< 스가랴 5 >

1 내가 다시 눈을 든즉 날아가는 두루마리가 보이더라
Ani ammas ol milʼadhe; kunoo kitaabni maramaan barrisu tokko fuula koo dura ture!
2 그가 내게 묻되 네가 무엇을 보느냐 하기로 내가 대답하되 날아가는 두루마리를 보나이다 그 장이 이십 규빗이요, 광이 십 규빗이니라
Ergamaan Waaqayyoo sunis, “Ati maal argita?” jedhee na gaafate. Anis, “Kunoo ani kitaaba maramaa dhundhuma digdama dheeratee dhundhuma kudhan balʼatu tokko nan arga” jedheen deebise.
3 그가 내게 이르되 이는 온 지면에 두루 행하는 저주라 무릇 도적질하는 자는 그 이편 글대로 끊쳐지고 무릇 맹세하는 자는 그 저편 글대로 끊쳐지리라
Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Kun abaarsa lafa hundumatti dhufaa jiruu dha; akka kitaabicha irratti barreeffametti, hattuun hundinuu ni barbadoofti; akkuma barreeffamni gama kaan irraa jedhutti namni sobaan kakatu hundinuu ni barbadeeffama.
4 만군의 여호와께서 가라사대 내가 이것을 발하였나니 도적의 집에도 들어가며 내 이름을 가리켜 망령되이 맹세하는 자의 집에도 들어가서 그 집에 머무르며 그 집을 그 나무와 그 돌을 아울러 사르리라 하셨느니라
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani abaarsa kana gad nan erga; innis mana hattuutii fi mana nama sobaan maqaa kootiin kakatuu ni seena. Abaarsi kun mana isaa keessatti hafee, mana isaa, muka isaatii fi dhagaa isaa ni barbadeessa.’”
5 내게 말하던 천사가 나아와서 내게 이르되 너는 눈을 들어 나오는 이것이 무엇인가 보라 하기로
Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun dhufee, “Mee ol jedhii waan dhufaa jiru sana ilaali” naan jedhe.
6 내가 묻되 이것이 무엇이니이까? 그가 가로되 나오는 이것이 에바니라 또 가로되 온 땅에서 그들의 모양이 이러하니라
Anis, “Inni maali?” jedheen gaafadhe. Innis, “Kun quunnaa ittiin waa safaranii dha” jedhee deebise. Ammas itti dabalee, “Kun hammina saba guutummaa lafaa irra jiraatuu ti” jedhe.
7 이 에바 가운데에는 한 여인이 앉았느니라 하는 동시에 둥근 납한 조각이 들리더라
Ergasii qadaadni dilaalii irraa hojjetame irraa ol fuudhame; kunoo dubartiin tokko quunnaa sana keessa teessee turte!
8 그가 가로되 이는 악이라 하고 그 여인을 에바 속으로 던져 넣고 납 조각을 에바 아구리 위에 던져 덮더라
Innis, “Kun hammina” jedhe; ergasii quunnaa keessatti gad ishee dhiibee qadaada dilaalii irraa hojjetame sana afaan quunnaatti deebise.
9 내가 또 눈을 들어 본즉 두 여인이 나왔는데 학의 날개 같은 날개가 있고 그 날개에 바람이 있더라 그들이 그 에바를 천지 사이에 들었기로
Ergasii ani ol nan milʼadhe; kunoo dubartoonni qoochoo isaanii jalaa bubbee qaban lama fuula koo dura turan! Isaanis qoochoo akka qoochoo huummoo qabu ture; quunnaa sanas samii fi lafa gidduutti ol fuudhan.
10 내가 내게 말하는 천사에게 묻되 그들이 에바를 어디로 옮겨 가나이까 하매
Anis, “Isaan quunnaa sana eessatti geessu?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
11 내게 이르되 그들이 시날 땅으로 가서 그를 위하여 집을 지으려함이니라 준공되면 그가 제 처소에 머물게 되리라 하더라
Innis, “Mana ijaaruuf jedhanii gara biyya Baabilonitti geessu. Yeroo manni sun ijaaramee qopheeffamutti quunnaa sana fuudhanii iddoo isaa kaaʼu.”

< 스가랴 5 >