< 출애굽기 2 >
1 레위 족속 중 한 사람이 가서 레위 여자에게 장가 들었더니
Sanyii Lewwii keessaa namichi tokko intala Lewwii tokko fuudhe;
2 그 여자가 잉태하여 아들을 낳아 그 준수함을 보고 그를 석달을 숨겼더니
isheenis ulfooftee ilma deesse. Yommuu akka inni bareedaa taʼe argitetti jiʼa sadii isa dhoksite.
3 더 숨길 수 없이 되매 그를 위하여 갈 상자를 가져다가 역청과 나무 진을 칠하고 아이를 거기 담아 하숫가 갈대 사이에 두고
Kana caalaa isa dhoksuu akka hin dandeenye yeroo beektetti garuu guuboo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee haphee fi leelee itti dhoobde; mucaa sana guuboo keessa ciibsitee qarqara laga Abbayyaa shambaqqoo keessa keesse.
4 그 누이가 어떻게 되는 것을 알려고 멀리 섰더니
Obboleettiin isaa immoo waan mucicha irra gaʼu ilaaluuf jettee fagoo dhaabachaa turte.
5 바로의 딸이 목욕하러 하수로 내려오고 시녀들은 하숫가에 거닐 때에 그가 갈대 사이에 상자를 보고 시녀를 보내어 가져다가
Yeroo sana intalli Faraʼoon dhagna dhiqachuuf gara laga Abbayyaatti gad buute; dubartoonni ishee tajaajilanis qarqara laga sanaa irra asii fi achi dedeemaa turan. Isheenis guuboo sana shambaqqoo keessatti argitee akka dhaqxee fidduuf garbittii ishee ergite.
6 열고 그 아이를 보니 아이가 우는지라 그가 불쌍히 여겨 가로되 이는 히브리 사람의 아이로다
Isheenis guuboo bantee mucaa sana argite; kunoo mucichis booʼaa ture. Isheenis garaa laafteefii, “Kun daaʼimman Ibrootaa keessaa tokkoo dha” jette.
7 그 누이가 바로의 딸에게 이르되 내가 가서 히브리 여인 중에서 유모를 불러다가 당신을 위하여 이 아이를 젖 먹이게 하리이까
Obboleettiin mucichaas intala Faraʼooniin, “Akka isheen hoosiftee siif guddiftuuf dhaqee dubartoota Ibrootaa keessaa guddiftuu tokko siif waamuu?” jette.
8 바로의 딸이 그에게 이르되 가라 그 소녀가 가서 아이의 어미를 불러오니
Isheenis, “Eeyyee, dhaqi” jetteen. Intalli sunis dhaqxee haadha mucaa sanaa waamte.
9 바로의 딸이 그에게 이르되 이 아이를 데려다가 나를 위하여 젖을 먹이라 내가 그 삯을 주리라 여인이 아이를 데려다가 젖을 먹이더니
Intalli Faraʼoonis dubartittiidhaan, “Mucaa kana fuudhii naa hoosisi; ani mindaa kee siifin kennaa” jette. Dubartiin sunis daaʼima sana fuutee hoosifte.
10 그 아이가 자라매 바로의 딸에게로 데려가니 그의 아들이 되니라 그가 그 이름을 모세라 하여 가로되 이는 내가 그를 물에서 건져내었음이라 하였더라
Mucaan sun guddannaan isheen intala Faraʼoonitti fidde. Innis ilma ishee taʼe. Isheenis, “Ani bishaan keessaa isa nan baase” jechuudhaan maqaa isaa Musee jettee moggaafte.
11 모세가 장성한 후에 한번은 자기 형제들에게 나가서 그 고역함을 보더니 어떤 애굽 사람이 어떤 히브리 사람 곧 자기 형제를 치는 것을 본지라
Museen erga guddatee booddee gaafa tokko lafa sabni isaa ture dhaqee utuu isaan hojii dadhabsiisaa hojjetanuu arge; utuu namni Gibxi tokkos Ibroota saba isaa keessaa nama tokko rukutuu arge.
12 좌우로 살펴 사람이 없음을 보고 그 애굽 사람을 쳐죽여 모래에 감추니라
Innis asii fi achi ilaalee akka namni tokko iyyuu hin jirre mirkaneeffate; namicha Gibxi sana ajjeesee cirracha keessa dhokse.
