< 시편 132 >

1 (성전에 올라가는 노래) 여호와여, 다윗을 위하여 그의 모든 근심한 것을 기억하소서
Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, Daawitii fi rakkina inni obse hundumaa yaadadhu.
2 저가 여호와께 맹세하며 야곱의 전능자에게 서원하기를
Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:
3 내가 실로 나의 거하는 장막에 들어가지 아니하며 내 침상에 오르지 아니하며
“Ani mana koo ol hin seenu; yookaan siree kootti ol hin baʼu.
4 내 눈으로 잠들게 아니하며 내 눈꺼풀로 졸게 아니하기를
Ani ija kootiif hirriba, baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;
5 여호와의 처소 곧 야곱의 전능자의 성막을 발견하기까지 하리라 하였나이다
kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti, Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”
6 우리가 그것이 에브라다에 있다 함을 들었더니 나무 밭에서 찾았도다
Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye; Yaaʼaarittis isa arganne:
7 우리가 그의 성막에 들어가서 그 발등상 앞에서 경배하리로다
“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa; ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.
8 여호와여, 일어나사 주의 권능의 궤와 함께 평안한 곳으로 들어가소서
‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.
9 주의 제사장들은 의를 입고 주의 성도들은 즐거이 외칠지어다
Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan; qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’”
10 주의 종 다윗을 위하여 주의 기름 받은 자의 얼굴을 물리치지 마옵소서
Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii, dibamaa kee hin gatin.
11 여호와께서 다윗에게 성실히 맹세하셨으니 변치 아니하실지라 이르시기를 네 몸의 소생을 네 위에 둘지라
Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera; inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu: “Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;
12 네 자손이 내 언약과 저희에게 교훈하는 내 증거를 지킬진대 저희 후손도 영원히 네 위에 앉으리라 하셨도다
yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan, ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.”
13 여호와께서 시온을 택하시고 자기 거처를 삼고자 하여 이르시기를
Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii; akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:
14 이는 나의 영원히 쉴 곳이라 내가 여기 거할 것은 이를 원하였음이로다
“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti; kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.
15 내가 이 성의 식료품에 풍족히 복을 주고 양식으로 그 빈민을 만족케 하리로다
Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.
16 내가 그 제사장들에게 구원으로 입히리니 그 성도들은 즐거움으로 외치리로다
Luboota isheetti fayyina nan uffisa; qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.
17 내가 거기서 다윗에게 뿔이 나게 할 것이라 내가 내 기름 부은 자를 위하여 등을 예비하였도다
“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha; dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
18 내가 저의 원수에게는 수치로 입히고 저에게는 면류관이 빛나게 하리라 하셨도다
Diinota isaatti qaanii nan uffisa; gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”

< 시편 132 >