< 다니엘 11 >
1 내가 또 메대 사람 다리오 원년에 일어나 그를 돕고 강하게 한 일이 있었느니라
Anis bara Daariyoos namicha Meedon keessaa waggaa tokkoffaatti isa jajjabeessuu fi eeguuf isa bira dhaabadheen ture.
2 이제 내가 참된 것을 네게 보이리라 보라 바사에서 또 세 왕이 일어날 것이요 그 후의 넷째는 그들보다 심히 부요할 것이며 그가 그 부요함으로 강하여진 후에는 모든 사람을 격동시켜 헬라국을 칠 것이며
“Egaa ani dhugaan sitti hima: Mootonni biraa sadii Faares keessatti ni kaʼu; ergasiis mootiin afuraffaan warra kaan hunda irra sooressa taʼe tokko ni kaʼa. Innis erga qabeenya isaatiin jabina argatee booddee tokkoo tokkoo namaa mootummaa Giriik irratti ni kakaasa.
3 장차 한 능력 있는 왕이 일어나서 큰 권세로 다스리며 임의로 행하리라
Ergasii mootiin jabaan tokko ni kaʼa; innis humna guddaadhaan ni bulcha; waan fedhes ni hojjeta.
4 그러나 그가 강성할 때에 그 나라가 갈라져 천하 사방에 나누일 것이나 그 자손에게로 돌아가지도 아니할 것이요 또 자기가 주장하던 권세대로도 되지 아니하리니 이는 그 나라가 뽑혀서 이 외의 사람들에게로 돌아갈 것임이니라
Erga inni dhufee booddee mootummaan isaa diigamee gara qilleensota samii afraniitti gargar qoqqoodama. Mootummaan isaa buqqaʼee mootota biraatiif waan kennamuuf sanyii isaatti hin darbu yookaan humna inni argatee ture sana hin qabaatu.
5 남방의 왕은 강할 것이나 그 군들 중에 하나는 그보다 강하여 권세를 떨치리니 그 권세가 심히 클 것이요
“Mootiin Kibbaa ni jabaata; ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko garuu isa caalaa iyyuu jabaatee humna guddaadhaan mootummaa sana bulcha.
6 몇 해 후에 그들이 서로 맹약하리니 곧 남방 왕의 딸이 북방 왕에게 나아가서 화친하리라 그러나 이 공주의 힘이 쇠하고 그 왕은 서지도 못하며 권세가 없어질 뿐 아니라 이 공주와 그를 데리고 온 자와 그를 낳은 자와 그 때에 도와주던 자가 다 버림을 당하리라
Waggoota muraasaan booddee isaan tokko taʼu; walii galtee godhachuufis intalli mooticha Kibbaa gara mootii Kaabaa ni dhaqxi; garuu humna ishee qabattee turuu hin dandeessu; innii fi humni isaa jabaatee hin jiraatu. Bara sana keessa isheen, qondaaltota ishee, abbaa isheetii fi nama ishee gargaare wajjin dabarfamtee ni kennamti.
7 그러나 이 공주의 본족에서 난 자 중에 하나가 그의 위를 이어 북방 왕의 군대를 치러 와서 그의 성에 들어가서 그들을 이기고
“Hidda sanyii ishee keessaas namni tokko iddoo ishee qabachuuf ni kaʼa. Innis humnoota mootii Kaabaa dhaʼee daʼannoowwan isaas cabsee ni seena; lolees isaan moʼata.
8 그 신들과 부어만든 우상들과 그 은과 금의 아름다운 기구를 다 노략하여 애굽으로 가져갈 것이요 몇 해 동안은 그가 북방 왕을 치지 아니하리라
Inni waaqota isaanii, fakkiiwwan isaanii kan sibiilaatii fi miʼoota isaanii gati jabeeyyii meetii fi warqee boojiʼee gara Gibxitti ni geessa. Waggoota muraasaafis mootii Kaabaa waraanuu ni dhiisa.
