< 창세기 30 >

1 라헬이 자기가 야곱에게 아들을 낳지 못함을 보고 그 형을 투기하여 야곱에게 이르되 나로 자식을 낳게 하라 그렇지 아니하면 내가 죽겠노라
Raahel yommuu akka Yaaqoobiif ijoollee tokko iyyuu hin daʼin argitetti obboleettii isheetti hinaafte. Yaaqoobiinis, “Ijoollee naa kenni, yoo kanaa achii nan duʼa!” jette.
2 야곱이 라헬에게 노를 발하여 가로되 그대로 성태치 못하게 하시는 이는 하나님이시니 내가 하나님을 대신하겠느냐
Yaaqoobis isheetti aaree, “Anatu iddoo Waaqa isa ijoollee si dhowwate sanaa jira moo?” jedheen.
3 라헬이 가로되 나의 여종 빌하에게로 들어가라 그가 아들을 낳아 내 무릎에 두리니 그러면 나도 그를 인하여 자식을 얻겠노라 하고
Isheenis, “Xomboreen koo Bilihaan kunoo ti; akka isheen qooda koo ijoollee naaf deessee anis karaa isheetiin ijoollee argadhuuf dhaqii ishee bira gaʼi” jette.
4 그 시녀 빌하를 남편에게 첩으로 주매 야곱이 그에게로 들어갔더니
Isheenis xomboree ishee Bilihaa akka niitii isaa taatuuf kenniteef. Yaaqoobis ishee bira gaʼe;
5 빌하가 잉태하여 야곱에게 아들을 낳은지라
isheenis ulfooftee ilma isaaf deesse.
6 라헬이 가로되 하나님이 내 억울함을 푸시려고 내 소리를 들으사 내게 아들을 주셨다 하고 이로 인하여 그 이름을 단이라 하였으며
Kana irratti Raahel, “Waaqni naa murteesseera; kadhannaa koos dhagaʼee ilma naa kenneera” jette. Kanaafuu maqaa isaa Daan jettee moggaafte.
7 라헬의 시녀 빌하가 다시 잉태하여 둘째 아들을 야곱에게 낳으매
Xomboreen Raahel Bilihaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse.
8 라헬이 가로되 내가 형과 크게 경쟁하여 이기었다 하고 그 이름을 납달리라 하였더라
Raahelis, “Ani obboleettii koo walʼaansoo guddaa qabee moʼadheera” jette. Maqaa isaa Niftaalem jettee moggaafte.
9 레아가 자기의 생산이 멈춤을 보고 그 시녀 실바를 취하여 야곱에게 주어 첩을 삼게 하였더니
Liyaan akka ijoollee daʼuu dhiifte hubatte; xomboree ishee Zilfaa fuutee akka niitii isaa taatuuf Yaaqoobiif kennite.
10 레아의 시녀 실바가 야곱에게 아들을 낳으매
Xomboreen Liyaa Zilfaanis Yaaqoobiif ilma deesse.
11 레아가 가로되 복되도다 하고 그 이름을 갓이라 하였으며
Liyaan immoo, “Maal milkiin akkanaa!” jettee maqaa isaa Gaad jettee moggaafte.
12 레아의 시녀 실바가 둘째 아들을 야곱에게 낳으매
Xomboreen Liyaa Zilfaan Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse.
13 레아가 가로되 기쁘도다 모든 딸들이 나를 기쁜 자라 하리로다 하고 그 이름을 아셀이라 하였더라
Ergasiis Liyaan, “Ani akkaman gammade! Dubartoonnis, ‘Eebbifamtuu’ naan jedhu” jette. Kanaafuu maqaa isaa Aasheer jettee moggaafte.
14 맥추 때에 르우벤이 나가서 들에서 합환채를 얻어 어미 레아에게 드렸더니 라헬이 레아에게 이르되 형의 아들의 합환채를 청구하노라
Yeroo haamaa qamadiitti Ruubeen gara bakkeetti baʼee ija hudhaa argatee haadha isaa Liyaadhaaf fide. Raahelis Liyaadhaan, “Maaloo ija hudhaa ilma keetii irraa waa naa kenni” jette.
15 레아가 그에게 이르되 네가 내 남편을 빼앗은 것이 작은 일이냐 그런데 네가 내 아들의 합환채도 빼앗고자 하느냐 라헬이 가로되 그러면 형의 아들의 합환채 대신에 오늘 밤에 내 남편이 형과 동침하리라 하니라
Liyaan immoo, “Dhirsa koo narraa fudhachuun kee sitti xinnaatee? Hudhaa ilma koos ni fudhattaa?” jetteen. Raahelis, “Qooda hudhaa ilma keetii inni edana si wajjin haa bulu” jetteen.
16 저물 때에 야곱이 들에서 돌아오매 레아가 나와서 그를 영접하며 이르되 내게로 들어오라 내가 내 아들의 합환채로 당신을 샀노라 그 밤에 야곱이 그와 동침하였더라
Gaafa sana galgala yeroo Yaaqoob lafa qotiisaatii galetti Liyaan isa simachuuf gad baatee, “Waan ani hudhaa ilma kootiin si kireeffadheef ati harʼa na wajjin bulu qabda” jetteen. Yaaqoobis halkan sana ishee wajjin bule.
