< 이사야 18 >

1 슬프다 구스의 강 건너편 날개치는 소리 나는 땅이여
Biyya lageen Itoophiyaatiin gamaa kan qoochoo isheetiin shaakkiftuuf wayyoo;
2 갈대 배를 물에 띄우고 그 사자를 수로로 보내며 이르기를 너희 경첩한 사자들아 너희는 강들이 흘러 나누인 나라로 가되 장대하고 준수한 백성 곧 시초부터 두려움이 되며 강성하여 대적을 밟는 백성에게로 가라 하도다
isheen galaana irra, bidiruu dhallaadduutiin ergamoota bishaan irra ergiti. Yaa ergamoota ariifattoota, gara saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafuu, gara saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamuu, saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte sanaa dhaqaa.
3 세상의 모든 거민, 지상에 거하는 너희여 산들 위에 기호를 세우거든 너희는 보고 나팔을 불거든 너희는 들을지니라
Isin uummanni addunyaa hundi, warri lafa irra jiraattan yeroo mallattoon gaara irratti ol qabamu ni argitu; yeroo malakanni afuufamus inuma dhageessu.
4 여호와께서 내게 이르시되 내가 나의 처소에서 종용히 감찰함이 쬐이는 일광 같고 가을 더위에 운무 같도다
Waaqayyo akkana naan jedhe: “Ani akkuma hoʼa ifa aduu keessatti calaqqisuu, akkuma duumessa fixeensaa kan hoʼa yeroo midhaan galchaniitti calʼisee iddoo jireenya kootii nan ilaala.”
5 추수하기 전에 꽃이 떨어지고 포도가 맺혀 익어 갈 때에 내가 낫으로 그 연한 가지를 베며 퍼진 가지를 찍어버려서
Haamaa midhaaniitiin dura, yeroo hudhaan daraaree daraaraan sunis ija wayinii bilchaatee taʼutti inni billaa ittiin qoraniin lataa isaa ni ciccira; damee babalʼates irraa murmuree ni balleessa.
6 산의 독수리들에게와 땅의 들짐승들에게 끼쳐주리니 산의 독수리들이 그것으로 과하하며 땅의 들짐승들이 다 그것으로 과동하리라 하셨음이니라
Isaan hundinuu allaattii tulluu kan waa adamsuu fi bineensota bosonaatiif dhiifamu; allaattiin bona guutuu, bineensonni bosonaas ganna guutuu isaan nyaatu.
7 그 때에 강들이 흘러 나누인 나라의 장대하고 준수하며 시초부터 두려움이 되며 강성하여 대적을 밟는 백성에게서 만군의 여호와께 드릴 예물을 가지고 만군의 여호와의 이름을 두신 곳 시온 산에 이르리라
Gaafas saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafu irraa, saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamu irraa, saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte irraa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf kennaan ni fidama; kennaan sunis gara Tulluu Xiyoon, iddoo Maqaan Waaqayyo Waan hunda dandaʼu jiraatutti ni fidama.

< 이사야 18 >