< 민수기 36 >

1 요셉 자손의 자손 중 므낫세의 손자 마길의 아들 길르앗 자손 가족의 두령들이 나아와 모세와 이스라엘 자손의 두령된 족장들 앞에 말하여
Abbootiin maatii ilmaan Giliʼaad ilma Maakiir, ilma Minaasee kanneen maatiiwwan ilmaan Yoosef keessaa dhufan sun fuula Museetii fi fuula hooggantoota abbootii maatiiwwan saba Israaʼel duratti dhiʼaatanii dubbatan;
2 가로되 `여호와께서 우리 주에게 명하사 이스라엘 자손에게 그 기업의 땅을 제비뽑아 주게 하셨고 여호와께서 또 우리 주에게 명하사 우리 형제 슬로브핫의 기업으로 그 딸들에게 주게 하였은즉
akkanas jedhan; “Akka ati biyyattii dhaala gootee ixaadhaan saba Israaʼeliif kennituuf Waaqayyo Gooftaa koo ajajeera; akkasumas akka ati dhaala obboleessi keenya Zelofehaad intallan isaatiif kennitu inni si ajajeera.
3 그들이 만일 이스라엘 자손의 다른 지파 남자들에게 시집가면 그들의 기업은 우리 조상의 기업에서 감삭되고 그들의 속할 그 지파의 기업에 첨가되리니 그러면 우리 제비뽑은 기업에서 감삭될 것이요
Garuu yoo isaan ilmaan gosoota saba Israaʼel kaanitti heeruman dhaalli isaanii dhaala abbootii keenyaa keessaa fuudhamee dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama. Yoos dhaala ixaadhaan nuu qoodame irraa gariin isaa ni fuudhama.
4 이스라엘 자손의 희년을 당하여 그 기업이 그가 속한 지파에 첨가될 것이라 그런즉 그들의 기업은 우리 조상 지파의 기업에서 아주 감삭되리이다'
Yommuu Waggaan Iyyoobeeliyyuu kan saba Israaʼel dhufutti dhaalli isaanii sun dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama; dhaalli isaaniis dhaala gosa abbootii keenyaa irraa fudhatama.”
5 모세가 여호와의 말씀으로 이스라엘에게 명하여 가로되 `요셉 자손 지파의 말이 옳도다
Kana irratti Museen akkuma Waaqayyo dubbate sana akkana jedhee saba Israaʼel ajaje: “Wanni gosti ilmaan Yoosef jedhu sirrii dha.
6 슬로브핫의 딸들에게 대한 여호와의 명이 이러하니라 이르시되 슬로브핫의 딸들은 마음대로 시집가려니와 오직 그 조상 지파의 가족에게로만 시집갈지니
Wanni Waaqayyo waaʼee intallan Zelofehaad ajaje kanaa dha: Isaan gosa abbaa isaanii qofa keessaa haa taʼu malee nama jaallatanitti haa heeruman.
7 그리하면 이스라엘 자손의 기업이 이 지파에서 저 지파로 옮기지 않고 이스라엘 자손이 다 각기 조상 지파의 기업을 지킬 것이니라 하셨나니
Sababii tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala gosa abbaa isaa irraa argatu jabeessee qabatuuf, dhaalli ilmaan Israaʼel gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin.
8 이스라엘 자손의 지파 중 무릇 그 기업을 이은 딸들은 자기 조상지파 가족되는 사람에게로 시집갈 것이라 그리하면 이스라엘 자손이 각기 조상의 기업을 보존하게 되어서
Akka tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala abbootii isaa argatuuf, gosa ilmaan Israaʼel keessaa intalli dhaala argattu kam iyyuu gosa abbaa ishee keessaa nama tokkotti heerumuu qabdi.
9 그 기업으로 이 지파에서 저 지파로 옮기게 하지 아니하고 이스라엘 자손 지파가 각각 자기 기업을 지키리라'
Sababii tokkoon tokkoon gosa ilmaan Israaʼel dhaala ofii isaa jabeessee qabatuuf, dhaalli tokko iyyuu gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin.”
10 슬로브핫의 딸들이 여호와께서 모세에게 명하신 대로 행하니라
Intallan Zelofehaad akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana godhan.
11 슬로브핫의 딸 말라와 디르사와 호글라와 밀가와 노아가 다 그 아비 형제의 아들들에게로 시집가되
Intallan Zelofehaad Mahilaan, Tiirzaan, Hoglaan, Miilkaa fi Nohi ilmaan obboloota abbaa isaaniitti heeruman.
12 그들이 요셉의 아들 므낫세 자손의 가족에게로 시집 간고로 그 기업이 그 아비 가족의 지파에 여전히 있었더라
Isaanis maatiiwwan ilmaan Minaasee ilma Yoosef keessatti waan heerumaniif dhaalli isaanii gosa maatii abbaa isaanii harkatti hafe.
13 이는 여리고 맞은편 요단가 모압 평지에서 여호와께서 모세로 이스라엘 자손에게 명하신 명령과 규례니라
Ajajawwanii fi murtiiwwan Waaqayyo dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti karaa Museetiin ilmaan Israaʼeliif kenne kanneenii dha.

< 민수기 36 >