17 하나님이 레아를 들으셨으므로 그가 잉태하여 다섯째 아들을 야곱에게 낳은지라
Waaqnis Liyaa dhagaʼe; isheenis ulfooftee Yaaqoobiif ilma shanaffaa deesse.
18 레아가 가로되 내가 내 시녀를 남편에게 주었으므로 하나님이 내게 그 값을 주셨다 하고 그 이름을 잇사갈이라 하였으며
Liyaanis, “Waan ani xomboree koo dhirsa kootiif kenneef Waaqni gatii koo naa baaseera” jette. Kanaafuu Yisaakor jettee isa moggaafte.
19 레아가 다시 잉태하여 여섯째 아들을 야곱에게 낳은지라
Liyaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma jaʼaffaa deesse.
20 레아가 가로되 하나님이 내게 후한 선물을 주시도다 내가 남편에게 여섯 아들을 낳았으니 이제는 그가 나와 함께 거하리라 하고 그 이름을 스불론이라 하였으며
Liyaanis, “Waaqni kennaa gaarii naaf kenneera; sababii ani ilmaan jaʼa isaaf daʼeef dhirsi koo siʼachi ulfina naa kenna” jette. Kanaafuu maqaa isaa Zebuuloon jettee moggaafte.
21 그 후에 그가 딸을 낳고 그 이름을 디나라 하였더라
Ergasiis intala tokko deessee Diinaa jettee moggaafte.
22 하나님이 라헬을 생각하신지라 하나님이 그를 들으시고 그 태를 여신 고로
Waaqnis Raahelin yaadate; kadhannaa ishees dhagaʼee gadameessa ishee baneef.
23 그가 잉태하여 아들을 낳고 가로되 하나님이 나의 부끄러움을 씻으셨다 하고
Isheenis ulfooftee ilma deessee, “Waaqni qaanii koo narraa fuudheera” jette.
24 그 이름을 요셉이라 하니 여호와는 다시 다른 아들을 내게 더하시기를 원하노라 함이었더라
Isheenis maqaa isaa Yoosef jettee moggaaftee, “Waaqayyo ilma biraa naaf haa dabalu” jette.
25 라헬이 요셉을 낳은 때에 야곱이 라반에게 이르되 나를 보내어 내 고향 내 본토로 가게 하시되
Erga Raahel Yoosefin deessee booddee Yaaqoob Laabaadhaan akkana jedhe; “Akka ani biyya dhalootaa kootti deebiʼuuf, gad na dhiisi.
26 내가 외삼촌에게서 일하고 얻은 처자를 내게 주어 나로 가게 하소서 내가 외삼촌께 한 일은 외삼촌이 아시나이다
Ani nan deemaatii niitota koo fi ijoollee koo warra ani isaaniif jedhee siif tajaajile naa kenni. Akka ani hojii baayʼee siif hojjedhe ati iyyuu beekta.”
27 라반이 그에게 이르되 여호와께서 너로 인하여 내게 복 주신줄을 내가 깨달았노니 네가 나를 사랑스럽게 여기거든 유하라
Laabaan garuu akkana jedheen; “Maaloo yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe asuma turi; ani akka Waaqayyo sababii keetiin na eebbise mulʼataan beekeeraatii.”
28 또 가로되 네 품삯을 정하라 내가 그것을 주리라
Itti fufees, “Mee mindaa ani siif kaffaluu qabu natti himi; ani siifin kaffalaatii” jedhe.
29 야곱이 그에게 이르되 내가 어떻게 외삼촌을 섬겼는지 어떻게 외삼촌의 짐승을 쳤는지 외삼촌이 아시나이다
Yaaqoobis akkana jedheen; “Akka ani hammam siif hojjedhe, horiin kees hammam akka harka kootti baayʼate atuu ni beekta.
30 내가 오기 전에는 외삼촌의 소유가 적더니 번성하여 떼를 이루었나이다 나의 공력을 따라 여호와께서 외삼촌에게 복을 주셨나이다 그러나 나는 어느 때에나 내 집을 세우리이까
Wanni xinnaan ati utuu ani hin dhufin dura qabdu sun amma akka malee siif baayʼateera; lafa ani ture kamitti iyyuu Waaqayyo si eebbiseera. Garuu yeroon ani itti maatii kootiif yaadu yoomi ree?”
