka inni fannoo sana baatuuf isa dirqisiisan.
33 Ni beeza ku chibaka chi sumpwa Gologota, chi landununa kuti “Chibaka cha Kagoboli.”
Isaanis iddoo Golgootaa jedhamu gaʼan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha.
34 Ni ba muha iwaine yiina shantukwe kuti a nywe. Mi chinga a yi soola, choku sayi nywa.
Achittis akka inni dhuguuf daadhii wayinii kan hadhooftuun itti makame kennaniif; inni garuu afaaniin qabee dhuguu dide.
35 Haba mana kumu bambula, cho kuli kauhanyekeza zizabalo zakwe choku kaba indaula.
Isaanis erga isa fannisanii booddee ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
36 Ni be kala choku muliisa.
Isaanis achi taaʼanii isa eegaa turan.
37 He iwulu lyo mutwi waakwe niba bika iñolo lyo mulandu, li baali ku balika kuti “Uzu nje Jesu, simwine wa Majuda.”
Katabbiin waan inni ittiin himatamees mataa isaatii ol kaaʼamee ture; katabbiin sunis, Kun Yesuus Mooticha Yihuudootaa ti, jedha.
38 Basaa bobeele ni ba kokotelwa naye, zumwi ku malyo a kwe mi zumwi ku ma moonso.
Hattoonni lamas, inni tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannifaman.
39 Ba baali ku hita ni ba mu tukoola, ni ba nyunga mitwi yabo
Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii,
40 ni bati, “Uwe yo bali kuti moo rutunune itempele choku izaka mu ma zuba o tatwe, lihaze umwine! Haiba u Mwana we Ireeza, suke ha chifapaano!”
“Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu, mee of oolchi! Ati yoo Ilma Waaqaa taate fannoo irraa gad buʼi!” jedhan.
41 Che nzila i swana bapurisita ba kulwana ba baali ku musheunwina, ha mwina ni ba ñoli ni ba kulwana, ni bati,
Akkasumas luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni isatti qoosan. Akkanas jedhan;
42 “A ba ku haza bamwi, kono ka woli ku li haza mwiine. Njeye Simwine wa Isilaele. A suuke ha chifapano, mi ku zwaaho linu njete tu zumine mwaali.
“Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! Inni yoo mootii Israaʼel taʼe amma fannoo irraa gad haa buʼu; nuus isatti ni amannaatii.
43 U sepa mwe Ireeza, A Ireeza a mulamulele hahanu buti haiba u saka, ka kuti a baco kuti, 'Njeme mwanaswisu we Ireeza.'”
Inni Waaqa amanata; Waaqni yoo isa jaallate, mee amma isa haa oolchu; inni, ‘Ani Ilma Waaqaa ti’ jedheeraatii.”
44 Mi basaa ba bati ni ba bambwilwe na ye naabo niba wamba matuka kwali.
Akkasuma hattoonni isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
45 Linu ku zwaaho che inako yoku mana iyanza ne ka mwina kerima nika wumba inkanda yonse mbwita kuka sika ku inako yoku mana iyanza ne toone.
Saʼaatii jaʼaa jalqabee hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe.
46 Che nako yoku mana iyanza ne toone Jesu na huwa che liinzwi ikando na cho, “Eli, Eli, La ma sabakatani?” yi landununwa kuti, “Ireeza wangu, Ireeza wangu, chinzi ho ni sohelele?”
Gara Saʼaatii sagaliitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee, Eloohee, laamaa sabaqtaanii?” jedhee iyye; hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.
47 Linu ba mwi ba ba zi meene ukochinga ba zuwa bulyo, ni bati, “U kwete ku sumpa Elija.”
Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Eeliyaasin waama” jedhan.
48 Hohwaho bulyo zumwi waabo na tiya choku ka leta chi pongi, cho ku chi niika mwa shantukwe, ni ku chi bika ha luuhe, ni ku muha kuti a nywe.
Yommusuma isaan keessaa namichi tokko fiigee dhaqee ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kenne.
49 Bungi bwabo ni bacho, “Mu mu siye yeyena. Tu bone kuti nandi Elija mweze a mu haaza.”
Warri kaan garuu, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee isa oolchu arginaatii” jedhan.
50 ku zwaaho Jesu hape na huwa che linzwi ikando cho kumana luuho.
Yesuus ammas sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne.
51 Boone, i jira lyo mu itempele ni lya haluka ko beele ku zwila kwi uulu ku leta hansi. Mi inkanda ni ya nyanganya, ku zwaaho mabwe choku pwachuka hakati.
Yeruma sana golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. Lafti ni sochoote; kattaawwanis ni babbaqaqan.
52 Ma kuumbu ni e wuka, mi mi bili ya bantu ba shiyeme ba ba lele ni ba buuka.
Awwaalonnis banamanii dhagnawwan qulqullootaa kanneen duʼanii turan hedduun duʼaa kaafaman.
