< 아가 3 >

1 내가 밤에 침상에서 마음에 사랑하는 자를 찾았구나 찾아도 발견치 못하였구나
Ani halkan guutuu siree koo irra ciisee nama garaan koo jaallatu sana nan barbaade; ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.
2 이에 내가 일어나서 성중으로 돌아다니며 마음에 사랑하는 자를 거리에서나 큰 길에서나 찾으리라 하고 찾으나 만나지 못하였구나
Ani amma kaʼeen magaalaa keessa, daandiiwwanii fi oobdiiwwan irra nan deema; nama garaan koo jaallatu sana nan barbaada. Kanaafuu ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.
3 성중의 행순하는 자들을 만나서 묻기를 내 마음에 사랑하는 자를 너희가 보았느냐 하고
Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan; anis, “Michuu koo argitanii?” jedheen isaan gaafadhe.
4 그들을 떠나자마자 마음에 사랑하는 자를 만나서 그를 붙잡고 내 어미 집으로, 나를 잉태한 자의 방으로 가기까지 놓지 아니하였노라
Ani akkuman xinnoo isaan bira darbeen, nama lubbuun koo jaallattu sana nan argadhe. Anis isa nan qabadhe; hamman mana haadha kootti, diinqa haadha koo ishee garaatti na baatte sanaatti ol galchutti gad isa hin dhiisne.
5 예루살렘 여자들아! 내가 노루와 들 사슴으로 너희에게 부탁한다 사랑하는 자가 원하기 전에는 흔들지 말고 깨우지 말지니라
Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti, jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
6 연기 기둥과도 같고 몰약과 유향과 장사의 여러가지 향품으로 향기롭게도 하고 거친 들에서 오는 자가 누구인고
Isheen qumbii fi ixaana urgooftuu daldaltootaa hunda irraa hojjetameen urgeeffamtee akkuma utubaa aaraa gammoojjii keessaa ol baatu kun eenyu?
7 이는 솔로몬의 연이라 이스라엘 용사 중 육십인이 옹위하였는데
Kunoo! Siree Solomoon kan loltoota jaatama warra Israaʼel keessaa bebeekamoo taʼaniin marfamteerti.
8 다 칼을 잡고 싸움에 익숙한 사람들이라 밤의 두려움을 인하여 각기 허리에 칼을 찼느니라
Hundi isaanii goraadee hidhatu; hundinuu muuxannoo waraanaa qabu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii luqqeettuutti hidhatanii lola halkaniitiif qophaaʼan.
9 솔로몬왕이 레바논 나무로 자기의 연을 만들었는데
Solomoon mootichi ofii isaatii gaarii tolfate; innis muka Libaanoon irraa tolfate.
10 그 기둥은 은이요 바닥은 금이요 자리는 자색 담이라 그 안에는 예루살렘 여자들의 사랑이 입혔구나
Inni utubaa isaa meetiidhaan hojjete; jala isaa garuu warqeedhaan hojjete. Teessoon isaa kirrii diimaa dhiilgeedhaan hojjetame; keessi isaas jaalala intallan Yerusaalemiitiin bareechamee hojjetame.
11 시온의 여자들아! 나와서 솔로몬 왕을 보라 혼인날 마음이 기쁠 때에 그 모친의 씌운 면류관이 그 머리에 있구나
Yaa intallan Xiyoon gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa; inni gonfoo haati isaa gaafa fuudha isaa, guyyaa garaan isaa gammadetti, mataa isaa irra keesseef sana kaaʼateera.

< 아가 3 >