13 이튿날 다시 나가니 두 히브리 사람이 서로 싸우는지라 그 그른 자에게 이르되 네가 어찌하여 동포를 치느냐 하매
Guyyaa itti aanutti immoo gad baʼee utuu Ibroonni lama wal lolanuu arge. Ibricha balleessaa qabuunis, “Ati maaliif Ibricha akka keetii rukutta?” jedhee gaafate.
14 그가 가로되 누가 너로 우리의 주재와 법관을 삼았느냐 네가 애굽 사람을 죽임 같이 나도 죽이려느냐 모세가 두려워하여 가로되 일이 탄로되었도다
Namichi sunis, “Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe? Akkuma namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?” jedheen. Kana irratti Museen, “Dhugumaan wanni ani hojjedhe sun beekameera jechuu dha” jedhee sodaate.
15 바로가 이 일을 듣고 모세를 죽이고자 하여 찾은지라 모세가 바로의 낯을 피하여 미디안 땅에 머물며 하루는 우물 곁에 앉았더라
Faraʼoon yommuu waan kana dhagaʼetti Musee ajjeesuu yaale; Museen garuu Faraʼoon jalaa gara Midiyaanitti baqate; yommuu achi gaʼettis boolla tokko bira taaʼe.
16 미디안 제사장에게 일곱 딸이 있더니 그들이 와서 물을 길어 구유에 채우고 그 아비의 양무리에게 먹이려 하는데
Lubni Midiyaan tokko intallan torba qaba ture; isaanis dhufanii bushaayee abbaa isaanii obaasuuf bishaan budduuqsanii bidiruutti guutaa turan.
17 목자들이 와서 그들을 쫓는지라 모세가 일어나 그들을 도와 그 양무리에게 먹이니라
Tiksoonnis dhufanii isaan ariʼan; Museen garuu kaʼee isaan gargaaree bushaayee isaanii obaaseef.
18 그들이 그 아비 르우엘에게 이를 때에 아비가 가로되 너희가 오늘은 어찌하여 이같이 속히 돌아오느냐
Yeroo dubarri sun gara abbaa isaanii Reʼuuʼeelitti deebiʼanitti, inni, “Isin harʼa akkamiin daftanii deebitan?” jedhee isaan gaafate.
19 그들이 가로되 한 애굽 사람이 우리를 목자들의 손에서 건져내고 우리를 위하여 물을 길어 양무리에게 먹였나이다
Isaanis, “Namicha Gibxi tokkotu tiksoota jalaa nu baase; inni bishaan iyyuu nuu budduuqsee bushaayee nuuf obaase” jedhanii deebisan.
20 아비가 딸들에게 이르되 그 사람이 어디 있느냐 너희가 어찌하여 그 사람을 버리고 왔느냐 그를 청하여 음식으로 대접하라 하였더라
Inni immoo intallan isaatiin, “Inni eessa jira? Isin maaliif isa dhiiftanii dhuftan? Akka inni waa nyaatuufis dhaqaatii waamaa” jedhe.
21 모세가 그와 동거하기를 기뻐하매 그가 그 딸 십보라를 모세에게 주었더니
Museenis namicha bira jiraachuu jaallate; namichis intala isaa Ziphooraa Museetti heerumsiise.
22 그가 아들을 낳으매 모세가 그 이름을 게르솜이라 하여 가로되 내가 타국에서 객이 되었음이라 하였더라
Siipaaraan ilma deesse; Museenis, “Ani alagaa taʼee biyya ormaa jiraadheera” jechuudhaan maqaa isaa Geershoom jedhee moggaase.
23 여러 해 후에 애굽 왕은 죽었고 이스라엘 자손은 고역으로 인하여 탄식하며 부르짖으니 그 고역으로 인하여 부르짖는 소리가 하나님께 상달한지라
Bara dheeraa sana keessa mootiin Gibxi ni duʼe. Namoonni Israaʼelis sababii garbummaa keessa turaniif ni aadan; ni iyyanis; iyyi isaan sababii garbummaa jala turaniif gargaarsa argachuuf iyyanis Waaqa bira gaʼe.
24 하나님이 그 고통 소리를 들으시고 아브라함과 이삭과 야곱에게 세운 그 언약을 기억하사
Waaqnis aaduu isaanii dhagaʼee kakuu isaa kan Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin gale sana yaadate.
Waaqnis saba Israaʼel ilaale; Waaqni akka isaan itti jiran beeke.