< 아모스 6 >

1 화 있을진저 시온에서 안일한 자와 사마리아 산에서 마음이 든든한 자 곧 열국 중 우승하여 유명하므로 이스라엘 족속이 따르는 자들이여
Yaa warra yaaddoo malee Xiyoon keessa jiraattan, kanneen Tulluu Samaariyaa irra waan nagaadhaan jiraatan seetan, isaan namoota ulfaatoo saba durii, kanneen sabni Israaʼel gara isaanii dhufuuf wayyoo!
2 너희는 갈레에 건너가고 거기서 대 하맛으로 가고 또 블레셋 사람의 가드로 내려가 보라 그곳들이 이 나라들보다 나으냐 그 토지가 너희 토지보다 넓으냐
Gara Kaalneetti darbaatii ilaalaa; achii kaʼaatii gara Hamaati guddichaa dhaqaa; ergasii immoo Gaati Filisxeem keessaatti gad buʼaa. Isaan mootummoota keessan lamaan caaluu? Biyyi isaanii biyya keessan caalaa balʼataa?
3 너희는 흉한 날이 멀다 하여 강포한 자리로 가까워지게 하고
Isin guyyaa hamaa fageessitanii bulchiinsa jeequmsaa fiddu.
4 상아 상에 누우며 침상에서 기지개 켜며 양떼에서 어린 양과 우리에서 송아지를 취하여 먹고
Isin siree ilka arbaatiin miidhagfame irra ciiftu; siree keessan dinkii irra boqottu. Isin xobbaallaa hoolaa filatamoo fi jabbii coccoomoo nyaattu.
5 비파에 맞추어 헛된 노래를 지절거리며 다윗처럼 자기를 위하여 악기를 제조하며
Isin sagalee baganaatiin weedduu faayidaa hin qabne weeddiftu; akkuma Daawitis meeshaa muuziiqaa qaqqajeelfattu.
6 대접으로 포도주를 마시며 귀한 기름을 몸에 바르면서 요셉의 환난을 인하여는 근심치 아니하는 자로다
Isin xoofoo keessaa daadhii wayinii dhugdu; dibata akka malee gaarii dibattu; garuu badiisa Yoosefiif hin gadditan.
7 그러므로 저희가 이제는 사로잡히는 자 중에 앞서 사로잡히리니 기지개 켜는 자의 떠드는 소리가 그치리라
Kanaafuu isin warra jalqabatti boojiʼaman wajjin boojiʼamtanii fudhatamtu; burraaquu fi bashannanuun keessan ni hafa.
8 만군의 하나님 여호와께서 가라사대 주 여호와가 자기를 가리켜 맹세하였노라 내가 야곱의 영광을 싫어하며 그 궁궐들을 미워하므로 이 성읍과 거기 가득한 것을 대적에게 붙이리라 하셨느니라
Waaqayyo Gooftaan ofii isaatiin kakateera; Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani of tuulummaa Yaaqoob nan balfa; daʼannoo isaas nan jibba; ani magaalattii fi waan ishee keessa jiru hunda dabarsee nan kenna.”
9 한 집에 열 사람이 남는다 하여도 다 죽을 것이라
Namoonni kudhan yoo mana tokko keessatti hafan isaanis ni dhumu.
10 죽은 사람의 친척 곧 그 시체를 불사를 자가 그 뼈를 집 밖으로 가져갈 때에 그 집 내실에 있는 자에게 묻기를 아직 너와 함께한 자가 있느냐 하여 대답하기를 아주 없다 하면 저가 또 말하기를 잠잠하라 우리가 여호와의 이름을 일컫지 못할 것이라 하리라
Yoo firri reeffa baasee gubu tokko mana sana keessaa baasuuf dhufee nama dhokatee achi jiru kamiin iyyuu, “Namni tokko iyyuu si wajjin jiraa?” jedhee gaafatee namichi sun, “Hin jiru” jedheen, inni “Calʼisi! Nu maqaa Waaqayyoo dhaʼuu hin qabnu” jedhaan.
11 보라 여호와께서 명하시므로 큰 집이 침을 받아 갈라지며 작은 집이 침을 받아 터지리라
Kunoo Waaqayyo ajaja kenneeraatii, manneen gurguddaan ni barbadaaʼu; manneen xixinnoonis ni caccabu.
12 말들이 어찌 바위 위에서 달리겠으며 소가 어찌 거기 밭 갈겠느냐 그런데 너희는 공법을 쓸개로 변하며 정의의 열매를 인진으로 변하여
Fardeen kattaawwan irra ni fiiguu? Namni tokko qotiyyoodhaan achi ni qotaa? Isin garuu murtii qajeelaa gara summiitti, ija qajeelummaas gara hadhaatti geeddartaniirtu;
13 허무한 것을 기뻐하며 이르기를 우리의 뿔은 우리 힘으로 취하지 아니하였느냐 하는 자로다
isin warra Lodebaar moʼachuutti gammaddanii, “Nu humna keenyaan Qaarnaayim qabanne mitii?” jettanii dha.
14 만군의 하나님 여호와께서 가라사대 이스라엘 족속아 내가 한 나라를 일으켜 너희를 치리니 저희가 하맛 어귀에서부터 아라바 시내까지 너희를 학대하리라 하셨느니라
Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii; “Yaa mana Israaʼel, ani saba Leeboo Hamaatii jalqabee hamma sulula Arabbaatti karaa keessan hunda irratti isin cunqursu tokko isinittin kaasa.”

< 아모스 6 >