9 북방 왕이 남방 왕의 나라로 쳐 들어갈 것이나 자기 본국으로 물러 가리라
Ergasii mootiin Kaabaa daangaa mootii Kibbaa ni qabata; garuu of irra garagalee biyya isaatti deebiʼa.
10 그 아들들이 전쟁을 준비하고 심히 많은 군대를 모아서 물의 넘침 같이 나아올 것이며 그가 또 와서 남방 왕의 견고한 성까지 칠 것이요
Ilmaan isaa waraanaaf qophaaʼanii humna waraanaa guddaa tokko walitti qabatu; humni kunis akkuma lolaa namni of irraa deebisuu hin dandeenye tokkootti hamma daʼannoo isaatti duulee lola.
11 남방 왕은 크게 노하여 나와서 북방 왕과 싸울 것이라 북방 왕이 큰 무리를 일으킬 것이나 그 무리가 그의 손에 붙인 바 되리라
“Ergasiis mootiin Kibbaa aariidhaan duulee mootii Kaabaa kan loltoota hedduu walitti qabate sana ni waraana; loltoonni hedduun sun garuu ni moʼamu.
12 그가 큰 무리를 사로잡은 후에 그 마음이 스스로 높아져서 수만 명을 엎드러뜨릴 것이나 그 세력은 더하지 못할 것이요
Mootiin Kibbaa sun yommuu loltoota baayʼee boojiʼutti garaan isaa of tuulummaadhaan guutamee kuma baayʼees ni gogorraʼa; garuu moʼichi isaa itti hin fufu.
13 북방 왕은 돌아가서 다시 대군을 전보다 더 많이 준비하였다가 몇 때 곧 몇 해 후에 대군과 많은 물건을 거느리고 오리라
Mootiin kaabaa humna waraanaa kan isa duraa sana caalaa guddaa walitti qabataatii; waggoota baayʼee booddees humna waraanaa guddaa kan guutummaatti hidhate qabatee ni dhufa.
14 그 때에 여러 사람이 일어나서 남방 왕을 칠 것이요 네 백성 중에서도 강포한 자가 스스로 높아져서 이상을 이루려 할 것이나 그들이 도리어 넘어지리라
“Yeroo sanatti namoonni baayʼeen mootii Kibbaatti ni kaʼu. Mulʼata sana raawwachuuf uummata kee keessaa finciltoonni ni kaʼu; garuu ni kufu.
15 이에 북방 왕은 와서 토성을 쌓고 견고한 성읍을 취할 것이요 남방 군대는 그를 당할 힘이 없을 것이므로
Ergasii mootiin Kaabaa dhufee tuulaa biyyoo hojjetee magaalaa dallaadhaan marfamte ni qabata. Humnoonni waraana Kibbaas of irraa deebisuuf humna ni dhabu; loltoonni isaanii jajjaboon iyyuu isaan dura dhaabachuuf humna dhabu.
16 오직 와서 치는 자가 임의로 행하리니 능히 그 앞에 설 사람이 없겠고 그가 영화로운 땅에 설 것이요 그 손에 멸망이 있으리라
Inni itti duule sun waanuma fedhe hojjeta; namni tokko iyyuu of irraa isa deebisuu hin dandaʼu. Inni Biyya Bareedduu sana keessa jabaatee dhaabata; ishee balleessuufis humna qabaata.
17 그가 결심하고 전국의 힘을 다하여 이르렀다가 그와 화친할 것이요 또 여자의 딸을 그에게 주어 그 나라를 패망케 하려 할 것이나 이루지 못하리니 그에게 무익하리라
Inni jabina mootummaa isaa guutuudhaan dhufuu murteessa; mootii Kibbaa wajjinis walii galtee godhata. Inni mootummaa sana kuffisuuf intala isaa itti heerumsiisa; karoorri isaa kun garuu hin milkaaʼu yookaan isa hin fayyadu.
