< 창세기 36 >

1 에서 곧 에돔의 대략이 이러하니라
Seenaan maatii Esaawu kan Edoom jedhamu sanaa kana.
2 에서가 가나안 여인 중 헷 족속 중 엘론의 딸 아다와 히위 족속 중 시브온의 딸 아나의 소생 오홀리바마를 자기 아내로 취하고
Esaaw niitota isaa dubartootaa Kanaʼaan keessaa fuudhe; isaanis Aadaa intala Eeloon namicha gosa Heetii fi Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibeʼoon namicha gosa Hiiwii,
3 또 이스마엘의 딸 느바욧의 누이 바스맛을 취하였더니
akkasumas Baasmati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti.
4 아다는 엘리바스를 에서에게 낳았고 바스맛은 르우엘을 낳았고
Aadaan Eliifaazin Esaawuuf deesse; Baasmati immoo Reʼuuʼeelin deesse.
5 오홀리바마는 여우스와 얄람과 고라를 낳았으니 이들은 에서의 아들이요 가나안 땅에서 그에게 낳은 자더라
Oholiibaamaanis Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse. Isaan kunneen ilmaan Esaawu kanneen Kanaʼaanitti isaaf dhalatanii dha.
6 에서가 자기 아내들과 자기 자녀들과 자기 집의 모든 사람과 자기의 가축과 자기 모든 짐승과 자기가 가나안 땅에서 얻은 모든 재물을 이끌고 그 동생 야곱을 떠나 타처로 갔으니
Esaawu niitota isaa, ilmaan isaa, intallan isaatii fi warra mana isaa jiraatan hunda, akkasumas karra loon isaa, horii isaa kaan hundaa fi qabeenya biyya Kanaʼaanitti horate hunda fudhatee obboleessa isaa Yaaqoob biraa kaʼee biyya biraa dhaqe.
7 두 사람의 소유가 풍부하여 함께 거할 수 없음이러라 그들의 우거한 땅이 그들의 가축으로 인하여 그들을 용납할 수 없었더라
Waan qabeenyi isaanii akka malee baayʼateef isaan walii wajjin jiraachuu dadhaban; lafti isaan jiraachaa turanis sababii baayʼina horii isaaniitiif isaan gaʼuu hin dandeenye.
8 이에 에서 곧 에돔이 세일 산에 거하니라
Esaawu biyya gaara Seeʼiir keessa jiraate; Esaawu jechuun Edoomii dha.
9 세일 산에 거한 에돔 족속의 조상 에서의 대략이 이러하고
Seenaan maatii Esaawu abbaa Edoomotaa kan warra biyya gaara Seeʼiir keessa jiraatanii kana.
10 그 자손의 이름은 이러하니라 에서의 아내 아다의 아들은 엘리바스요 에서의 아내 바스맛의 아들은 르우엘이며
Maqaan ilmaan Esaawu: Eliifaaz, ilma Aadaa niitii Esaawuutii fi Reʼuuʼeel ilma Baasmati niitii Esaawuu ti.
11 엘리바스의 아들들은 데만과 오말과 스보와 가담과 그나스요
Ilmaan Eliifaaz: Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz.
12 에서의 아들 엘리바스의 첩 딤나는 아말렉을 엘리바스에게 낳았으니 이들은 에서의 아내 아다의 자손이며
Eliifaaz ilmi Esaawus saajjatoo Tiimnaa jedhamtu qaba ture; isheenis Amaaleqin Eliifaaziif deesse. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Aadaa niitii Esaawu.
13 르우엘의 아들들은 나핫과 세라와 삼마와 미사니 이들은 에서의 아내 바스맛의 자손이며
Ilmaan Reʼuuʼeel: Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Baasmati niitii Esaawu.
14 시브온의 손녀 아나의 딸 에서의 아내 오홀리바마의 아들들은 이러하니 그가 여우스와 얄람과 고라를 에서에게 낳았더라
Oholiibaamaan niitiin Esaawu intalli Aannaa ilma Zibeʼoon Esaawuuf: Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse.
15 에서 자손 중 족장은 이러하니라 에서의 장자 엘리바스의 자손에는 데만 족장, 오말 족장, 스보 족장, 그나스 족장과
Isaan kunneen sanyiiwwan Esaawu keessaa hangafoota turan: Ilmaan Eliifaaz ilma Esaawu isa hangafaa: Teemaan hangafticha, Oomaar hangafticha, Zefoo hangafticha, Qenaz hangafticha,
16 고라 족장, 가담 족장, 아말렉 족장이니 이들은 에돔 땅에 있는 엘리바스로 말미암아 나온 족장들이요 이들은 아다의 자손이며
Qooraahi hangafticha, Gaataam hangaftichaa fi Amaaleq hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoom keessatti Eliifaaz irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Aadaa ti.
17 에서의 아들 르우엘의 자손에는 나핫 족장, 세라 족장, 삼마 족장, 미사 족장이니 이들은 에돔 땅에 있는 르우엘로 말미암아 나온 족장들이요 이들은 에서의 아내 바스맛의 자손이며
Ilmaan Reʼuuʼeel ilma Esaawu: Nahaati hangafticha, Zeraa hangafticha, Shamaa hangaftichaa fi Miizaah hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoomitti Raaquʼel irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Baasmati niitii Esaawu.
