< Oekyuk 7 >
1 Ke len se Moses el tulokunak tari Lohm Nuknuk Mutal sin LEUM GOD, el mosrwela ac kisaela Lohm Nuknuk sac wi kufwen orekma nukewa kac, oayapa loang uh wi kufwen orekma nukewa nu kac.
Museen erga dunkaana qulqulluu sana dhaabee fixatee booddee, dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda dibe; ni qulqulleesses. Akkasumas iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda dibee qulqulleesse.
2 Na sifen sou lulap nukewa su mwet kol in sruf lun Israel, nuna mwet na ma fosrngakin oaoa lulap se ke pisen mwet uh,
Ergasii hooggantoonni Israaʼel, hangafoonni maatiiwwanii kanneen hooggantoota gosootaa taʼanii warra lakkaaʼaman sana qajeelchanis kennaa dhiʼeessan.
3 elos use mwe sang lalos inge nu sin LEUM GOD: wagon onkosr ac cow mukul singoul lukwa, wagon soko sin kais luo mwet kol, ac cow soko sin kais sie mwet kol. Tukun elos sang ma inge,
Isaanis gaariiwwan haguugaman jaʼaa fi sangoota kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo hooggantootaa irraa sangaa tokko, lama lama taʼanii immoo gaarii tokko kennaa ofii godhanii fuula Waaqayyoo duratti fidan. Kennaawwan kanneenis dunkaana qulqulluu sana duratti dhiʼeessan.
4 LEUM GOD El fahk nu sel Moses,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
5 “Eis mwe sang inge in orekmakinyuk nu ke ma ac orek ke Lohm Nuknuk Mutal. Sang nu sin mwet Levi uh fal nu ke orekma ma elos ac oru.”
“Akka isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu keessatti fayyadaniif kennaawwan kanneen isaan harkaa fuudhi. Waan kana akkuma hojiin tokkoo tokkoo namaa barbaaddutti Lewwotatti kenni.”
6 Ouinge Moses el sang wagon ac cow mukul uh nu sin mwet Levi.
Museenis gaariiwwanii fi sangoota sana fuudhee Lewwotatti kenne.
7 El sang lukwa wagon uh ac akosr cow uh nu sin mwet lal Gershon,
Innis akkuma hojii isaaniitiif malutti gaariiwwan lamaa fi sangoota afur ilmaan Geershoonitti kenne;
8 ac wagon akosr ac cow oalkosr nu sin mwet lal Merari. Orekma nukewa lalos orek ye kolyuk lal Ithamar wen natul Aaron.
gaariiwwan afurii fi sangoota saddeet akkuma hojii isaaniitiif malutti ilmaan Meraaritti kenne. Isaan hundinuu qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala turan.
9 Tusruktu wangin wagon ku cow Moses el sang nu sin mwet in sou Kohath, mweyen kufwen orekma mutal ma elos karingin uh enenu na in utuk finpisalos.
Ilmaan Qohaati garuu sababii miʼa qulqulluu gatiittiitti baachuun hojii isaanii taʼeef Museen homaa isaaniitti hin kennine.
10 Na mwet kol elos oayapa use mwe kisa lalos in akfulatye kisala lun loang uh. Ke elos akola in sang mwe kite lalos mutun loang uh,
Yeroo iddoon aarsaa dibametti hooggantoonni kennaawwan isaanii eebba iddoo aarsaatiif fidanii iddoo aarsaa duratti dhiʼeessan.
11 LEUM GOD El fahk nu sel Moses, “Fahkang nu selos lah in kais sie len ke lusen len singoul luo, kais sie mwet kol fah srukak mwe kite lal nu ke kisaiyen loang uh.”
Waaqayyo Museedhaan, “Dura buʼaan tokko guyyuma tokko kennaa isaa sirna eebba iddoo aarsaa sanaatiif haa dhiʼeessu” jedhee tureetii.
12 Na elos use mwe kisa lalos uh oana ke takla ten inge: Len Sruf Mwet Kol len se meet Judah Nahshon, wen natul Amminadab Akluo Issachar Nethanel, wen natul Zuar Aktolu Zebulun Eliab, wen natul Helon Akakosr Reuben Elizur, wen natul Shedur Aklimekosr Simeon Shelumiel, wen natul Zurishaddai Akonkosr Gad Eliasaph, wen natul Deuel Akitkosr Ephraim Elishama, wen natul Ammihud Akoalkosr Manasseh Gamaliel, wen natul Pedahzur Akeu Benjamin Abidan, wen natul Gideoni Aksingoul Dan Ahiezer, wen natul Ammishaddai Aksingoul sie Asher Pagiel, wen natul Ochran Aksingoul luo Naphtali Ahira, wen natul Enan Mwe sang ma kais sie selos tuh use inge oana sie: sie pesin silver su toasriya oasr ke ounce lumngaul, ac sie pol silver su toasriya ounce tolngoul, fal nu ke srikasrak ma oakwuki, kewana sessesla ke flao karyak ke oil in olive nu ke mwe kisa wheat; sie ahlu gold su toasriya ounce akosr, sessesla ke mwe keng; cow mukul fusr soko, sheep mukul soko, ac sheep fusr mukul soko yac se matwa, nu ke mwe kisa firir; nani soko nu ke kisa ke ma koluk; cow mukul lukwa, sheep mukul limekosr, nani limekosr, sheep fusr limekosr yac se matwa nu ke kisa in akinsewowo.