31 라반이 가로되 내가 무엇으로 네게 주랴 야곱이 가로되 외삼촌께서 아무 것도 내게 주실 것이 아니라 나를 위하여 이 일을 행하시면 내가 다시 외삼촌의 양떼를 먹이고 지키리이다
Innis, “Wanni ani siif kennu maali ree?” jedhee gaafate. Yaaqoob immoo akkana jedhee deebise; “Homaa naaf hin kennin; garuu yoo ati waan kana naaf goote ani ittuma fufee bushaayee kee nan tiksa; nan eegas;
32 오늘 내가 외삼촌의 양떼로 두루 다니며 그 양 중에 아롱진 자와 점있는 자와 검은 자를 가리어 내며 염소 중에 점 있는 자와 아롱진 자를 가리어 내리니 이같은 것이 나면 나의 삯이 되리이다
ani harʼa bushaayee kee hunda keessa baʼee hoolota cocorree fi buburree hunda, hoolaa magaalaa fi reʼoota cocorree yookaan buburree hunda addaan nan baasa; isaan kunneen mindaa koo taʼu.
33 후일에 외삼촌께서 오셔서 내 품삯을 조사하실 때에 나의 의가 나의 표징이 되리이다 내게 혹시 염소 중 아롱지지 아니한 자나 점이 없는 자나 양 중 검지 아니한 자가 있거든 다 도적질한 것으로 인정하소서
Yeroo ati mindaa naa kennite sana toʼachuu dhuftutti, amanamummaan koo dhugaa naa baʼa. Hoolotaa fi reʼoota koo keessatti reʼeen cocorree yookaan buburree hin taʼin kam iyyuu, hoolaa keessaa immoo kan gurraacha hin taʼin kam iyyuu yoo argame akka waan hatameetti haa ilaalamu.”
34 라반이 가로되 내가 네 말대로 하리라 하고
Laabaanis, “Tole, akkuma ati jette haa taʼu” jedhe.
35 그 날에 그가 수염소 중 얼룩무늬 있는 자와 점 있는 자를 가리고 암염소 중 흰 바탕에 아롱진 자와 점 있는 자를 가리고 양 중의 검은 자들을 가려 자기 아들들의 손에 붙이고
Guyyuma sana Laabaan korbeeyyii reʼee halluu qaxxaamuroo qabanii fi buburree hunda, goromii reʼee cocorree fi buburree kanneen adaadii qaban hunda, akkasumas hoolota gugurraacha hunda fuudhee ilmaan isaatti kenne.
36 자기와 야곱의 사이를 사흘 길이 뜨게 하였고 야곱은 라반의 남은 양떼를 치니라
Innis ofii isaatii fi Yaaqoob gidduutti lafa adeemsa guyyaa sadii hambise; Yaaqoob immoo bushaayee Laabaa kanneen hafan tiksuu itti fufe.
37 야곱이 버드나무와 살구나무와 신풍나무의 푸른 가지를 취하여 그것들의 껍질을 벗겨 흰 무늬를 내고
Yaaqoobis damee alaltuu, kan looziitii fi hadheessa jiidhaa isaa darbee darbee naannessee qoola isaa irraa quncisuudhaan dhagna mukichaa isa keessaa adii sana mulʼise.
38 그 껍질 벗긴 가지를 양떼가 와서 먹는 개천의 물구유에 세워 양떼에 향하게 하매 그 떼가 물을 먹으러 올 때에 새끼를 배니
Yaaqoobis yeroo bushaayeen sun bishaan dhuguuf dhufanitti damee qolli irraa quncifame sana fuula isaanii dura bidiruu bishaan itti obaasan keessa kaaʼe. Bushaayeen yeroo sun bishaan dhuguu dhufanitti gojomaʼanii
39 가지 앞에서 새끼를 배므로 얼룩얼룩한 것과 점이 있고 아롱진 것을 낳은지라
ulee sana duratti wal hobobsu turan; isaanis ilmoolee halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree dhalan.
40 야곱이 새끼 양을 구분하고 그 얼룩무늬와 검은 빛 있는 것으로 라반의 양과 서로 대하게하며 자기 양을 따로 두어 라반의 양과 섞이지 않게 하며
Yaaqoobis ilmoolee bushaayee kophaatti baase; bushaayee Laabaa kanneen hafan garuu warra halluu qaxxaamuroo qabanii fi gurraacha dura dhaabe. Akkasitti hoolota isaa addaan baase malee bushaayee Laabaatti hin makne.
41 실한 양이 새끼 밸 때에는 야곱이 개천에다가 양떼의 눈앞에 그 가지를 두어 양으로 그 가지 곁에서 새끼를 배게하고
Yeroo dhaltuuwwan jajjaboon gojomaʼan kam iyyuu, Yaaqoob akka isaan ulee sana biratti wal hobobsaniif jedhee ulee sana fuula isaanii dura bidiruu keessa kaaʼaa ture;
42 약한 양이면 그 가지를 두지 아니하니 이러므로 약한 자는 라반의 것이 되고 실한 자는 야곱의 것이 된지라
dhaltuuwwan dadhaboo dura garuu ulee sana hin keenye. Kanaafuu warri dadhaboon kan Laabaa, warri jajjaboon immoo kan Yaaqoob taʼan.
43 이에 그 사람이 심히 풍부하여 양떼와 노비와 약대와 나귀가 많았더라
Namichi kun haala kanaan akka malee soorome; innis bushaayee baayʼee, garboota dubartootaatii fi dhiirotaa, gaalawwanii fi harroota qaba ture.

< 창세기 30 >