18 에서의 아내 오홀리바마의 아들들은 여우스 족장, 얄람 족장, 고라 족장이니 이들은 아나의 딸이요 에서의 아내인 오홀리바마로 말미암아 나온 족장들이라
Ilmaan Oholiibaamaa niitii Esaawu: Yeʼuushi hangafticha, Yaʼilaamaa hangaftichaa fi Qooraahi hangafticha. Isaan kunneen hangafoota Ahiliibaamaa niitii Esaawu intala Aannaa irraa dhalatanii dha.
19 에서 곧 에돔의 자손으로서 족장 된 자들이 이러하였더라
Isaan kunneen ilmaan Esaawu Edoom jedhamu sanaa turan; isaan kunneenis hangafoota isaanii turan.
20 그 땅의 원거인 호리 족속 세일의 자손은 로단과 소발과 시브온과 아나와
Isaan kunneen ilmaan Seeʼiir namicha gosa Hoorii kanneen biyya sana keessa jiraachaa turanii dha; isaanis: Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa,
21 디손과 에셀과 디산이니 이들은 에돔 땅에 있는 세일의 자손 중 호리 족속으로 말미암아 나온 족장들이요
Diishoon, Eezerii fi Diishaan. Ilmaan Seeʼiir kanneen biyya Edoom keessaa kunneen hangafoota hoorotaa turan.
22 로단의 자녀는 호리와 헤맘과 로단의 누이 딤나요
Ilmaan Looxaan: Hoorii fi Hoomaam. Tiimnaa obboleettii Looxaan.
23 소발의 자녀는 알완과 마나핫과 에발과 스보와 오남이요
Ilmaan Sobaal: Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami.
24 시브온의 자녀는 아야와 아나며 이 아나는 그 아비 시브온의 나귀를 칠 때에 광야에서 온천을 발견하였고
Ilmaan Zibeʼoon: Ayyaa fi Aannaa. Aannaan kunis namicha utuu harroota abbaa isaa Zibeʼoon tiksuu gammoojjii keessatti burqaa bishaan danfaa argatee dha.
25 아나의 자녀는 디손과 오홀리바마니 오홀리바마는 아나의 딸이며
Ijoollee Aannaa: Diishoonii fi Oholiibaamaa intala Aannaa.
26 디손의 자녀는 헴단과 에스반과 이드란과 그란이요
Ilmaan Diishoon: Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.
27 에셀의 자녀는 빌한과 사아완과 아간이요
Ilmaan Eezeri: Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan.
28 디산의 자녀는 우스와 아란이니
Ilmaan Diishaan: Uuzii fi Araan.
29 호리 족속의 족장들은 곧 로단 족장, 소발 족장, 시브온 족장, 아나 족장,
Isaan kunneen hangafoota Hoorotaa ti: Looxaan, Sobaali, Zibeʼoon, Aannaa,
30 디손 족장, 에셀 족장, 디산 족장이라 이들은 그 구역을 따라 세일 땅에 있는 호리 족속으로 말미암아 나온 족장들이었더라
Diishoon, Eezerii fi Diishaan. Isaan kunneen biyya Seeʼiiri keessatti akkuma gosa gosa isaaniitti hangafootaa Hoorotaa turan.
31 이스라엘 자손을 다스리는 왕이 있기 전에 에돔 땅을 다스리는 왕이 이러하니라
Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan:
32 브올의 아들 벨라가 에돔의 왕이 되었으니 그 도성의 이름은 딘하바며
Belaa ilmi Beʼoor mootii Edoom taʼe. Magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame.
33 벨라가 죽고 보스라 사람 세라의 아들 요밥이 그를 대신하여 왕이 되고
Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
34 요밥이 죽고 데만 족속의 땅의 후삼이 그를 대신하여 왕이 되고
Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
35 후삼이 죽고 브닷의 아들 곧 모압 들에서 미디안 족속을 친 하닷이 그를 대신하여 왕이 되니 그 도성 이름은 아윗이며
Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.
36 하닷이 죽고 마스레가의 삼라가 그를 대신하여 왕이 되고
Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
37 삼라가 죽고 유브라데 하숫가 르호봇의 사울이 그를 대신하여 왕이 되고
Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
38 사울이 죽고 악볼의 아들 바알하난이 그를 대신하여 왕이 되고
Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
39 악볼의 아들 바알하난이 죽고 하달이 그를 대신하여 왕이 되니 그 도성 이름은 바우며 그 처의 이름은 므헤다벨이니 마드렛의 딸이요 메사합의 손녀더라
Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture. Isheenis intala Maxreed intala Mee-Zaahaab turte.
40 에서에게서 나온 족장들의 이름은 그 종족과 거처와 이름대로 이러하니 딤나 족장, 알와 족장, 여뎃 족장,
Hangafoonni Esaawu irraa dhalatan akkuma gosa gosa isaaniittii fi akkuma naannoo jireenya isaaniitti maqaa maqaan kanneenii dha: Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti,
41 오홀리바마 족장, 엘라 족장, 비논 족장,
Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon,
42 그나스 족장, 데만 족장, 밉살 족장,
Qenaz, Teemaan, Mibzaar,
43 막디엘 족장, 이람 족장이라 이들은 그 구역과 거처를 따른 에돔 족장들이며 에돔 족속의 조상은 에서더라
Magidiiʼeelii fi Iiraam. Namoonni kunneen akkuma lafa biyya qabatanii keessa jiraataniitti hangafoota Edoom turan. Esaawuun kunis abbaa Edoomotaa ti.

< 창세기 36 >