< 민수기 25 >
1 이스라엘이 싯딤에 머물러 있더니 그 백성이 모압 여자들과 음행하기를 시작하니라
Israaʼeloonni yeroo Shixiim keessa turanitti dhiironni isaanii dubartoota Moʼaab wajjin sagaagaluu jalqaban.
2 그 여자들이 그 신들에게 제사할 때에 백성을 청하매 백성이 먹고 그들의 신들에게 절하므로
Dubartoonni kunneenis gara qalma waaqota isaaniitti saba sana afeerraan, sabni sun qalma sana nyaatee waaqota sanaaf sagade.
3 이스라엘이 바알브올에게 부속된지라 여호와께서 이스라엘에게 진노하시니라
Israaʼel Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼe. Dheekkamsi Waaqayyoos isaanitti bobaʼe.
4 여호와께서 모세에게 이르시되 백성의 두령들을 잡아 태양을 향하여 여호와 앞에 목매어 달라 그리하면 여호와의 진노가 이스라엘을 떠나리라
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka dheekkamsi Waaqayyoo jabaan sun saba Israaʼel irraa deebiʼuuf, hangafoota saba sanaa hunda fuudhiitii guyyaa adiidhaan fuula Waaqayyoo duratti isaan fannisi.”
5 모세가 이스라엘 사사들에게 이르되 너희는 각기 관할하는 자 중에 바알브올에게 부속한 사람들을 죽이라 하니라
Museen abbootii murtii Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan namoota keessan kanneen Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan fixaa” jedhe.
6 이스라엘 자손의 온 회중이 회막 문에서 울 때에 한 사람이 모세와 온 회중의 목전에 미디안의 한 여인을 데리고 그 형제에게로 온지라
Kunoo namichi Israaʼel tokko utuma isaan balbala dunkaana wal gaʼii duratti booʼaa jiranuu fuula Museetii fi fuula waldaa Israaʼel guutuu duratti dubartii Midiyaan tokko gara maatii ofii isaatti fidate.
7 제사장 아론의 손자 엘르아살의 아들 비느하스가 보고 회중의 가운데서 일어나 손에 창을 들고
Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa waan kana arginaan waldaa sana keessaa baʼee eeboo harkatti qabatee
8 그 이스라엘 남자를 따라 그의 막에 들어가서 이스라엘 남자와 그 여인의 배를 꿰뚫어서 두 사람을 죽이니 염병이 이스라엘 자손에게서 그쳤더라
namicha Israaʼel sana duukaa buʼee dunkaana seene; namicha Israaʼelii fi dubartittiis walitti waraanee dhagna isheetti fullaase. Akkasiin dhaʼichi Israaʼelitti dhufe sun ni dhowwame.
9 그 염병으로 죽은 자가 이만 사천명이었더라
Garuu baayʼinni namoota dhaʼicha sanaan dhumanii 24,000 gaʼee ture.
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
11 제사장 아론의 손자 엘르아살의 아들 비느하스가 나의 질투심으로 질투하여 이스라엘 자손 중에서 나의 노를 돌이켜서 나의 질투심으로 그들을 진멸하지 않게 하였도다
“Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Aroon lubicha sanaa dheekkamsa koo Israaʼeloota irraa deebiseera; inni akka ani hinaaffaa kootiin isaan hin balleessineef, akkuma ani ulfina kootiif isaan gidduutti hinaafu sana innis hinaafeeraatii.
12 그러므로 말하라 내가 그에게 나의 평화의 언약을 주리니
Kanaafuu kunoo akka ani kakuu koo kan nagaa isa wajjin godhadhu itti naaf himi.
13 그와 그 후손에게 영원한 제사장 직분의 언약이라 그가 그 하나님을 위하여 질투하여 이스라엘 자손을 속죄하였음이니라
Sababii inni ulfina Waaqa isaatiif hinaafee Israaʼelootaaf araara buuseef, innii fi sanyiin isaa kakuu lubummaa kan bara baraa qabaatu.”
14 죽임을 당한 이스라엘 남자 곧 미디안 여인과 함께 죽임을 당한 자의 이름은 시므리니 살루의 아들이요 시므온인의 종족 중 한 족장이며
Maqaan namicha Israaʼel kan dubartii Midiyaan wajjin ajjeefame sanaa Zimrii ilma Saaluu ti; innis hoogganaa maatii Simiʼoon.
15 죽임을 당한 미디안 여인의 이름은 고스비니 수르의 딸이라 수르는 미디안 백성 한 종족의 두령이었더라
Maqaan dubartii Midiyaan kan ajjeefamte sanaa Kozbii intala Zuuri hangafa maatii Midiyaan tokkoo ti.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
“Midiyaanota akka diinaatti ilaaliitii ajjeesi;
18 이는 그들이 궤계로 너희를 박해하되 브올의 일과 미디안 족장의 딸 곧 브올의 일로 염병이 일어난 날에 죽임을 당한 그들의 자매 고스비의 사건으로 너희를 유혹하였음이니라
kunis waan isaan sababii Pheʼooriitii fi obboleettii isaanii Kozbii intala hoogganaa warra Midiyaan, dubartii guyyaa sababii Pheʼooriitiin dhaʼichi dhufe sana ajjeefamte sanaa irratti isin gowwoomsan sana akka diinaatti isin ilaalaniif.”