< Ecclesiastes 6 >

1 Nga liye pac lah fin facl se inge oasr sie ma koluk na yohk sikyak, ac mwet puspis wi pulakin.
Ani aduudhaa gaditti waan hamaa biraa argeera; kunis akka malee namatti ulfaata:
2 God El ac sang mwe kasrup, sunak, ac acn nu sin sie mwet, aok el fas ke ma lungse lal nukewa. Na tok God El tia lela nu sel in engan kac. Siena mwet pa ac insewowokin, ac tia el. Tiana suwohs in ouinge. Arulana wangin sripa.
Waaqni akka namni waan garaa isaatti hawwu tokko iyyuu hin dhabneef qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina isaaf kenne; Waaqni garuu akka inni itti gammadu hin goone; qooda namichaa nama ormaatu itti gammada. Kun waan faayidaa hin qabnee dha; hammina nama gaddisiisuudhas.
3 Mwet se fin oasr foko tulik natul ac loes moul lal, tusruktu tu el finne moul paht a el tia insewowo in moul lal, ku fin tia pukpuki el in wo, na nga ku in fahk mu wo nu sin tulik fusr se ma misa na osweyukla, liki mwet sac.
Namni tokko ijoollee dhibba qabaatee waggoota baayʼee jiraachuu dandaʼa; inni hamma fedhe jiraatu illee yoo qabeenya isaatti gammaduu baatee awwaala gaariis argachuu baate, ani, “Isaa mannaa gatata wayya” nan jedha.
4 Wangin sripa in osweyukla tulik sac — el wanginla nu in lohsr, yen mulkinyukla el we.
Inni akkasumaan dhufa; dukkana keessa bada; maqaan isaas dukkanaan haguugama.
5 El tiana liye kalem lun len uh, ku etu kutena ma ke luman moul uh, tusruktu el konauk mongla —
Inni yoo aduu arguu baate iyyuu yookaan yoo homaa beekuu baate iyyuu boqonnaa namichi sun argatu caalaa boqonnaa qabaata.
6 yohk liki na mwet se ma tiana insewowokin moul lal uh el finne moul yac luo tausin. Kalem lah eltal kewa ac som nu yen sefanna.
Inni waggaa kuma yeroo lama jiraatu illee yoo jireenya gaarii hin jiraatin, namni hundi idduma tokko dhaqa mitii?
7 Sie mwet el oru orekma lal nukewa ma na in konauk mwe mongo nal, tusruktu wangin pacl el muti kac.
Dadhabbiin nama hundaa afaanuma isaatiif; fedhiin isaa garuu yoom iyyuu hin guutu.
8 Mea ac wo nu sin mwet lalmwetmet se liki mwet lalfon se? Oayapa wangin ma ac wo nu sin sie mwet sukasrup el finne moulkin moul wo inmasrlon mwet uh.
Ogeessi maaliin gowwaa caala? Hiyyeessi akka itti fuula namootaa dura jiraatu beekuudhaan faayidaa maalii argata?
9 Ma inge ma lusrongten — oana ukweyen eng uh. Wo kom in falkin ma oasr yurum, liki kom in mwel kutu pacna ma saya pacl nukewa.
Hawwiidhaan jooruu mannaa waan iji argu wayya. Kunis bubbee ariʼuu malee faayidaa hin qabu.
10 Ma nukewa ma sikyak uh nuna oakwuki oemeet me, ac kut nukewa etu lah sie mwet el tia ku in akukuin nu sin sie su ku lukel.
Waan jiru hundaaf duraanuu maqaan baʼeera; maalummaan namaas beekamaa dha; namni tokko iyyuu nama isa caalaa humna qabuun morkachuu hin dandaʼu.
11 Kom finne kaskas pusla ke akukuin, ac nuna wangin sripa wo ac tuku kac, ac kom tia pac eis wo kac.
Dubbiin akkuma baayʼatuun faayidaa dhaba; yoos wanni sun akkamiin nama kam iyyuu fayyada?
12 Su ku in etu lah mea ac wo emeet nu sin sie mwet ke lusen moul fototo ac lusrongten se inge — sie moul su ac wanginla oana lul in pukunyeng? Su ku in etu ma ac sikyak fin faclu tukun kut misa?
Bara jireenya namaa kan inni akkuma gaaddisaatti keessa baʼee darbu gabaabaa faayidaa hin qabne kana keessa eenyutu waan namaaf gaarii taʼe beeka? Waan erga inni deemee booddee aduudhaa gaditti taʼus eenyutu isatti himuu dandaʼa?

< Ecclesiastes 6 >