Namni guyyaa jalqabaatti kennaa ofii fide Nahishoon ilma Amiinaadaab kan gosa Yihuudaa ture.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokkoo fi waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu kan tokkoon tokkoon isaanii akka kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
cilfaa warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe ture. Kennaan Nahishoon ilmi Amiinaadaab dhiʼeesse kana ture.
Guyyaa lammaffaattis Naatnaaʼel ilma Zuuwaar dura buʼaa Yisaakoritu kennaa isaa fide.
Kennaan inni fides gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
caabii warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Kennaan Naatnaaʼel ilma Zuuwaar kana ture.
Guyyaa sadaffaatti Eliiyaab ilma Heeloon hangafa ijoollee Zebuuloonitu kennaa isaa fide.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliiyaab ilma Heeloon kana ture.
Guyyaa afuraffaatti Eliizuur ilma Shedeeʼuur dura buʼaa ijoollee Ruubeenitu kennaa isaa fide.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoo tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliizuur ilma Shedeeʼuur kana ture.
Guyyaa shanaffaatti Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi hoogganaa ijoollee Simiʼoonitu kennaa isaa fide.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko, kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture. Egaa kennaan Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi kana ture.
Guyyaa jaʼaffaatti Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel dura buʼaa ijoollee Gaaditu kennaa isaa fide.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kana akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman,
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel kana ture.
Guyyaa torbaffaatti Eliishaamaa ilma Amiihuud dura buʼaa ijoollee Efreemitu kennaa isaa fide.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman,
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture. Egaa kennaan Eliishaamaa ilma Amiihuud kana ture.
Guyyaa saddeettaffaatti Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur hoogganaa ijoollee Minaaseetu kennaa isaa fide.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur kana ture.
Guyyaa saglaffaatti Abiidaan ilma Gaadeyoon dura buʼaa ijoollee Beniyaamitu kennaa isaa fide.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Abiidaan ilma Gaadeyoon kana ture.
Guyyaa kudhannaffaatti Ahiiʼezer ilma Amiishadaay dura buʼaa ijoollee Daanitu kennaa isaa fide.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi korbeeyyii hoolaa xixinnaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Ahiiʼezer ilma Amiishadaay kana ture.
Guyyaa kudha tokkoffaatti Fagiʼeel ilma Okraan hoogganaa ijoollee Aasheeritu kennaa isaa fide.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daaku bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Fagiʼeel ilma Okraan kana ture.
Guyyaa kudha lammaffaatti Ahiiraa ilma Eenaan hoogganaa ijoollee Niftaalemitu kennaa isaa fide.
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Ahiiraa ilma Eenaan kana ture.
84 Pa inge pisen mwe kisa ma mwet kol singoul luo ah orani nu ke pacl se ac kisaiyuk loang uh: — pol silver singoul luo ac pesin silver singoul luo, toasriya oasr ke paun onngoul — ahlu gold singoul luo, toasriya ounce angngaul oalkosr, sessesla ke mwe keng — cow mukul singoul lukwa, sheep mukul singoul lukwa, sheep fusr mukul singoul lukwa yac se matwa, wi mwe kisa wheat nu kac tuh in mwe kisa firir — nani mukul singoul lukwa tuh in mwe kisa ke ma koluk — cow mukul longoul akosr, sheep mukul onngoul, nani mukul onngoul, sheep fusr mukul onngoul yac se matwa. Ma inge ma nu ke mwe kisa in akinsewowo
Kennaan hooggantoonni Israaʼel gaafa iddoon aarsaa dibame sana sirna eebbaatiif dhiʼeessan kana ture; isaanis gabatee meetii kudha lama, waciitii meetii kudha lamaa fi xuwwee warqee kudha lama:
Tokkoon tokkoon isaanii meetii saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu ture; tokkoon tokkoon waciitii meetii saqilii torbaatama ulfaata ture. Miʼi meetii kun akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti walumaa galatti saqilii kuma lamaa fi dhibbaa afur ulfaata ture.
Xuwweewwan warqee kudha lamaan kanneen ixaanaan guutamanis tokkoon tokkoon isaanii akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii kudhan ulfaatu turan. Xuwweewwan warqee walumaa galatti saqilii dhibba tokkoo fi digdama ulfaatu turan.
Baayʼinni horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamanii walumaa galatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa kudha lama, xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼe kudha lama ture; kennaan midhaaniis isaan wajjin dhiʼeeffameera. Korbeeyyiin reʼee kudha lama aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamanii turan.
Baayʼinni horii aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamanii walumaa galatti sangoota digdamii afur, korbeeyyii hoolaa jaatama, korbeeyyii reʼee jaatamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko ture. Kennaawwan erga iddoon aarsaa dibamee booddee sirna eebba isaatiif dhiʼeeffaman kanneen turan.
89 Ke Moses el ilyak nu in Lohm Nuknuk Mutal in kaskas nu sin LEUM GOD, el ac lohng pusren LEUM GOD kaskas nu sel inmasrlon cherub luo ma oan fin mwe afyuf ke Tuptup in Wuleang uh.
Museen yommuu Waaqayyo wajjin dubbachuuf dunkaana wal gaʼii ol seenetti teessoo araaraa kan taabota kakuu seeraa irra jiruun olitti kiirubeelii lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu dhagaʼe. Waaqayyo isa wajjin dubbate.