53 Ni baazwa mu makuumbu chinga a buuka ku bafu, nibe njila mu muzi mukando u jolola, mane niba boneka ku bantu bangi.
Isaanis duʼaa kaʼuu Yesuus booddee awwaala keessaa baʼanii magaalattii qulqulluu seenan. Namoota hedduuttis mulʼatan.
54 Mi musenchoriona na bo baba lolelele Jeeso ni ba boona kunyanganya kwe inkanda ni zintu zi bati niza pangahala, cho kuli kalililwa ahulu maswe ni bati, “Cho busakusima uzu ibali mwana we Ireeza.”
Ajajaan dhibbaa sunii fi warri isa wajjin Yesuusin eegaa turan yommuu sochii lafaatii fi waan achitti taʼe hunda arganitti akka malee sodaatanii, “Dhugumaanuu inni Ilma Waaqaa ture!” jedhan.
55 Bakulwakazi bangi baba ke ichilile Jeeso ku kazwa kwa Galalia cho kumu babalela ba ba zimene butabule ni ba lolelele.
Dubartoonni Yesuusin tajaajiluuf jedhanii Galiilaadhaa isa duukaa buʼan baayʼeenis fagoo dhaabatanii ilaalaa turan.
56 Mukati kaabo ku bena Maria Magadalena, Maria nyina wa Jakobo ni Josefa, ni nyina wa baanaswisu ba Zebedea.
Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi Yoosef, akkasumas haadha ilmaan Zabdewoos turan.
57 Chinga yaba chitengwana, ni kweza unkosi wo muhumi yo zwa kwa Arimatea, we izina lya Josefa, iye naye ya bali mulutwana wa Jesu.
Yommuu galgalaaʼettis namichi sooressi Yoosef jedhamu tokko Armaatiyaa dhufe; inni mataan isaas barataa Yesuus ture.
58 Na ya kwa Pilato mi na ka kumbila mubili wa Jesu. Pilato na laela kuti a wu hewe.
Innis gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate; Phiilaaxoosis akka reeffi sun isaaf kennamu ajaje.
59 Josefa na hinda mubili, na wu bungila mu ijila li jolola,
Yoosefis reeffa sana fudhatee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluudhaan kafane;
60 mi choku kawu bika mu ikuumbu lyaakwe ihiyai lya ba hindi cho kuli beeza mu ibwe. Ku zwaaho na pindumwina ibwe ikando ha mulyango we ikuumbu mi nali yendela.
innis awwaala ofii isaa kan garaa kattaa keessatti qotate haaraa tokko keessa kaaʼe. Dhagaa guddaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee biraa deeme.
61 Maria Magadalena ni zumwi Maria ku ba bena, ni be keele he shilya lye kuumbu.
Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan fuullee awwaala sanaa tataaʼaa turan.
62 Izuba li chilila, i bali izuba lya lo mugivero, Ma purisita ba kulwana ni Bafarisai neba kunganela ha mwiina kwa Pilato.
Guyyaa itti aanutti jechuunis guyyaa qophii booddee luboonni hangafoonnii fi Fariisonni fuula Phiilaaxoos duratti walitti qabaman.
63 Cho kuti, “Unkosi, tu kumbulukwa kuti zuna shaamapa cho usii hala, a bati nati, 'Kani buuke mazuba otatwe haa hita.'
Isaanis akkana jedhan; “Gooftaa! Akka namichi gowwoomsaan sun utuu lubbuudhaan jiruu, ‘Ani guyyaa sadii booddee duʼaa nan kaʼa’ jedhe nu ni yaadanna.
64 Chingi linu u lukele ku laula kuti ikumbu lika liiswa ahulu maswe mbwita luzuba lo butatu. Ni kusabi bulyo balutwana bakwe mu beeze ba muyibe ku zwaaho cho kucho bantu, 'Cha ba buuki kubafu.' Ka kuti ku chenga kwa mamani mani mu ku zambe kwe ntanzi.”
Kanaafuu akka awwaalli sun hamma guyyaa sadaffaatti eegamu ajaji. Yoo kun taʼuu baate barattoonni isaa dhaqanii reeffa isaa hatanii, ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera’ jedhanii namatti odeessu. Gowwoomsaan dhumaa kun immoo isa duraa caalaa ni hammaata.”
65 Pilato na bacho kuti, “Mu hinde shangabila. Muyende muka liliise hakando mu mu wolela monse.”
Phiilaaxoosis deebisee, “Waardiyyaa fudhadhaa dhaqaatii akkuma beektanitti awwaalicha eegsifadhaa” jedheen.
66 Mi niba yenda cho kuka siinka che ibwe, choku viika shangavira.
Kanaaf isaan dhaqanii dhagicha irratti mallattoo godhan; waardiyyaas ramadanii awwaala sana eegsisan.