< 시편 147 >

1 할렐루야! 우리 하나님께 찬양함이 선함이여 찬송함이 아름답고 마땅하도다
Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!
2 여호와께서 예루살렘을 세우시며 이스라엘의 흩어진 자를 모으시며
Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara; Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.
3 상심한 자를 고치시며 저희 상처를 싸매시는도다
Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.
4 저가 별의 수효를 계수하시고 저희를 다 이름대로 부르시는도다
Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.
5 우리 주는 광대하시며 능력이 많으시며 그 지혜가 무궁하시도다
Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu.
6 여호와께서 겸손한 자는 붙드시고 악인은 땅에 엎드러뜨리시는도다
Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata.
7 감사함으로 여호와께 노래하며 수금으로 하나님께 찬양할지어다!
Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.
8 저가 구름으로 하늘을 덮으시며 땅을 위하여 비를 예비하시며 산에 풀이 자라게 하시며
Inni samiiwwani duumessaan haguuga; lafaafis bokkaa kenna; tulluuwwan irrattis marga biqilcha.
9 들짐승과 우는 까마귀 새끼에게 먹을 것을 주시는도다
Horiidhaaf waan isaan dheedan, yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna.
10 여호와는 말의 힘을 즐거워 아니하시며 사람의 다리도 기뻐아니하시고
Inni jabina fardaatti hin gammadu; yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;
11 자기를 경외하는 자와 그 인자하심을 바라는 자들을 기뻐하시는도다
Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada.
12 예루살렘아 여호와를 찬송할지어다! 시온아 네 하나님을 찬양할지어다!
Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu; Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.
13 저가 네 문빗장을 견고히 하시고 너의 가운데 자녀에게 복을 주셨으며
Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa.
14 네 경내를 평안케 하시고 아름다운 밀로 너를 배불리시며
Daarii keetiif nagaa kenna; qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.
15 그 명을 땅에 보내시니 그 말씀이 속히 달리는도다
Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; dubbiin isaas ni ariifata.
16 눈을 양털같이 내리시며 서리를 재 같이 흩으시며
Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; qorras akkuma daaraatti bittinneessa.
17 우박을 떡 부스러기 같이 뿌리시나니 누가 능히 그 추위를 감당하리요
Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
18 그 말씀을 보내사 그것들을 녹이시고 바람을 불게 하신즉 물이 흐르는도다
Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.
19 저가 그 말씀을 야곱에게 보이시며 그 율례와 규례를 이스라엘에게 보이시는도다
Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.
20 아무 나라에게도 이같이 행치 아니하셨나니 저희는 그 규례를 알지 못하였도다 할렐루야!
Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; isaan seera isaa hin beekan. Haalleluuyaa.

< 시편 147 >