18 그 후에 그가 얼굴을 섬들로 돌이켜 많이 취할 것이나 한 대장이 있어서 그의 보이는 수욕을 씻고 그 수욕을 그에게로 돌릴 것이므로
Ergasii inni gara biyyoota qarqara galaanaa jiraniitti yaada isaa deebifatee baayʼee isaanii qabata; garuu ajajaan tokko of tuulummaa isaa ni fashaleessa; of tuulummaa isaas matuma isaatti deebisa.
19 그가 드디어 그 얼굴을 돌이켜 자기 땅 산성들로 향할 것이나 거쳐 넘어지고 다시는 보이지 아니하리라
Kana irratti inni fuula isaa gara daʼannoowwan biyya isaatti deebifata; garuu gufatee kufa; deebiʼees hin argamu.
20 그 위를 이을 자가 토색하는 자로 그 나라의 아름다운 곳으로 두루 다니게 할 것이나 그는 분노함이나 싸움이 없이 몇 날이 못되어 망할 것이요
“Namni iddoo isaa buʼu ulfina mootummaa eegsisuuf warra gibira walitti qaban ni erga. Taʼus inni utuu aariidhaan yookaan waraanaan hin taʼin yeroo gabaabaa keessatti bada.
21 또 그 위를 이을 자는 한 비천한 사람이라 나라 영광을 그에게 주지 아니할 것이나 그가 평안한 때를 타서 궤휼로 그 나라를 얻을 것이며
“Iddoo isaas nama tuffatamaa ulfinni mootummaa hin kennaminiifitu qabata. Inni utuu sabni nagaadhaan jiraatuu mootummaatti duulee dabaan qabata.
22 넘치는 물 같은 군대가 그에게 넘침을 입어 패할 것이요 동맹한 왕도 그렇게 될 것이며
Ergasii raayyaan guddaan tokko fuula isaa duraa ni haxaaʼama; innii fi hangafni kakuus ni balleeffamu.
23 그와 약조한 후에 그는 거짓을 행하여 올라올 것이요 적은 백성을 거느리고 강하게 될 것이며
Inni erga isa wajjin walii galtee godhatee booddee hojii gowwoomsaa hojjeta; namoota muraasa wajjinis aangoo qabata.
24 그가 평안한 때에 그 도의 가장 기름진 곳에 들어와서 그 열조와 열조의 조상이 행하지 못하던 것을 행할 것이요 그는 노략하며 탈취한 재물을 무리에게 흩어주며 모략을 베풀어 얼마 동안 산성들을 칠 것인데 때가 이르기까지 그리하리라
Yeroo kutaawwan biyya sooreyyiin nagaadhaan jiraatanitti isaanitti duulee waan abbootiin isaa yookaan akaakileen isaa hin hojjetin hojjeta. Innis waan boojiʼame, waan saamamee fi qabeenya duuka buʼoota isaatiif ni qoqqooda. Inni daʼannoowwan jigsuuf ni malata; garuu yeroo muraasaaf waan kana godha.
25 그가 그 힘을 떨치며 용맹을 발하여 큰 군대를 거느리고 남방 왕도 심히 크고 강한 군대를 거느리고 맞아 싸울 것이나 능히 당하지 못하리니 이는 그들이 모략을 베풀어 그를 침이니라
“Inni raayyaa loltootaa guddaadhaan ciminaa fi jabina isaa mootii Kibbaa irratti ni kakaasa. Mootiin Kibbaas loltoota akka malee baayʼee fi humna qabaniin waraana labsa; garuu sababii mariin isa irratti mariʼatamuuf of irraa ittisuu hin dandaʼu.
26 자기의 진미를 먹는 자가 그를 멸하리니 그 군대가 흩어질 것이요 많은 자가 엎드러져 죽으리라
Warri maaddii mootichaa irraa nyaachaa turan isa balleessuu yaalu; loltoonni isaa ni barbadaaʼu; baayʼeen isaaniis waraana keessatti dhumu.
27 이 두 왕이 마음에 서로 해코자 하여 한 밥상에 앉았을 때에 거짓말을 할 것이라 일이 형통하지 못하리니 이는 작정된 기한에 미쳐서 그 일이 끝날 것임이니라
Mootonni garaan isaanii hammina yaadu lamaan minjaala tokkotti naannaʼanii tataaʼanii wal sobu; garuu sababii barri dhumaa yeroo murteeffametti dhufuuf wanni kun isaaniif hin milkaaʼu.
28 북방 왕은 많은 재물을 가지고 본국으로 돌아가리니 그는 마음으로 거룩한 언약을 거스리며 임의로 행하고 본토로 돌아갈 것이며
Mootiin Kaabaa qabeenya guddaadhaan gara biyya isaatti deebiʼa; garaan isaa garuu kakuu qulqulluu morma. Waanuma fedhe itti hojjetee gara biyya isaatti deebiʼa.
29 작정된 기한에 그가 다시 나와서 남방에 이를 것이나 이번이 그 전번만 못하리니
“Yeroo murteeffamettis deebiʼee Kibba weerara; yeroo kanatti garuu haalli isaa kan duraa sanaan adda taʼa.
30 이는 깃딤의 배들이 이르러 그를 칠 것임이라 그가 낙심하고 돌아가며 거룩한 언약을 한하고 임의로 행하며 돌아가서는 거룩한 언약을 배반하는 자를 중히 여길 것이며
Dooniiwwan Kitiim isa mormu; innis abdii kutata. Ergasii duubatti deebiʼee kakuu qulqulluutti dheekkamsa isaa buusa. Deebiʼees warra kakuu qulqulluu dhiisan jaallata.
31 군대는 그의 편에 서서 성소 곧 견고한 곳을 더럽히며 매일 드리는 제사를 폐하며 멸망케 하는 미운 물건을 세울 것이며
“Humni loltoota isaas dallaa mana qulqullummaa jabaa sana xureessuuf ni kaʼa; aarsaa guyyaa guyyaas ni hambisa. Ergasiis isaan xuraaʼummaa badiisa fidu tokko dhaabu.
32 그가 또 언약을 배반하고 악행하는 자를 궤휼로 타락시킬 것이나 오직 자기의 하나님을 아는 백성은 강하여 용맹을 발하리라
Inni warra kakuu sana dhiisan gowwoomsee ni dogoggorsa; warri Waaqa isaanii beekan garuu jabaatanii dhaabachuudhaan isa mormu.
33 백성 중에 지혜로운 자가 많은 사람을 가르칠 것이나 그들이 칼날과 불꽃과 사로잡힘과 약탈을 당하여 여러 날 동안 쇠패하리라
“Ogeeyyiin yoo yeroodhaaf goraadeedhaan dhuman illee yookaan gubaman illee yookaan boojiʼaman illee yookaan saamaman illee namoota hedduu ni barsiisu.
34 그들이 쇠패할 때에 도움을 조금 얻을 것이나 많은 사람은 궤휼로 그들과 친합할 것이며
Isaan yeroo dhumuu gaʼanitti gargaarsa xinnaa argatu; fakkeessitoonni hedduunis isaan deeggaru.
35 또 그들 중 지혜로운 자 몇 사람이 쇠패하여 무리로 연단되며 정결케 되며 희게 되어 마지막 때까지 이르게 하리니 이는 작정된 기한이 있음이니라
Ogeeyyii keessaa tokko tokko akka hamma dhumaatti calalamaniif, akka qulqulleeffamanii warra hirʼina hin qabne taʼaniif ni gufatu; wanni kun amma iyyuu yeroo murteeffametti ni dhufaatii.
36 이 왕이 자기 뜻대로 행하며 스스로 높여 모든 신보다 크다 하며 비상한 말로 신들의 신을 대적하며 형통하기를 분노하심이 쉴 때까지 하리니 이는 그 작정된 일이 반드시 이룰 것임이니라
“Mootiin waan jaallate hojjeta. Inni Waaqa kam iyyuu caalaa ol ol of qabee Waaqa waaqotaa mormuudhaan waan dhagaʼamee hin beekne dubbata. Inni hamma yeroon dheekkamsaa guutamutti ni milkaaʼa; wanni murteeffame sun guutamuu qabaatii.
37 그가 모든 것보다 스스로 크다 하고 그 열조의 신들과 여자의 사모하는 것을 돌아보지 아니하며 아무 신이든지 돌아보지 아니할 것이나
Inni waaqota abbootii isaatiif yookaan kan dubartoonni isa jaallataniif yookaan Waaqa kamiif iyyuu ulfina hin kennu; garuu hunda isaanii caalaa ol ol of qaba.
38 그 대신에 세력의 신을 공경할 것이요 또 그 열조가 알지 못하던 신에게 금, 은 보석과 보물을 드려 공경할 것이며
Qooda isaanii waaqa daʼannoowwaniitiif ulfina kenna; inni waaqa abbootiin isaa hin beekin warqee fi meetiidhaan, dhagaawwan gati jabeeyyii fi kennaawwan gati jabeeyyiidhaan ulfeessa.
39 그는 이방 신을 힘입어 크게 견고한 산성들을 취할 것이요 무릇 그를 안다 하는 자에게는 영광을 더하여 여러 백성을 다스리게도 하며 그에게서 뇌물을 받고 땅을 나눠주기도 하리라
Inni gargaarsa waaqa ormaatiin daʼannoowwan jajjaboo waraana; warra isa jalatti bulanis akka malee kabaja. Namoota baayʼee irrattis bulchitoota isaan godhee gatiidhaan lafa qoodaaf.
40 마지막 때에 남방 왕이 그를 찌르리니 북방 왕이 병거와 마병과 많은 배로 회리바람처럼 그에게로 마주 와서 그 여러 나라에 들어가며 물이 넘침 같이 지나갈 것이요
“Bara dhumaa keessa mootiin Kibbaa waraana itti bana; mootiin Kaabaas fardeen, gaariiwwanii fi dooniiwwan hedduudhaan akkuma dambalii isa irra garagala. Biyyoota baayʼee weeraree akkuma lolaa isaan keessa baʼee darba.
41 그가 또 영화로운 땅에 들어갈 것이요 많은 나라를 패망케 할 것이나 오직 에돔과 모압과 암몬 자손의 존귀한 자들은 그 손에서 벗어나리라
Akkasumas Biyya Bareedduu weerara. Biyyoonni baayʼeen harka isaa jala galu; Edoom, Moʼaabii fi hooggantoonni Amoon garuu isa jalaa ni baʼu.
42 그가 열국에 그 손을 펴리니 애굽 땅도 면치 못할 것이므로
Innis biyyoota baayʼee irratti aangoo isaa ni babalʼifata; Gibxis hin miliqxu.
43 그가 권세로 애굽의 금 은과 모든 보물을 잡을 것이요 리비아 사람과 구스 사람이 그의 시종이 되리라
Qabeenya warqeetii fi meetii, akkasumas badhaadhummaa Gibxi hunda toʼannaa ofii isaa jala galfata; namoonni Liibiyaatii fi Itoophiyaas isa jalatti bulu.
44 그러나 동북에서부터 소문이 이르러 그로 번민케 하므로 그가 분노하여 나가서 많은 무리를 다 도륙하며 진멸코자 할 것이요
Garuu oduun baʼaa fi kaabaa dhufu isa sodaachisa; inni namoota baayʼee balleessuu fi fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa.
45 그가 장막 궁전을 바다와 영화롭고 거룩한 산 사이에 베풀 것이나 그의 끝이 이르리니 도와줄 자가 없으리라
Dunkaana mootummaa isaas galaanotaa fi tulluu bareedaa qulqulluu gidduu ni dhaabbata. Taʼu illee inni dhuma ofii isaatti ni dhufa; namni tokko iyyuu isa hin gargaaru.